Ibsa Ijjannoo Yaa’ii dhaabbatummaa ODP


Ibsa Ijjannoo Yaa’ii dhaabbatummaa ODP
Hirmaattota Yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaan qophaa’e
----
Barri isaa fagoodha yaadannoon isaa ammoo dhiyoodha DhDUO
kaleessaa, ODP hardhaa imala waggoota darbanii keessatti daandiin irra
darbe kan injifannoon baayyeen itti galmaawan tahullee gufuuwwan isa
mudataniis salphaa miti.
Yaa ta’u malee duudhaan dhaloota isaarraa qabee Oromummaan
dagaagfataatiifii qajeeltoo jireenya isaa godhachaa dhufe kufanii ka’uuf
halaalatti quba qabuun dura quba ofitti qabanii of dhaggeeffatanii ofitti
deebi’uun of ceepheessaa of haaroomsaa deemuudha.
Seenaa kufanii ka’uutiif kan akka dubbii hanqaaquu yookiin killee caphaan
alaa dhuftu du’a, caphaan keessaa futtaatu lubbuu akka taatee rakkoofii
gaaga’ama hamaa hamma Ummanni Qabsoofnuuf duugda nutti gara galuu
gahee turee yaadannoo yeroo dhiyooti.
Paartiin keenya Qabsoo keessoo isaatti karaarraa maqnee karatti yaa
deebinuu taasiseen bu’aan harra naannoo keenya bira dabree biyyaaf ifuu
eegale nu miseensa paartii kanaaf qofaa miti kan biraatiifuu baruumsa
guddaa kan laatuufiidha.
Qabsoo Ummata Oromoo shiraaf dabaan moggatti dhiibamaa ture
walakkatti fiduun paartii ajandaa namaa baadhatee raawwatu otoo hin tahin
ajandaa ofii isaa bocuun sochoowu uumuun danda’amera.
Harra wa’aadaa isaa dhugoomsee maqaan gamatti gochaan jijjiiramee
gaachana nuu ta’e.
Imalli siyaasa jibbaa Falaasamna siyaasaa tokkummaa, jaalalaa, dhiifamaafi
ida’amuu gaggeessaa paartii keenyaa keessaa dhootee bahuun
tarkaanfachiifameen paartii lubbuu qabuufii lammitti lubbuu horee qalbii
miliyoonotaa booji’uun tokkummaa biyyaaleessaatiifuu wabii tahuu danda’u
ta’era.
Duudhaan sirna Gadaa Sabboonummaa Oromummaa dagaagsinee
Itoophiyaawummaa ittiin ijaaramtuufii dimokiraasiin itti dagaagu akka tahe
qabatamaan akka mullatu tahe.
Rakkoon kalaeessa nu mudattees taatu tan arra qarqabatti nu galfachuuf
nutti aggaamtu kamuu yoo muuxannoo xiiqii injifannoo caaluuf nu
qopheessite malee nu hin gufachiiftu, sababiin isaa muuxannoo keenyaatu
muuxannoo risaati, dhugaaf haqaaf ilkaan qarree haarawoomnee
tokkummaa Oromummaa bu’ursinee, Oromummaatti deebinee Oromummaa
kabajchiifnee utubaa biyyaa goone Itoophiyaa itti ijaarra .
Yaa’iin keenya 9ffaan dhaadannoo “Yaada moo’ataa injifannoo caalmaaf”
jedhuun gaggeessine kun ciminaaf hanqina,rakkoof fala isaa
kaayee,hirmaannaafii fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessummaarratti
kallattiin taa’e, filannoon hooggansa kutannoo, haqaafii beekkumsarratti
hundaawee gaggeeffame, walumaa galatti murtoowwan gurguddoon
darban Miseensa keenyatti abdii horee xiiqii toora paartii kootii qabadhee
waan hunda irra aanee injifachuu niin danda’a jedhu kan uumeedha .
Yaa’ii keenyaan yaad-rimee ijaarsa sirnaa keessoo dhaabaafi Demokraasii
lafa qabsiisuun ummata nu abdate warra abdii guutu taanee quuqqama
isaa quuqqamneefii rakkoo isaa furree hamileen jijjiiruuf hojiin heegaree
miidhagsuuf xurree nuu banu millachuu danda’era.
Magaaloonni keenya kan dirra ballatanii hiyyeessa buqqisuun boochisan,
harka yayyii keessaa arba qoqoree jigsuu barbaaduun kan abbaa cubbuu
coomsan otoo hin tahin giddu gala jireenya ammayyaa, gabaafii industirii
carraa hojii baballaa uumanii akka tahaniifiis yaa’iin nu warra abbaa qalbii
hojiin guddaan nu eeggatuuf hojii manaa qalbii keessa nu kaayee jira.
siyaasa hooggannee fayyaa faayoomsina, rakkoo kamuu furaa karaa
dabaafii gadadoo irra aanna yoo jennu garuu hawwii duwwaan otoo hin
tahin beekkomsaan tahuu qabaas qalbifannee jirra.
Kanaaf dhimmi jaarsa dandeettii, misooma qabeenya humna namaafii
saayinsiifii teeknooloojii dhimma murteessaa boqonnaan qabsoo irra
geenye nu gaafatu tahuu otoo hin dagatin heeraaf seeraan wal ammarra,
heeraaf seeraan biyya bulchina, heeraaf seeraan haqa keenya falmannee
nageenya dhala namaa hundaaf kutannee hoojjanna.
Kanaaf Yaa’ii Paartii keenyaaf yeroo seena-qabeessa ta’eefi akka haaraatti
bakka ka’uumsaa godhannee ummata keenya ballaa itti sosochoofnu
jannee abdanne kun qabsoo sirrii heegeree keenya murteessan kan itti
kaawwanne ta’uu isaa waliigaluudhaan ibsa ijjennoo abbaa qabxii 9
qopheeffanneerra.
Qaphxiiwwan ibsa jijjannoo hirmaattoota Yaa’ii 9ffaa
1.Kaleessa yoo hooggansi keenya mirga ummata Oromoof eelee
dhamaloomterra dhaabbatee falmu dhaabaa dagalee taanee keessoo
dhaabaa keenya cimsuu caalaa ilaalchaan makannee gariin keenya yoo
xiiqeeffannu, gariin keenya fakkeessaa, gariin keenya ammo busheessaa
taanee duudhaa dhaabaafii Ummata keenyaallee gannee turre.
Kana booda Maqaa miseensaan daldaluun,xawalwaallummaafii bakka lama
ijjachuun ODP keessatti iddoo hin qabaatuu obsaaniis bira hin darbamu.
Kanaaf nu hirmaattoonni yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa ODP hanqina
siyaasaa keenya beekkomsaan guuttachaa keessoo dhaaba keenyaa
qulqulleessuufii cimsuuf wa’aadaa ni seenna.
2.Akka dhala Oromootti wal-cimsinee sabboonummaa Oromummaa
dagaagsuun wal ijaaruu caalaa karaa walitti cufuuniifii waljibbinee deemsi
deemne walitti nu hammeesse malee walitti nu hin finne, dirree walitti
dhiphisne malee yaadaan wal hin moo’anne, kan nu ajjeesuuf dabarsinee
wal kannine malee akka ilmaan abbaa gadaa taanetti dahoo walii hin taane.
Kana booda garuu maqaa Oromoon daldalaa Oromoo waliin ficisiisuufii
gidiraaf saaxiluun akka hin danda’amnees ifatti labsame jira.
Kanaaf, nuti hirmaattoonni yaa’ii 9ffaa aadaa siyaasaa dulloomaa kana
guutumaan guututti keessa keenyaa gatuun, aadaa siyaasaa ammayyaa’aa
wal-dhaggeeffachuu, yaada moo’ataa maddisiisuu fi mariif dhiyeessuun
karaa tokkummaan Oromoo itti cimuu danda’urratti xiyyeeffannaa
guddaadhaan hoojjechuuf wa’aadaa ni galla.
3.Fayyadamummaan diinagdee ummata keenyaa keessattuu
dargaggootaafii dubartootaa guddatee qabeenya uumamaa keenya hunda
diinagdetti jijjiirrree biyya lammiin karaa sirriifii seeraa qofaan qabeenya itti
horatee hiyyummaa itti moohatu uumuuf injifannoo gama siyaasaan
gonfanne diinagdeeniis dabluuf nu hirmaattoonni yaa’ii dhaabbatummaa
9ffaa kallattii toora dhaabni keenya kaa’urra fullaanee faayiddaa diinagdee
ummata keenyaa mirkaneessuun warraaqsa diinagdee finiinsuuf
kutannoodhaan hoojjachuuf irra deebinee wa’aadaa ni galla!!!!
4. ODP akkuma kaleessa mirgaafii walqixxummaa sabaafii sablammoota
biyyattiif aarsaa kafale harraas saba ballaa Oromoofii sabaaf sablammoota
biyyattii waliin tahee gochoota toora paartiirraa maqan saaxilaa,irrattiis
qabsaawaa biyyi akka biyyaatti akka itti fuftu halkanii guyyaa hoojjechaa
jira.
Ummanni Oromoos aadaan hammachuu,jaalalaan moohachuu, wajji
jireenyaafii wal danda’uu sabaafii sablammoota akkanumaas ummattoota
biraatii waliin qabu cimsatee akka itti fufu
nu hirmaattoonni yaa’ichaa Kabajniifii wajji jireenyi Obbolummaa Duudhaa
hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabufii biyya ijaaruu
keessatti ga’ee qabu akkuma kaleessaa cimsee akka itti fufuu qabu yeroo
kamiyyuu caalaa kutannoo cimaadhaan ni hoojjanna!!!!
5.Siyaasni keenya kan galma ga’u, hoomishnee calleeffannee rakkoon
bulchiinsa gaariis furamuu kan danda’u olaantummaan seeraa kabajamee
nageenyi yoo mirkanaawe qofa
Daldaltoonni siyaasaa karaa adda addaan abdiin harra mullate isaan
miidhuufi gufachiisuu barbaadan kana booda sakandii tokkoofuu akka hin
obsineefii tolaaniis tahe humnaan adaba qabsiisuu akka danda’u ijjannoo
cimaa paartiin keenyaafii mootummaan paartii keenyaan hoogganamu
fudhachaa jiru nu hirmaattoonni yaa’ii 9ffaa dinqisiifannaa olaanaadhaan
ilaalla.
Kanaaf karaa badii nageenya keenya booreessu kamuu hadheeffannee
irratti qabsaawaa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf kutannoo
cimaadhaan ni hoojjenna.
6. Sirni demokraasii hirmaannaa ummataa hin mirkaneessine fulla’iinsa
qabaachuu hin danda’u. Muxxannoo waggoottan imala haaromsaa
dabarsine irraa argannees yoo ijaaf gurra ummata itti ilaallee
dhaggeeffannee hirmaachisu qabaanne wanni dadhabnu kamuu akka hin
jirre baruumsa guddaa kan nuuf laateedha.
Waan ta’eefis, waan hoojjennu kamirrattuu abbaa hoojjennuuf ummata
keenya maaliif akka hoojjennuufii yoom akka hoojjennu iftoomina uumnee,
ummata keenya hirmaachisaafii fayyadamummaa isaa mirkaneessaa
deemuuf wa’aadaa ni galla!
8. Adeemsa kana duraan hojii seenaaf tahu hoojjanne otoo of harkaa
qabnuu dhibeen siyaasaa fayyaa nu dhoorkaa wal afaan nu deebisaa wal-
nu nyaachisaa qoqoraaf karra bantee qa'ee nu onsaa turte ijoon takka
hanna karaa adda addaan raawwatamuudha.
Waan itti hin dafqine nyaachuun haraam, faayiddaaf haqa dabsuun,tajaajila
irrisuufii sobuun duudhaa Oromummaatii miti.
Hattuun saba hin qabdu, faradduun amantaa hin qabdu, dabsituun haqaa
gosa hin qabdu, xawalwaalleefii waliin dhooftuun kabaja hin qabdu,
kanaaf nu warra saba guddaa kanarraa dhalatee saba guddaa kanaaf
hoojjechuuf haarawoomneef hannaaf malaammaltummaan kana booda
paartii keenya keessatti iddoo waan hin qabaanneef ofii irraa qulqulloofnee
dhaloota gocha hamaa kana balaaleeffatu horachuuf wa’aada ni galla.
9. Kana booda hamma ida’amnee jaalalaan moo’annee caallee argamnetti,
daandii keenya Oromummaa,Oromoon Oromiyaafii biyya itti jaarrurraa wanti
of booda nu deebisu hin jiraatu
Yaa’ii keenya Boqonnaa qabsoo haaraa irra geenyeeniifii hojii guddaa
injifannoo caalmaaf hoojjennuun Oromummaa Quxusuun hangafa kabajuu
nu barsiiseen hangafoota keenya kabajaafii galataan gaggeeffannee
hooggansa haaraa jijjiirama kana itti fufsiisuu danda’an beekkomsaafii
iftoominaan filannee jirra
Kanaaf nuti hirmaattoonni yaa’ii 9ffaa hooggansi haaraan Mootumnmaafii
dhaaba cimaa ijaaru jannee filanne Qajeelfama kaayyoo dhaabaafii
faayiddaa ummata keenyaa kabajchiisuuf nuuf dabarsan kamuu amantaa
guutuun fudhannee hojiirra oolchuuf qophaawummaa cimaa kan qabnu
tahuu keenya irra deebinee ni mirkaneessina.
Injifannoon Ummata Oromoo tiif!
Kabajaafii Ulfinni Bara Baraa Jaallewwan Qabsoo Kanaaf wareegamaniif!
Fuulbana 11 Bara 2011
Jimma

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman