Ag’aazii busheessuun maalif?

Humni Nagaan akka boora’u barbaadu humnoota Nagaa kabajisiisan ijaan arguu hin fedhu.Fedhii kana guuttachuudhaaf ammoo humnoota Nagaa hawaasaa kabajisiisuuf bobba’an hundatti maqaa baasuudhaan akka balaaleeffatamaniif carraaqa.


Hmnoonni Nagaa kabajisiisan hawaasaan akka jibbamaniif sababoota adda addaa tarreessuudhaaniifi maqaan akka itti ba’u taasisuun shirri humnoonni farra Nagaafi misoomaa halkaniifi guyyaa xaxan beekamaadha.

Humnoota Nagaa kabajisiisaniifi hawaasa biratti argamuudhaan qaamolee hawaasaa adda addaa wajjin qindaa’uudhaan hojjechaa jiran keessaa tokko humna kabajisiisaa Nagaa Ag’aazii jedhamudha.

Humni kun akkuma qaamolee Nagaa kabajisiisan kanneen biroo hojiisaa idilee hojjechuudhaan xiyyeeffannoon hawaasa keenyaa yaaddoo boora’uu Nagaa utuu hin taane misooma irratti akka ta’uuf carraaqaa jira.

Kan jedhamaa tureefi wayita ammaas humnoota badii tokko tokkoofi miiltoota isaaniitiin afarfamaa jiru garuu carraaqqii humna kanaa kan busheessu ta’uunsaa beekamaadha.Ololliifi arrabsoon humna kana irratti roobu miidhaa geessisuu kan danda’u utuu ta’ee Ag’aaziin guyyaa tokkitti bada jechuun ni danda’ama.

Haa ta’uutii ololliifi oduun jette jettee humnoota dhiphootaafi of tuultootaa bu’ura dhugaa tokkollee kan hin qabne waan ta’eef Ololli dhiitee bariitee humna Nagaa kabajsiisaa jiru kana irratti dhiyaatu jijjiiramni fidu hin jiru.

Humni kun humna aantummaa ummataa qabudha.Akka dhiphoonniifi oftuultoonni oduu uumanii odeessanitt humni kun saba Tigree qofa keessaa kan walitti baba’e utuu hin taane Saba Oromoo dabalatee sabaafi sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa keessaa kan walitti baba’edha.

Kanaaf humna ummata hunda keessaa ba’eefi aantummaa ummataa qabu kana balaaleeffachuufi akka jibbamuuf gadi qicuun carraaquun medaallii kamiiniyyuu fudhatama kan qabu miti.

Ag’aazii keessa dhalattoonni Oromootis jiru.Dhalattoonni Saba Oromoo caasaa Nageenyaa kana keessatti hiriiruudhaan dirqama isaanii ba’aa jiran sochiin isaan gama kamiinuu taasisan fayyadamtummaa ummata Oromoo kabajisiisuudhaan diina haala kamiiniyyuu Nagaa ummataa boressuudhaan misoomaafi guddinni akka itti hin fufneef carraaqu qolachuudha. 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman