Sirna Federaalaa Itiyoophiyaa diiguun hindanda’amu!

Tibbana iddoowwan adda addaatti sirna federaalawaa Itiyoophiyaa diiguuf sochiin taasifameera.Keessumattuu Naannoo Amaaraafi Oromiyaatti fayyadamuudhaan humnoonni alaa Mootummaa Shaabiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uuman Nagaa booressuudhaan sirni ammaa kun akka barbadaa’uuf waan danda’an hunda gochaa akka turan hubatameera.


Naannoo Amaaraafi Oromiyaatti yaalii taasifame kanaan lubbuun Namaa marartuun dabartee jirti.Qabeenyi hedduun barbdaa’eera.Balaan kun hundi kan mudate gochoota qindoominaan raawwatamaniin akka ta’e beekamaadha.

Wanti gaddisiisaan Dargaggoonni hubannoo hin qabne meeshaa humnoota badii ta’uudhaan lubbuu isaanii marartuu kan dhaban ta’uu isaaniiti.

Hiriirri akka adeemsifamuuf hin hayyamamne,Mootummaan heera mootummaa kabajisiisuuf tarkaanfii nanfudhadha,qaamoleen seeraan ala socho’aniif obsi hin jiru utuu jedhamee himamuu duunuunfachuudhaan deemuun xummura  irratti bu’aa akkamii akka fidu kunoo mul’atee darbeera.

Hiriira diddaadhaan Magaaloota adda addaa keessatti adeemsifame kanaan yeroof lakkoofsi Namoota  du’anii beekamuu baatus iddoowwan heedduutti lubbuun Namaa akka darbe hubatameera.

Balaan gaddisiisaan kun akka ga’uuf kanneen duuba taa’anii ka’i malee jechuun jajjabeessaa turan amma mana isaanii ho’aa keessa taa’uuddhaan maatii isaanii wajjin jiraatu,homaa hin taane,wanti jalaa hir’ates hin jiru.

Ilmi hiyyeessaa garuu akka ba’etti hafuun dirqama itti ta’eera.Mudannoon kun lammii hunda kan barsiisuu qabudha.Mootummaan Itiyoophiyaan amma jiru haalli humnaan taayitaa irraa ittiin bu’u gonkumaa akka hin jirre hubatamuu qaba.


Gorsaan muummicha ministiraa obbo Iwunatuu Bulaattaa akka himanitti bu’urri sirna federaalawaa amma jiru bu’urrisaa saboota,sab-lammootaafi ummattoota biyyattiiti.Saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaa utuu jiranuu sirni federaalawaan kun diigamuu hin danda’u.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman