Garee waggoota lakkaa'auufi gadaantummaa himaa jiraatu-ABO

ABOn dhaaba umuriisaa guutuu gadi aantummaa uummata Oromootti himuu malee bu’aa buusee hin beeku.
Ilaalchi Sabboonummaa dhiphummaan ilaalcha buu’ura ummattummaa hin qabneedha!!!

Ilaalchi dhiphummaa ABOn baatee deemuu uummanni Oromoo saba guddaa ta’ee osoo jiruu ati saba ebaluutiin miidhamtee jirta jechuun gadi aantummaa faarsaa, firaa fi diina gargar baasee hin beeku ,badii sirna tokkoo badii saba tokkoo godhee akka hubatamu taasisa, yeroo hundaa saba ebaluutu uummata Oromoo miidhe jedhee ummanni akka wal jibbuu fi wal fanfanu gochuun gocha gooli uumtummaa raawwata, sabaa fi sab-lammoota gidduutti walitti bu’iinsa uumuun tokkummaa uummattootaa diiguuf jecha yeroo tokko saba Amaaraatu si miidhe, amma immoo saba Tigiree fi walaayittaatu si miidhaa jira jedha. Haala mijaa’aa eeggatee sabaan, gosaan, daangaadhaa fi amantaan walitti buusuun baddaa fi gammoojjitti gocha sabaafi sab-lammoota uummata Oromootiin walitti diinomsuu raawwata.
Ilaalchi dhiphummaa ilaalcha duudhaa ummata Oromootii ala ta’eedha. ummanni Oromoo duudhaalee alagaa ittiin Oromoomsuu fi firoomsu hedduu qaba. Isaan keessaa guddifachaan isa tokko yoo ta’uu, seenaa ummata Oromoo keessatti duudhaalee ummanni Oromoo biyya kana keessatti ittiin beekamu keessaa inni guddaan saba kamiyyuu wajjin nagahaa fi jaalalaan jiraachuudha.Ilaalchi dhiphummaa, jibbaa fi fanfanuun duudhaa ummata Oromooti miti. Ummanni Oromoo saba biraa irraa ni guddifata, harma wal hodhuun walitti firoomaa, tokkummaa amantaa qaba, fuudhaa fi heerumaan walitti hidhameera, xiqqaa fi guddaa wal irraa horeera, kan qabu irraa dabarsee kenneef Oromoomsee jaalalaan waliin jiraachuun ala yoomiyyuu diinomsee hin beeku.
ABO’n ilaalcha dhiphummaa jibba sabaa fi sab-lammootaatiin xaxamee dhaaba duudhaa uummata Oromoo irraa jaallatee dhalatee fi ilaalcha dhiphummaa keessatti dulloome waan ta’eef har’allee ilaalcha dhiphummaa afarsa. Sirnoota dabre keessa miidhaan ummata Oromoo irraan gahaa ture kan sirni of tuulaan ummanni Oromoo akka eenyummaa isaa lagatu miidhaa ture malee, miidhaa sabni Amaaraa saba Oromoo irraan gahaa turee miti. ABO’n miidhaa sirnaa fi namoota dhuunfaa kan saba tokkootti ilaala, Kana irraa ka’ee yoomiyyuu tokkummaa, nagahaa fi jaalalaan waliin jiraachuu sabaa fi sab-lammootaa hin barbaaduu, yeroo sirni dargii barbadaa’ee mootummaan ce’umsaa ijaaramuu chaartarii dhiituun gara waraanaatti kan gale, kaayyoon ABO sabaa fi sab lammoota naannoo Oromiyaa beekkamtii dhooggachuun naannoo fi qe’ee isaanitii buqqisuun naannoo Oromiyaa biyyatti irraa fottoqisuun mootummaa humnoota dhiphootaan durfamu ijaaruudha.
Ilaalchi dhiphummaa jibba sabaa fi sab-lammoota irratti duwwaa hin daanga’u. ABO’n ummata Oromoo keessattis lagaa fi gosaan qoqqooduun maqaa adda addaa itti moggaasee kaan Oromoo maqaa, Oromoo makaa fi Oromoo dhiigaa jechuun ummata Oromoo qoqqooduudhaan ummatuma Oromoo keessatti diinummaan akka dagaaguuf hojjechaa tureera. Yeroo ammaas ebalu ergamtuu wayyaaneeti ajjeesaa jechuun ummanni Oromoo wal qoqqoodee akka wal ajjeessee diina walitti ta’u gochaa jira. kaanaafuu Ilaalchi ABO’n tarkaanfachiisu kun ummata Oromoo fi saboota sab-lammootaafi ummattoota biratti jibbamuun kan maseene yoo ta’ellee, dhaloonni haaraan rakkoo ABO’n kanaan dura ummata irraan gahaa ture warri hin hubanne yeroo ilaalacha kana tarkaanfachiisanii fi gochaanis yeroo deeggaran ni mul’atu. Kun immoo wallaalummaa irraa kan maddedha.
Ummanni Oromoo ilaalcha sabboonummaa dimokiraatawaa ta’e, qaba saba biroo hin jibbu , waan gaarii ofii hawwuu fi jaallatuu hunda saba birootiifis ni hawwa. Bu’uura ummatummaa kan qabu, dhaabbanni dimokiratawaa ummata Oromoo(Dh.D.U.O’n) ilaalcha sabboonummaa dimokiratawaa ta’e qabachuun miidhaa kanaan dura ummata Oromoo irra gahe kan sirni dabre raawwate malee, kan sabni tokko ummata Oromoo irraan gahee miti jedheeti amana. Kanaafuu Dh.D.U.O’n bu’uura fedhii fi gaaffii ummata Oromootiin mirga eenyummaa sabummaa ummata Oromoo akkuma kabachiise kan saba birootis akka kabajamuuf qabsa’eera. Bu’aa argameenis sabaa fi sab lammoonni akka bilisummaa goonfatanii fi guddinna biyyaa keessatti akka qooda fudhatanii tokkummaan biyya keenyaa walqixxummaa irratti akka ijaaramuu taasiseera.
Biyya kana keessatti sabaan, gosaa fi amantaadhaan qoqqooduun ilaalcha tuffatamaa fi fudhatama hin qabne waan ta’eef yoomiyyuu injifannoon kan ummataati.
Humnoonni dhiphootaa maqaa ummata Oromootiin jeequmsa naannoo keenya keessatti gaggeessaa turan ilaalcha sabbonummaa dimokiraasii DH.D.U.O’n tarkaanfachiisuu fi qabsoo ummanni Oromoo taasiseen mo’atamuun nageenyi naannoo Oromiyaa tasgabbaa’eera.
Uummanni Oromoo uummata sabboonaa dimokiraatawaa rakkoo kamiiyyuu karaa nagahaa fi mariidhaan hiikkatu ta’uu jeequmsa humnoonni badii naannoo keenya keessatti gaggeessan dura dhaabachuun ifatti fedhii nageenyaaf qabu mirkaneessee jira.
Humnoonni dhiphootaa ilaalcha dhiphummaa tarkaanfachiisuun jeequmsa uumaniin yoo ummata Oromoo miidhan malee bu’aa tokkollee akka hin buufanne gocha isaanii irraa barachuu qabu.


Maddi:Oromia Communication Bureau

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa