Dh.D.U.O irratti duuluun hin danda’amu!!!

Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.O’n) dhaaba siyaasaa dameewwan hundumaanuu Saba Oromoo  fayyadamaa taasisuuf injifannoowwan cululuqaa hedduu lakkaawwamanii hin dhumne galmeessisedha.


Bu’aawwan hooggansa dhaaba kanaatiin waggoota darban keessa galmeeffaman firris diinnis sirritti beeka.Keesumattuu Ummanni Oromoo hooggansa dhaaba kanaatiin bu’aa argateefi itti fayyadamaa jiru tokko lama jechuudhaan hima.

Wayita ammaaas ta’e gara fuulduraa abdiin misoomaafi guddina Ummata Oromoo dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromooti.Humnoonni dhugaa kana fudhachuu hin barbaanne jiraatanis ummaanni Oromoo haqa kana sirritti beekuufi hubatu dhugaa qabatamaan jiru waltajjiiwwan gara garaa irratti ragaa ta’uun mirkaneesseera.

Kun waa malee akka hin taanee beekamuu qaba.Dhaabbanni kun ummata Oromoo hoogganaa kan jiru sagantaafi imaammata ummata gama hundaan fayyadamaa taasisu qabatee hojiirra oolchuudhaan malee olola sobaa godaannisa Ummata Oromoo tuttuqu afarsuudhaan miti.

Imaammataafi tarsiimoon Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo, Ummata Oromoo amansiisee sochoosuudhaan hojiirra oolchaa jiru damee siyaasaafi hawaas-diinagdeetiin fayyadamtummaan Saba Oromoo mamii tokko malee akka mirkanaa’uufi itti fufiinsa akka qabaatu taasisaa jira.

Ummanni Oromoo hooggansa dhaaba kanaatiin ni miidhame malee wanti fayyadame hin jiru jechuudhaan humnoonni dhiphootaafi of tuultotaa qaawwa argatan hundatti fayyadamuuf wixiffachaa jiran kanaan dura,har’as ta’e gara fulduraa diina Ummata Oromooti.

Diinoonni Saba Oromoo wayita ammaa waan walitti michooman fakkaatanii dhiyaatan kallattii kamiiniyyuu ummata Oromoo fayyadamaa taasisuu  akka hin dandeenye gochootuma badii isaan raawwataniifi raawwachiisaa turan irraa hubachuun rakkisaa hin ta’u.

Kan fagoo jiru dhiisuudhaan gochootuma dhiyeenya kana raawwataman akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan ilaaluun barbaachisaadha.Dhimmi maastar pilaanii qindaa’aa akka hafu taasifame Ummata Oromootti waan baay’ee mul’isee darbeera.

Gaaffiin dhimma maastar pilaanii gaaffii ummata Oromooti,akka hafus kan taasifame qabsoo haqaa inni taaasiseeni,malee waca dhiphootaafi of tuultotaatiinii miti,humnoonni qaawwa dhabanii turan garuu waa’een maastar pilaanii kun akka malee afarfamee miidhaan guddaan hunda gaddisiise akka ga’u taasisaniiru.

Kana maddiitti dhaadannaan Dh.D.U.O irratti humnoota dhiphootaafi of tuultoota biyya keessaafi biyya alaa jiraniin roobsamaa tureefi ammas itti fufee jiru dhaaba kana irratti duuluudhaan fayyadamtummaa Ummata Oromoo karaatti hanbisuuf qindoominni cimaan akka uumame qabatamaan kan mul’isudha.

Humnoonni ijoolleen Oromoo akka hin baranneefi fincila keessa galuudhaan lubbuu marartuu akka dhabdu taasisan har’as qananiidhaan jiraatu.Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo ammoo har’as akkuma waggoota darbanii Ummatasaa maddii hiriiruudhaan qabsoo dhugaa duuba deebii hin qabne taasisaa jira.

Dhaabbanni kun abdii ammaas ta’ee gara fulduraa Ummata Oromoo ta’uusaa kan beeku Sabni Oromoo Dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromoo irratti duuluun hin danda’amu jedheera,Kanas waltajjiiwwan adda addaa irratti yaada kenneen mirkaneesseera.Humnoonni dhaamsi Ummata Oromoo kun galuufii danda’u yoo jiraatan yeroo adda addaatti sababaafi qaawwa argatanitti fayyadamuudhaan maqaa  dhaaba kanaa xureessuudhaan akka dhabamuuf duuluun deebi’ee isaanuma balleessaa akka jiru hubachuu qabu.


Ummanni Oromoo hanqina Namoonni dhaaba kana da’eeffatanii raawwachaa turanis beeka.Ijji Ummataa waan hunda arga waan ta’eef Ummanni Oromoo malaammaltoota dhaaba kana keessatti riphuudhaan daba xaxaniifi fayyadamtummaan isaa akka jalaa fashalaa’uuf carraaqanis sirritti beeka.Gufuu kanas qabsoodhuma Dh.D.U.O wajjin qindaa’uudhaan taasisuun akka dhabamsisuun shakkiin hin jiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman