Injifannoo naannawa gaanfa Afrikaa!


Hooggantoonni Itiyoophiyaa Eertiraafi Soomaaliyaa dhimmoolee gara garaa irratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.Kun injifannoo guddaadha.Waan darbe hunda xinxallee yoo ilaalle waliigalteen hooggantoonni biyyaalee sadeenii Asmaraa Eertiraatti mallatteessan kun injifannoo ol’aanaadha.
Waliigalteen hooggantoonni sadeen waliif mallatteessan tumsa naannichaa finiinsuuf shoora ol’aanaa gumaacha.Biyyaaleen sadeen waliigalteen mallatteessan kanaan Nagaafi tasgabbii naannichaa amansiisaa taasisuuf kan gargaarudha.Kana malees dhimmoolee hawaas-diinagdee ummattoota biyyaalee sadeenii misoomsuuf dagaasuuf itti fayyadamuuf balbala bal’aa bana.

Ministirri muummichi keenya Dr.Abiy Ahmad,pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiifi pireezidaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahii(Foormaajoon) haala kanaan waliigaluu danda’uun isaanii naannichaaf hiika guddaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha.Waliigalteen kun guddina diinagdee biyyaalee sadeenii gara fuulduraatti tarkanafachiisuufis haala mijaawaa kan uumudha.
Waliigaltee hooggantoota kanaatiin shoroorkeessitoonni iddoo kamiyyuu jiran naasuu guddaa keessa akka galan beekamaadha.Shoroorkeessitoonni biyya keessas ta’e biyyaalee alaa jiran sababa waliigaltee kanaatiin riifaatuu keessa galuun isaanii dirqamadha.Balballi shorookeessitumaa yoo itti cufamu naasuu keessa galuun isaanii waa malee miti.Gareen shoroorkeessaan al-Shabaab jedhamee beekamu ammaan booda akka barbaadetti jeequufi Nagaa booressuu hin danda’u.

Ministirri muummichi Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad,pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiifi pireezidaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahii(Foormaajoon) waliigaltee taasisan kana bu’ura taasifachuudhaan damee diinagdee,siyaasa,aadaa hawaasummaafi dhimmoolee Nagaafi tasgabbii irratti walta’uudhaan hojjetu.
Akkaataa waliigaltee kanaatiin waldhabdeen Eertiraan daangaa irratti Jibuutii waliin qabdu mareedhaan furmaata kan argatu ta’a.Kanaanis Naannoon gaanfa Afrikaa injifannoo itti fufiinsa qabu argata.Yaaddoon Nagaa biyyaalee naannichaas hallayyaatti dhidhima.Wixiffannaan humnoota tokko tokkoon biyya keessatti taasifamus coolagee dhabamaa deema.Hooggantoonni biyyaalee sadeenuu baga waltaatan baga waliigaltan!


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman