Mootummaan qaamoota jeeqamsa yeroo darbeetti dogongoraafi utuu hin beekin hirmaatan gorsaan akka darbu hime

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhiifi faayidaa ummata Oromoo kabajuufi kabajisiisuuf qophaa’umsa ol’aanaa akka qabu beeksiseera.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa miidhaa  jeeqamsa dhiyeenya mudateen ga’eefnis gaddasaa irra deebi’uudhaan ibseera.

Fedhiifi gaaffii ummata naanichaa kabajaan akka ilaaluufi gara fulduraattis fedhii ummata Oromoo guutuuf akka hojjetamu himeera. 

Biiroon dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa har’a haala yeroo irratti ejjennoo mootummaa balballoomseen akka jedhetti mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhiifi faayidaa ummata Oromoo eeguu,kabajuufi kabajisiisuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa qophaa'uumsa qaba.

Biirichi ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen akka jedhetti mootummaan murteewwan koree jiddu galeessa dhaabbata demookraatawa ummata Oromootiin tibbana ba’an hunda hojiirra kan olchu ta’a.

Lammiiwwan dogongoraafi burjaajeeffamuudhaan akkasumas utuu hin beekin jeeqamsa dhiyeenya mudate keessatti hirmaataniif garaa bal'achuudhaan mootummaan Naannoo Oromiyaa dhiifama akka taasisuufi gorsaan akka darbuun eeruun humnoota badii Nagaafi misooma naannichaa gufachiisuuf socho'an seeratti dhiyeessuuf hawaasni akkuma kanaan duraa hirmaannaa taasisu cimsuudhaan akka itti fufuuf gaafateera.


Faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa argattu  ilaalchisuudhaan kallattuma koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O kaa’een kan raawwatamu akka ta’eefi keewwatawwan lameen 9ffaafi 10ffaa labsii magaalaa irratti xiyyeeffatan caffeetti deebi’anii akka ilaallamanis mul’iseera.

Maastar pilaaniin qindaa’aan bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee misooma ummataatiif kan karoorfame ta’us ummata biratti shakkiifi gaaffii uumaa akka ture ibsi biirichaa yaadachiiseera.

Mootummaan dhimma kana irratti maree hawaasa wajjin taasiseen gaaffichi kan ummataa ta’uusaa waan hubateef akkaataa kallattii koreen jiddu galeessa Dhaabbata Demookratawa Ummata Oromoo kaa’een karoorri qindaa’aan guutumaafi guutuutti akka hafe mootummaan naannichaa mirkaneesseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummata naannichaa wajjin ta’uudhaan lammiiwwan sababa jeeqamsaatiin qabeenyi jalaa miidhame akka deegarus ibsa kanaan eerameera.

Ibsi biirichaa dura bu’oonni amantaa,abbootiin Gadaa,manguddoonni biyyaafi maatiin akkaataa aadaafi dudhaa Saba Oromootiin jeeqamsi ka’ee Nagaan akka hin boorofneef shoora gumaachaniif kan galateeffate  mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii gaarii kana gara fuulduraattis cimsuudhaan akka itti fufaniif waamicha dhiyeesseera.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman