Yaada Moo’ataa Injifannoo Caalmaaf!


Yaa’ii Dhaabbatummaa 9ffaa Dh.D.U.O. geggeeffamuuf guyyaan dhihaachaa jira. Yaa’iin kun yaa’iwwan kana dura geggeeffamaniin adda akka ta’e hubachuun barbaachisaadha. Murtoowwan sadarkaa qabsoon Oromoo yeroo ammaa irra gahee kan itti darbanii fi jijjiirama dhufaa jiruuf kallattii ce’umsaa kan kaa’udha jedhamee eegama.
Yaa’iin kun ergaa ijoo” YAADA MOO’ATAA INJIFANNOO CAALMAAF” jedhuun Magaalaa Jimmaatti geggeeffama. 
Yeroo ammaa Yaa’ii kana dura haala dureewwan yaa’ichaaf bu’uura ta’an raawwatamaa jiru. Mariin sadarkaa sadarkaan geggeeffamaa jira. Namoonni yaa’icharratti hirmaatan iftoominaa fi qulqullinaan filatamu. Namoonni yaa’ii kanarratti filatamuu qaban kanneen jijjiirama haaraa waliin tarkaanfachuu danda’aniifi qabsoo Oromoo sadarkaa olaanaatti ceesisuuf humna, beekumsaa fi dandeettii qabanidha. Filatamtoonni yaa’icharratti hirmaachuu qaban lagummaan, firoomaan, loogummaa fi hojimaata badaa kkfn filataman akka hintaane ofeeggannoo cimaa gochuu gaafata. Kun akka ta'uuf ammoo waltajjichi demokraatawaa, hirmaachisaa fi qabsoo ho'aan kan irratti gaggeeffamu akka ta'u eegama. 
Yaa’iin 9ffaan kun qabsoon ummata Oromoo sababa tokkummaa dhabuufi shira diinaatiin jaarraa tokkoo fi walakkaadhaaf harkifachaa ture injifannoodhaan boqonnaa haaraatti ce’uun siyaasni Oromoo biyyarra darbee sadakaa gaanfa Afrikaatti dhiibbaa uumuu yeroo jalqabetti gaggeeffamuun isaa yaa’ii seena qabeessa isa taasisa.
Ergamni dhaabbatummaa kanaan booda baay’ee ulfaataa fi sadarkaa qabsoon ummata Oromoofi paartichaa irra gahe waliin kan wal-gitu ta’a. Yaa’ii kanaan miseensonnii dhaabbatichaa gahumsa, dandeettii, naamusa, kutannoofi ergama qabsoo ummata Oromoorraa maddu gahumsaan bahachuu danda’an gara gaggeessummaatti ni dhufu jedhamee eegama. 
Sadarkaa qabsoon Ummata Oromoo Irra gaheen Moggaasni maqaa fi loogoon Paartichaa haaraanis yaa'ii kanaan murtaa'ee ni ifooma jedhamee eeggama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman