Ag’aazii busheessuun maalif?
Humni Nagaan akka boora’u barbaadu humnoota Nagaa kabajisiisan ijaan arguu hin fedhu.Fedhii kana guuttachuudhaaf ammoo humnoota Nagaa hawaasaa kabajisiisuuf bobba’an hundatti maqaa baasuudhaan akka balaaleeffatamaniif carraaqa. Hmnoonni Nagaa kabajisiisan hawaasaan akka jibbamaniif sababoota adda addaa tarreessuudhaaniifi maqaan akka itti ba’u taasisuun shirri humnoonni farra Nagaafi misoomaa halkaniifi guyyaa xaxan beekamaadha. Humnoota Nagaa kabajisiisaniifi hawaasa biratti argamuudhaan qaamolee hawaasaa adda addaa wajjin qindaa’uudhaan hojjechaa jiran keessaa tokko humna kabajisiisaa Nagaa Ag’aazii jedhamudha. Humni kun akkuma qaamolee Nagaa kabajisiisan kanneen biroo hojiisaa idilee hojjechuudhaan xiyyeeffannoon hawaasa keenyaa yaaddoo boora’uu Nagaa utuu hin taane misooma irratti akka ta’uuf carraaqaa jira. Kan jedhamaa tureefi wayita ammaas humnoota badii tokko tokkoofi miiltoota isaaniitiin afarfamaa jiru garuu carraaqqii humna kanaa kan busheessu ta’uunsaa ...