Guyyaan poolisii yeroo jalqabaatiif kabajame,kan wareegamanis yaadataman

Nagaa waaraa buusuuniifi sirna heera mootummaa eeguun fayyadamtummaan ummataa akka mirkanaa’uuf humni poolisii shoora ol’aanaa gumaachaa akka jiru muummichi ministiraa Hayilamaaryaam Dassaalany beesksisaniru.

“Heeraa mootummaa keenya eeguun Nagaa ummataafi ol’aantummaa seeraatiif wareegamni nuti hin baafne hin jiru” daadhannoo jedhuun har’a guyyaan Poolisii yeroo jalqabaatiif wayita kabajametti muummichi ministiraa kana kan dubbatan.
Poolisiin ergama kennameef gama ba’uutiin bu’aa ol’aanaa akka galmeessisaa jiru eeruun,mirgi demookratawaan lammiiwwanii akka eegamuuf, rakkooleen bulchiinsa gaarii fala aka argataniifi ergamawwan gara garaatti hirmaachuudhaan poolisiin hojii dinqisiifatamu akka hojjete obbo Hayilamaariyaam himaniiru.
Miseensoonni polisii Nagaa buusuufi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf utuu socho’anuu wareegamaniif kabajatu barbaachisa kan jedhan obbo Hayilamaariyaam Itiyoophiyaa cimtuu ijaaruuf shoorri poolisootaa ol’aanaa akka ta’e dubbatan.
Muummichi ministiraa lammiiwwan sababa jeeqamsaatiin lubbuun dabarteef Mootummaan akka gadde ibsuudhaan ummata biyyattii maraaf jajjabina hawwaniiru

Komishinarri koomishinii poolisii Federaalaa Janaraal Asaffaa Abiyyuu gamasaaniitiin miseensota poolisii aantummaa ummataa qabatamaan mirkaneessan horachuun akka danda’ame himan.
Keessumattuu humnoota badiifi shororkaa daangaa ce’an sochiisaanii dhaabuun,sirna heera mootummaa eeguufi ol’aantumaa seeraa mirkansuuf dhiyeenya kanaafi yeroo adda addaatti kan wareegaman hedduudha jedhaniiru.
Guyyaan poolisii har’a galma bar-kumeetti wayita kabajametti qonaadltoonni mootummaa,miseensonni polisiifi dura bu’oonni amantaa kan argaman yammuu ta’u polisoonni ergamaaf bobba’anii wareegaman yaadatamaniiru.

     



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman