ልጥፎች

ከኦገስት, 2016 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Garee waggoota lakkaa'auufi gadaantummaa himaa jiraatu-ABO

ምስል
ABOn dhaaba umuriisaa guutuu gadi aantummaa uummata Oromootti himuu malee bu’aa buusee hin beeku. Ilaalchi Sabboonummaa dhiphummaan ilaalcha buu’ura ummattummaa hin qabneedha!!! Ilaalchi dhiphummaa ABOn baatee deemuu uummanni Oromoo saba guddaa ta’ee osoo jiruu ati saba ebaluutiin miidhamtee jirta jechuun gadi aantummaa faarsaa, firaa fi diina gargar baasee hin beeku ,badii sirna tokkoo badii saba tokkoo godhee akka hubatamu taasisa, yeroo hundaa saba ebaluutu uummata Oromoo miidhe jedhee ummanni akka wal jibbuu fi wal fanfanu gochuun gocha gooli uumtummaa raawwata, sabaa fi sab-lammoota gidduutti walitti bu’iinsa uumuun tokkummaa uummattootaa diiguuf jecha yeroo tokko saba Amaaraatu si miidhe, amma immoo saba Tigiree fi walaayittaatu si miidhaa jira jedha. Haala mijaa’aa eeggatee sabaan, gosaan, daangaadhaa fi amantaan walitti buusuun baddaa fi gammoojjitti gocha sabaafi sab-lammoota uummata Oromootiin walitti diinomsuu raawwata. Ilaalchi dhiphummaa ilaalcha duudhaa ummat

Xiinxala bu’aa wal ga’ii idilee A.D.W.U.Ifi kallattii fuulduraaf kaa’ame Kutaa 2ffaa

ምስል
Addi dhaabbilee siyaasaa afur miseensummaadhaan of jalatti qabateefi Adda Demookraatawa Warraaqasa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI) jedhamuudhaan beekamu waggoota muraasa keessatti biyya maqaanshee Addunyaa irratti bushaa’ee ture jijjiiruu danda’eera.Har’a Itiyoophiyaan kadhaafi hiyyummaa suukaneessaadhaan beekamtu hin jirtu. Har’a Itiyoophiyaan balaa hoongee yeroo yeroon waggaa lakkaa’ee itti deddeebi’uun lammii isheerratti roorrisu moo’achuu dadhabuun Qamadii kadhachuuf harkashii hawaasa idila Addunyaatiif diriirsuudhaan maaloo nadhaqqabaa jettu hin jirtu. Itiyoophiyaan har’aa humna diinagdee qabduun onnattee rakkoo mudatuun hunda ofumaan keessaa ba’uuf kan carraaqxudha.Itiyoophiyaan har’aa dhiibbaa humnoota biyya alaatiif kan jilbiinfattu utuu hin taane imaammataafi tarsiimoo amansiisaa qabduun faayidaa biyyaalessaatiif dursa kennuudhaan kan sochootudha. Itiyoophiyaan har’aa biyya saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni biyyattii eenyummaa isaaniitiin qaana’aniifi leeyya’anii

Xiinxala bu’aa wal ga’ii idilee A.D.W.U.Ifi kallattii fuulduraaf kaa’ame Kutaa 1ffaa

ምስል
Addi Demookraatawa warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI)n dhaabbata ni diigama wayita jedhamu daran cimaa deemudha.Haalli barana haala suukaneessa ta’een adda kana irratti mudates amaluma dur qabu kana kan mul’isaa jiru akka ta’e ni beekama. Dura taa’aan ADWUIfi muummichi Ministiraa kanaan duraa kabajamaa obbo Mallas Zeenaawii waggoota afuriin dura tasa wayita boqatanitti ammaan booda waa’een  adda kanaa hin yaadamu ammaan booda ni bada jedhamee yaadamaa ture. Wayita sana gammachuudhaan kan fishiliqanis hedduu turan.Humnoonni farra Nagaa biyya keessaafi biyya alaa diina ta’an ammoo isa kana sirriitti barbaadu waan ta’eef yaada kana akka malee dhaadhessuudhaan afarsaa turan. Garuu kan yaadameefi hawwame utuu hin ta’in faallaan isaa ta’ee qabatmaan mula’tee argame.Kunoo toora ADWUI’n durumaan diriirseen hoogganamuudhaan  muumichi ministiraa obbo Mallas Zeenaawii erga boqatanii boodas qabsaa’oota muraasa kutannoo qabaniin toorri addi kun qabate itti fufuudhaan waggaan

Guyyaan poolisii yeroo jalqabaatiif kabajame,kan wareegamanis yaadataman

ምስል
Nagaa waaraa buusuuniifi sirna heera mootummaa eeguun fayyadamtummaan ummataa akka mirkanaa’uuf humni poolisii shoora ol’aanaa gumaachaa akka jiru muummichi ministiraa Hayilamaaryaam Dassaalany beesksisaniru. “Heeraa mootummaa keenya eeguun Nagaa ummataafi ol’aantummaa seeraatiif wareegamni nuti hin baafne hin jiru” daadhannoo jedhuun har’a guyyaan Poolisii yeroo jalqabaatiif wayita kabajametti muummichi ministiraa kana kan dubbatan. Poolisiin ergama kennameef gama ba’uutiin bu’aa ol’aanaa akka galmeessisaa jiru eeruun,mirgi demookratawaan lammiiwwanii akka eegamuuf, rakkooleen bulchiinsa gaarii fala aka argataniifi ergamawwan gara garaatti hirmaachuudhaan poolisiin hojii dinqisiifatamu akka hojjete obbo Hayilamaariyaam himaniiru. Miseensoonni polisii Nagaa buusuufi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf utuu socho’anuu wareegamaniif kabajatu barbaachisa kan jedhan obbo Hayilamaariyaam Itiyoophiyaa cimtuu ijaaruuf shoorri poolisootaa ol’aanaa akka ta’e dubbatan. Muummichi ministiraa

Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI adeemsa haaromsaa qorate

ምስል
Koreen Hojii Raawwachiistuu Adda Demookraatwa Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa haaromsa waggoottan 15 gamaaggamuun kallattii gara fulduraa kaa'eera. Koreen Hoji Raawwachiistuu Addichaa Hagayya 10 -15,2008 walga’ii idilee gaggeessen jijjiirrama waggoottan 15 darbanii gamaaggameera. Bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf, rakkoolee demokraasii misoomawaa qoraa jiranis hiikuun mirga namoomaa fi fayyadamummaa mirkaneessuuf murteewwan dabarseera. Koreen hojii raawwachiisaan addichaa waggoottan 15 darban milkaa’iiwwan galmaa’aniin cinaatti rakkooleen turan maal akka ta’anis gamaaggameera. Adeemsa demokraasii siyaasaa biyya keenyaaf jalqaba ta’e kanaanis mirgoonni siyaasaa beekkamtii argatanii, feedaraaliizimiin hunda walqixa keessummeessus hojiirra oolaa jira jedheera. Ijaarsi sirna demokraasii misoomawaa biyyattiin irra jirtus galmoota diinagdee jajjaboo biyyattii haaromsan qajeelloon kan qabate akka ta'e ibseera. Misoomni biyyattii keessatti adeemsifamu kamiyyuu ummata

Sirna Federaalaa Itiyoophiyaa diiguun hindanda’amu!

ምስል
Tibbana iddoowwan adda addaatti sirna federaalawaa Itiyoophiyaa diiguuf sochiin taasifameera.Keessumattuu Naannoo Amaaraafi Oromiyaatti fayyadamuudhaan humnoonni alaa Mootummaa Shaabiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uuman Nagaa booressuudhaan sirni ammaa kun akka barbadaa’uuf waan danda’an hunda gochaa akka turan hubatameera. Naannoo Amaaraafi Oromiyaatti yaalii taasifame kanaan lubbuun Namaa marartuun dabartee jirti.Qabeenyi hedduun barbdaa’eera.Balaan kun hundi kan mudate gochoota qindoominaan raawwatamaniin akka ta’e beekamaadha. Wanti gaddisiisaan Dargaggoonni hubannoo hin qabne meeshaa humnoota badii ta’uudhaan lubbuu isaanii marartuu kan dhaban ta’uu isaaniiti. Hiriirri akka adeemsifamuuf hin hayyamamne,Mootummaan heera mootummaa kabajisiisuuf tarkaanfii nanfudhadha,qaamoleen seeraan ala socho’aniif obsi hin jiru utuu jedhamee himamuu duunuunfachuudhaan deemuun xummura  irratti bu’aa akkamii akka fidu kunoo mul’atee darbeera. Hiriira diddaadhaan Magaaloota

Mootummaan seera kabachiisuuf itti gaafatama isaa ni ba’ata-Ob.Dammaqa Makoonnin

ምስል
Itti aanaan Muummicha Ministiraa fi dura taa’aan Warraaqsa Demokraatawaa Saba Amaaraa obbo Dammaqa Makoonnin gochaawwan sababii hiriiraatiin gaggeeffamaa turan heera biyyattii diiguuf kan kaayyeffatanidha jedhan. Naannoo Oromiyaattis ta’e naannoo Amaaratti hiriironni gaggeeffaman, heera diiguu fi biyya sirna filannoon gaggeessaa jiru humnaan aangoorraa buusuuf kan aggaammaman turan jedhan. Sochiileen taasifamanis kaayyoo ifa ta’e kan hin qabnee fi biyyattiin gara tasgabbii dhabuutti akka ceetuuf kan kaayyeeffate akka ta’e himan. Biyya ijaarramte diiganii maal argachuun akka danda'amu lammiileef kan yaadan taanaan kan faayidaa hin qabne jedhan obbo Dammaqan. Seenaa waraanaas taanaan lammiileen biyyattii ofiifuu kan beekan waan ta'eef, waraanarra misooma waaraa galmeessisuutu irra faayidaa qaba,Ummanni biyyattiis waggoota 25 keessatti bu'aalee gaggaarii dhandhamachaa tureera jedhan. Biyyattiin akka tasgabbooftee guddina jalqabdeen itti hin fufne qaamo

መንግስት እና ህዝብ ህገ መንግስቱን በኃይል ለመናድ የሚንቀሳቀሱ ሃይሎችን አይታገሱም

ምስል
መንግስት እና ህዝብ ህገ መንግስቱን በኃይል ለመናድ የሚንቀሳቀሱ ሃይሎችን እንደማይታገሱ፤ የኢፌዴሪ ምክትል ጠቅላይ ሚኒስትር ተናገሩ። ምክትል ጠቅላይ ሚኒስትሩ አቶ ደመቀ መኮንን ከፋና ብሮድካስቲንግ ኮርፖሬት ጋር በነበራቸው የስልክ ቆይታ እንዳሉት፥ ሰሞኑን በሰላማዊ ሰልፍ ሽፋን የተሞከሩት የአመፅ እንቅስቃሴዎች ዋና ተልእኮ ህገ መግስታዊ ስርአቱን በኃይል ማፍረስ ነው። የኢፌዴሪ ምክትል ጠቅላይ ሚኒስትር እና የብሄረ አማራ ዴሞክራሲያዊ ንቅናቄ (ብአዴን) ሊቀ መንበር አቶ ደመቀ መኮንን፥ የኢፌዴሪ ህገ መንግስት በአንቀፅ 30 ሰላማዊ ሰልፍ የማድረግ መብትን ከሃላፊነት እና ግዴታ ጋር ይሰጣል ብለዋል። ባለፉት ሁለት እና ሶስት ቀናት በኦሮሚያ እና አማራ ክልሎች ጥቂት ስፍራዎች፥ የተሞከሩት ሰልፎች ከህገ መንግስቱ አንፃር ሲመዘኑ ህገ ወጥ ናቸው። የፐብሊክ ሰርቪስ እና የሰው ሃብት ልማት ሚኒስትር እና የኦሮሞ ህዝብ ዴሞክራሲያዊ ድርጅት (ኦህዴድ) ምክትል ሊቀ መንበር ወይዘሮ አስቴር ማሞ፥ በኦሮሚያ ክልል ሊካሄዱ ታስበው የከሸፉት ሰልፎች ስርአትንና ህግን ያልተከሉ ስለመሆናቸው ተናግረዋል። ህግ መንግስቱ ላይ እንደተደነገገው ሰላማዊ ሰልፈኞች ከጦር መሳሪያ የራቁ መሆን አለባቸው። በከሸፉት ሰልፎች የሆነው እና የተሞከረው ግን ከዚህ የተቃረነ መሆኑን መንግስት ይገልጻል፤ በሰልፍ ስም የተሞክሩት የአመፅ እንቅስቃሴዎች ግብ እና ተልዕኮ ስርአት አልበኝነትን መፍጠር እንደነበር በመጥቀስ። እነዚህ ሰልፎች ህገ መንግስታዊ ስርዓቱን በመናድ በሃይል እና በጉልበት ስልጣን ለመቆጣጠር የተደረገ እንቅስቃሴ መሆኑንም ምክትል ጠቅላይ ሚኒስትሩ አቶ ደመቀ መኮንን እና የፐብሊክ ሰርቪስ እና የሰው ሃብት ልማት ሚኒስትሯ ወይዘሮ አስቴር ማሞ