IBSA KOREE GIDDU GALEESSA Dh.D.U.O IRRAA KENNAME
Ummatni
Oromoo hojiiwwan misoomaa fi ijaarsa sirna dimokraasii keessatti hirmaannaa
bal’aa taasisuun maleetti, dhimmoota fayyadamummaa isaa ni miidha jedhee shakku
akka sirratuufi walhubannaan waliinii akka uumamu sochii bal’aa taasisaa turee
jira.
Dhaabbatni Dimokraatawaa Ummataa Oromoos uumamaafi kaayyoon isaa
fayyadamummaa ummataa giddu galeessa godhatee kan qabsaa’u waan ta’eef
gaaffiiwwaniifi yaadawwan ka’an kamuu bu’aa sirna ijaaraa jiruu ta’uu isaa
hubatee ummata hojiin furmaata itti kennaa turee jiraa har’as akkuma kaleessaa
ummanni bal’aa oromoo sochii bal’aa misooma irratti taasisaa jiru irratti
yaadaafi gaaffiiwwan isa quuqan osoo ilaaltee jedhee gaafachuun isaatiin
dhaabbatichi dhaaba ummataa yoomiyyuu ummataaf jiraatu ta’uu isaa gochaan kan
mirkaneesseedha. Kuni immoo injifannoo qabsoo keenyaati.
Yaa ta’u malee, qaamoleen akkuma kaleessaa aantumaa ummatummaa hin qabne fedhiifi faaydaa dhuunfaa isaanii karaa qaxxaamuraatiin galmaan gahachuuf jecha gaaffiiwwan sirrii fi iftoominaa ummatni keenya dhaaba isaa gaafatu dabsuun wixirfachaa jiru. Kuni immoo ummata keenya bal’aa biratti dhimma yoomiyyuu fudhatama hin qabnee ta’uu dhaabni keenya ni amana.
Koreen Giddu Galeessaa DH.D.U.O walgahii ariifachiisaa Amajjii 1-3 Bara 2008
magaalaa Adaamaatti taasiseen dhimmoota haala yeroo naannoo Oromiyaa keessatti
uumaman ilaalchisuudhaan maree baldhaa fi gad fageenyaa qabu erga taasiseen
booda murteewwan gurguddoo dabarsuufi kallattiiwwan fuula duraas kaawuun ibsa
dhaabbatummaa isaa dabarseera.
DH.D.U.O’n Dhaabbata roorroo fi cunqursaan sirnoota darbanii keessattii fi gita
bittootaan ummata oromoo irra gahaa turee waanjoo gabrummaa gateettii ummata
oromoo irraa buusuudhaafi gaaffiilee eenyummaa sabummaa,mirgoota dhala namaa fi
dimokiraasii, gaaffiilee nagaa fi misoomaa akkasumas fayyadamummaa ummata
oromoo deebisuudhaaf wareegama seenaan bara baraan yaadatu kaffalee jira.
Dabalataangaaffiilee ummata oromoo bara dheeraa aarsaa dhiigaafi lubbuutiin
deebii kennuudhaan injiffannoowwan boonsaa fi calaqqisoo ta’an qabatamaadhaan
ummata oromoo akkuma gonfachiise hunda, injifannoowwan kana boqonnaa olaanatti
ceesisuudhaan gaaffiilee misoomaa,nageenyaa fi dimokiraasii ummata oromoo
deebisuudhaaf har’as akkuma kaleessaa waadaa isaa kan haaromsu ta’uu
mirkaneessee jira.
Barii Kufaatiifi burkataayuu sirna gita bittootaatti aansees
DH.D.U.O’ninjiffannoowwan gama siyaasaa, diinagdee fi hawasummaa kallattii
hundaan akka fooyya’u gochuu keessatti gahee adda durummaa taphatee jira.
Boqonnaawwan keessa dabarree fi haaraa keessattis sadarkaa sadarkaadhaan
jijjiirama bu’uuraa fi geeddarumsi hunde qabeessa ta’eakka dhufuu fi lafa
qabatuuf tumsaa fi abbummaa ummta baldhaa wajjiin ariitiidhaan fuula duratti
tarkaanfachaa jira.
Ummatni oromoo gama siyaasaatiinhiree ofii ofiin murteefachuu, ofiin ofbulchuu,
walqixxummaa sabaafi amantaa akka mirkanaawuuf, aadaa ofii fi seenaa isaa
guddifachuu, ittiin boonuu, afaan ofiitiin barachuu, mirgoota dhala namaa fi
dimokiraasii heera mootummaan gonfateen biyya isaa keessatti lammii lammataa
ta’uunsaa hafee mataa ol qabatee akka jiraatu godhamee jira.
Gama mirgoota dimokraasiitiin mirga guraawuu,mirga filuu fi filatamuu, kan fedhe deeggaruu fi mormuu akkasumas mirgootni kanneen birooeenyuunuu hallamuu hin dandeenye akka mirkanaayu dhaabbata taasisee dha.

Gama diinagdeetiin mirga abbaa lafummaafi itti fayyadamummaa isaa heera
mootummaatiin akka mirkanaawuuf ta’ee jira. Bu’uurama kanaan,
Kaayyoo keenya irraa kan maddu tarsiimoo qonnaa fi baadiyyaa giddu galeessa godhachuudhaan baadiyaa keenya kan kaleessa giddu galeessa hiyyummaa fi boodatti hafummaa ture oomishaa fi oomishtummaa keenya guddisuudhaan jiruufi jireenya qonnaan bulaa akka jijjiiramu godhee jira. Kunis seenaa biyya keenyaa hundee irraa kan jijjiiree fi dhaabbatni keenya yoomiyyuu taanaan aantummaa ummata isaa tiifi sirrummaa toora keenyaa kan mirkaneessee dha.

Haaluma walfakkaatuun, jiruufi jireenya hawaasa magaalaa keenyaa jijjiiruudhaaf
tarsiimoo industirii fi misooma magaalaa baasuudhaan hojiirra akka oolchuudhaaf
tumsa taasifameen bu’aawwan jajjabeessoo ta’an galmaayanii jiru.
Hundaa olitti sirna hedduminaa fi walqixxummaa sabaa fi amantaa keessummeessuu
danda’u waggoottan darban ijaaruu keenyaan giddu gala woraanaa fi walitti
bu’iinsa yaaddoo ummataa ta’aa ture hanbisuudhaan nageenyi amansiisaa fi itti
fufiinsa qabu akka mirkanaawu taasisee jira. Nageenyi argamuu isaatiinis
yaaddoo tokko malee fuula isaa gara duula farra hiyyummaa irratti
naanneffachuudhaan humnaa fi qalbii isaa guutuudhaan misooma naannoo isaa fi
dhuunfaa isaa irraatti akka bobba’u ta’aa jira.
DH.D.U.On injifannoowwanii gama Siyaasaa, Misoomaa fi Dimokraasii fi jijjiiramootaa hin haalamne qabsoodhaan galmaayan kanneen jiraachuu isaanii yoo ibsu tabbi guddaan hiyyummaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii akkasumas guddina jijjiirama bu’uuraa galmeessuu akka qabnu,siyaas diinagdee kiraa sassaabdummaa mo’aachuudhaan toorri dimokiraasii fi misoomawaa mirkaneessuuf adeemsa godhamu keessatti ammas qabsoo keessa akka jiru ni hubata. Kanaafis tumsi ummata oromoo har’as akkuma kaleessaa nu bira dhaabbachuudhaan gara boqonnaa olaanaatti akka ceesisu abdii qabna.
Ummatni oromoo filannoo marsaa 5ffaa Naannootiifi Biyyoolessaatiin sagalee isaa keennuun imala haarumsaa itti fufsiisuuf fedhii qabaachuu isaa ifatti mirkaneessee jira. Ummatni sagalee isaa dhaaba keenyaaf yeroo kennu jijjiiiramoota abdachiisoo ta’an akka itti fufaniifi rakkoolee bulchiinsa gaarii fi fedhii misoomaa dabalaa jiru dhaabni keeny hiikuu akka danda’u amanee akka ta’e dhaabbanni keenya ni hubata. Haaluma kanaanis yaa’ii dhaabbatummaa 8ffaa keenyaatiin rakkoolee bulchiinsa gaarii adda bayan har’as akkuma kaleessaa seexaa qabsoo cimaadhaan hiikuudhaan qophaawummaa isaa irra deebi’ee ummata isaatiif ni mirkaneessa.
Haa ta’u malee rakkoolee tibbana naannoo keenya keessatti dhalatan wajjiin wal qabatee koreen giddu galeessaa DH.D.U.O ulfinaa fi xiyyeeffannoo olaanaa kennuudhaan ka’uumsa rakkinichaa, miidhaa rakinichi dhaqqabsiise,baldhinaa fi ibsamoota isaanii roga hundaan ilaaluudhaan muuxxannoo fi aadaa qabsoo dimokiraatawa dhaabbatichi horateen erga madaale booda kallattiin hiikkoo rakinichaas kaayamee jira.Dh.D.U.O’n akkuma kaleessaa rakkkoolee qabsoo keessatti qunnaman yeroo madaalu madaallii fi safartuun isaafaaydaa ummata bal’aa fi duudhaa aantummaa ummtummaa isaa irraa ka’uudhaan akka ta’e ni beekkama.
Haaluma kanaan Kabajamaa Ummata Oromoo!!!
1. Waan hunda dura sababa rakkoo dhalatee kanaan lubbuu lammiiwwaanii darbe,miidhama qaamaa fi qabeenyaa dhaqqabeef gadda guddaan akka itti dhagahameibsuudhaan ummta oromoo hundaa fi maatii miidhamtootaaf jajjabina hawwa.qaamotamiidhaa kanaan hubamaniifis deeggarsa deebisanii dhaabuu fi jajjabeessuu ummata baldha wajjiin tumsa akka godhus ni mirkaneessa.
2. Rakkooleen kun akka hin babaldhannee fi badiin kanaa olii akka hin qaqqabneef ummatni baldhaan magaalaa fi baadiyyaa amantaa fi sabummaan osoo wal hin qoodin tumsa taasiseef dhaabbatni keenya dinqisiiffannaa fi galata guddaa galchuufii barbaada.
3. Rakkoolee dhalatan kanakeessatti qaamota qooda fudhatan hundaa haala gaaffii isaanii fi amaloota gochaan ibsaman irraa ka’uudhaan dhaabni keenya addaan baasee ilaala.gaaffii haqa qabeessa mirga sabaa fi lammii ta’ani ummatni mootummaa isaa gaafateef ulfinaa fi kabajaa qabu ammas irra deebi’ee ni ibsa.
4. Komii fi gaaffii sirrii ummata keenya irraa sadarkaa sadarkaadhaan ka’aa dhufan addaan baasnee murtii ummata keenyaa fudhachuudhaan haal duree tokko malee hojii irra oolchuudhaaf qophaayummaa qabnuu fi kabajaa ummata keenyaaf qabnu yemmuu ibsinu kabajaa olaanaadhaan.
Haaluma kanaan:-
Tokkoffaa: Pilaanii qindaawaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee tiifi Godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee jalqabamisoomaa ummatni oromoo irraa fayyadamu yaaduudhaan kan jalqabameefi akkaataa adeemsa isaa irratti hanqinaaleen adda addaa kan mul’atanta’uun isaa ni yaadatama. Waa’ee hojiirra oolmaa pilaanii qindaayaa magaalaa finfinnee fi godina addaa naannawa Finfinnee ilaalchisee gaaffiiwwaan ummata keenyarraa ka’an giddu galeessa godhachuudhaan yeroo adda addaa ummata keenyaa waadaa galleen ummata keenya mariisisuun fedhii isaa giddu galeessa godhachuudhaan akka murteessinu irra deddeebiin ibsaa turuun keenya ni yaadatama.
Bu’uuruma waadaa galameetiin ummanni keenya sadarkaa adda addaatti maree gaggeessuudhaan yaada walfakkaataa qabachaa dhufee jira.Kanarraa ka’uun dhaabbatni keenya Dh.D.U.O’n akkuma kaleessaa har’as fedhi ummata isaa kabajee hojiirra oolchuuf qophiidha. Kanaafuu, pilaanii qindaayaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin jalqabamee ture kanaan dura bakka jirutti akka dhaabbatu murtaayuun isaa ni yaadatama. Yeroo ammaa gaaffii ummatni keenya irraa dhiyaate giddu galeessa godhachuun pilaanii qindaayaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiifi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee guutumaa guututti akka dhaabbatu koreen giddu galeessaa dhaabbata dimokraasummaa ummata oromoo murteessee jira.
Lammaffaa: Gaaffii faaydaa addaa NaannoonOromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa argachuu qabu ilaalchisee haaluma heera motummaa keessatti taa’e irratti hundaayuudhaan deebii yeroo gabaabaa keessatti akka argatuuf Dhaabni keenya kan hojjachaa jiru ta’uusaa ni ibsa.
Sadaffaa: Labsii magaalota Naannoo Oromiyaa kanaan dura Caffeetti dhiyaatee mirkanaawuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee, keewwattoota adda addaa irratti ummatni shakkii qabu bifa gaaffiitiin deddeebi’ee kaasaa turuun isaa hubatameera.Dhimmoota kanneen irratti Mootummaan Naannoo Oromiyaa Caffeetti dhiyeessee irra deebiin akka ilaallamu koree giddu galeessa murteessee jira.

Afraffaa: Waa’ee bulchiinsa gaarii fi rakkoolee komii ummataa ilaalchisee
haaluma murtii yaa’ii dhaabbatummaa 8ffaa keenyaatiin sadarkaa sadarkaadhaan
rakkoowwan jiran addaan basuudhaan ummata keenya wajjiin harka wal qabannee
dhawaataan hiikuudhaaf qophaayummaa qabnu irra deebii’uudhaan mirkanneessaa,
ummatni keenyas rakkoolee jiran qabsoodhaan akka hiikkamuu danda’an akkuma
kaleessaa tumsa wal irraa hin citne akka taasisu waamicha keenya ni dabarsa.
Shanaffaa:Humnoota sababa gaaffii ummtaa dayeeffachuudhaan fedhii siyaasa
kasaaree fi ergama badii isaanii kana keessa galmaan gahachuuf yaalan
dammaqinaan ilaaluudhaan fedhii fi hawwiin isaanii biyya kana diiguu fi ummata
oromoo imala guddina misooma isaa boodatti deebisuudhaaf akka ta’e
hubachuudhaan. Humnootni kun fedhii isaanii humnaan raawwachiisuudhaan sirna
heera mootummaa diiguudhaaf yaaliin godhan madaallii kamiinuu fudhatama kan hin
qabne ta’uu isaa ibsaa gochi badii akkasii faaydaa ummata keenyaa kan miidhu
ta’uun isaa hubatamee ummatni akkuma kanaan dura mootummaa bira dhaabbachuun
gochaa isaanii akka balaalefatu, akka saaxiluufi seerratti dhiyaatanii murtee
akka argatan akka godhu waamicha dabarsa.
Kabajamtoota Sabaafi Sablammoota Naannoo Keenyaa:
Akkuma kaleessa diina waliinii keenyaa ta’e sirna cunqursaa irree tokkoon
bukuteessineefi hiyyeemmaas seenaa gochuun harka walqabannee sochoo’aa jiru,
yoo rakkoon miidhagina garaa garummaa keenya jidduu jiru balleessuuf muudatu
aadaa walii qabnuun walbira dhaabbannee ofirraa facifnu har’as borus tokko
taanee akka waliin tumsinu Dh.D.U.O’n yoo maamicha dhiyeessu kabaja ummatummaa
isaa irraa madduun ta’uu isaa mirkaneessa.
Jaalleewwan Qabsoo keenyaa: Toora dhaabbata keenyaa qabachuudhaan waggootan
qabsoo dabrsine keessatti qabsoo hadhaawaa geggeessitee fi woreeggama kafalteen
ummatni keenya baldhaan mirga namummaa fi dimokiraasii akka kabajamuuf heera
mootummaatiin wabii akka argatu taasistee jirta.
Akkasumas biyya hiyyummaa fi woraana wal irraa hin citneen beekamtu seenaa ishii jijjiiruudhaan biyya misoomaa itti fufiinsa qabdu mirkaneessaa jirtuufi gama nageenyaatiinis ofirras dabartee kan biraatiifuu tumsuu dandeessuu uumuudhaan seenaa hin irraanfatamne galmeessiftee jirta. Akkuma kaleessaa har’as gufuun guddina ummata qabsoofteefii of duuba deebisu yoo muudatu dura dhaabbachuun aantummaa fi kutannoo kaayyichaaf qabdu agarsiisuun keetitti dhaabbanni kee yoomiyyuu ittiin boona.

Kun akkuma jirutti ta’ee amallii fi boqonnaan qabsoo irra geenye yeroo kamiyyuu
caalaa walxaxaa dha. Kunis qabsoocimaa ilaalchaa fi gochaa kiraa sassaabdummaa
fi misoomawaaf dimokiraatawaa jidduutti taasifamu ta’uu isaa hubachuudhaan
tibbana naannoo keenyattis rakkoowwan uumaman qaama rakkoolee kanaa ta’uu
hubachuudhaan ergama qabsoo yeroon gaafatu hundaaf har’as akkuma kaleessaa
qophaahummaa kee akka mirkaneessitu waamicha qabsoo ni dabarsa.
Miseensota Dhaabbilee ADWUI fi Dhaabbilee Deeggartoota Qabsoo Keenyaa hundaaf

Yeroon ammaa yeroo haaromsa biyya keenyaa mirkaneessuuf yaadaa fi qalbii
tokkoon halkanii guyyaa socho’uu nu gaafatudha. Gochi sochii keenya kana irraa
nu gufachiisuuf agaamamu yoomiyyuu iddoo akka hin qabne seenaan qabsoo kaleessa
gaggeessinee ragaa baya. Kanaafuu, har’as akkuma kaleessa itti fufiinsa imala
misooma keenyaatiif aantummaa toora keenyaa gochaan haa mirkaneessinu.
Amajjii 3, bara 2008
Adaamaa
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ