Xiinxala bu’aa wal ga’ii idilee A.D.W.U.Ifi kallattii fuulduraaf kaa’ame Kutaa 1ffaa

Addi Demookraatawa warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI)n dhaabbata ni diigama wayita jedhamu daran cimaa deemudha.Haalli barana haala suukaneessa ta’een adda kana irratti mudates amaluma dur qabu kana kan mul’isaa jiru akka ta’e ni beekama.

Dura taa’aan ADWUIfi muummichi Ministiraa kanaan duraa kabajamaa obbo Mallas Zeenaawii waggoota afuriin dura tasa wayita boqatanitti ammaan booda waa’een  adda kanaa hin yaadamu ammaan booda ni bada jedhamee yaadamaa ture.
Wayita sana gammachuudhaan kan fishiliqanis hedduu turan.Humnoonni farra Nagaa biyya keessaafi biyya alaa diina ta’an ammoo isa kana sirriitti barbaadu waan ta’eef yaada kana akka malee dhaadhessuudhaan afarsaa turan.
Garuu kan yaadameefi hawwame utuu hin ta’in faallaan isaa ta’ee qabatmaan mula’tee argame.Kunoo toora ADWUI’n durumaan diriirseen hoogganamuudhaan  muumichi ministiraa obbo Mallas Zeenaawii erga boqatanii boodas qabsaa’oota muraasa kutannoo qabaniin toorri addi kun qabate itti fufuudhaan waggaan 4ffaan lakkaa’ameera.
Gara fuulduraas cimee  akka itti fufu shakkiin hin jiru.Walga’ii addichi tibbana Hagayya 10-15 bara 2008 adeemsiseen dhimmoonni ilaalamaniifi kallattiiwwan kutannoodhaan taa’anis qabatamaan kan mul’isan kanumadha.
Murteewwan dhaabbatichi dabarse diina kan rom’isiisu,ergamtuu kan raasu kiraa sassaabdoota keessaa akka kan dhabsiisu akka ta’e beekamaadha.
Murteewwan hedduun  dhaabbatichi dabarseefi kallattiiwwan hojii gara fuulduraatiif kaa’e saboota sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa kan fayyaduufi fayyadamtummaa isaanii mamii malee itti fufsiisuuf shoora ol’aanaa kan gumaachu akka ta’e hinshakkamu.
Murtee koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI tibbana bu’aawwan haaromsaafi hanqinoota mudatan bal’inaan qorachuudhaan dabarse kanaan kan fayyadaman lammiiwwan Nagaafi misooma jaallatanii dhaabbaaticha irraa utuu abdii hin kutatin obsaan turanidha.
Murteewwan koreen hojii raawwachiisaan dabarse kanaan kiraa sassaabdoonni keessaafi alaa,humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni iddoo itti awwaalamanii ba’uudhaan awwaara ofirraa urgufachaa jiran gonkumaa fayyadamuu hin danda’an.
Walga’ii koree hojii raawwachiiftuu ADWUI tibbanaa kana irratti raawwiin hojii haaromsaa waggoota 15’n darbanii bal’inaan qoratameera.Bu’aawwan galmeeffamaniifi hanqinoonni adeemsaan mudatan adda baafamuudhaan bal’inaan qoratamaniiru.Kallattii gara fuulduraaf taa’eenis eenyutu eenyu?dhimmi jedhu hojii ummata bal’aa hirmaachisuudhaan hojjetamuun kan beekamuufi saaxil ba’aa kan deemu ta’a.
Keessoon dhaabbilee miseensa addichaas bal’inaan qoratamaa kan deemu waan ta’eefis rakkoon kiraa sassaabdummaa, dhiphummaa,oftuulummaafi mankaraarsitummaa balaa sirna keenyaa ta’es gadi qabamee kan xiinxalamu waan ta’eef yeoon wayita geessu kan dhokatee roorrisaa jiru hundi saaxil ba’uunsaa kan oolu miti.
Ummanni keenyas kanaaf of qopheessuutu irraa eegama.Waggoota darban keessa Mootummaan bulchiinsa gaarii mirkaneessuufan socho’a utuu jedhuu,fayyadamtummaa ummata bal’aa mirkaneessuuf utuu socho’uufi kanaafis kutannoo qabu utuu ibsuu kan duubatti harkisaa jiru eenyu?Rakkoon bulchiinsa gaarii akka fala hin arganneefi bulchiinsi gaariin mirkanaa’ee itti quufiinsi tajaajila ummataa akka hin mirkanoofneef kan gufuu ta’ee karaarra dhaabbate eenyufa’i?Gaffiin ummataa kallattii adda addaatiin dhiyaatu saffisaan deebii akka hin arganneef danqaree kan qabe eenyu?Caasaa mootummaafi dhaabaa keessa taa’ee neetiwoorkiidhaan walhidhuun humnoota badii wajjin kan michoome eenyufa’i?
Gaaffiiwwan kun hundumtuu deebii argachuu qabu.Kanaaf ammoo tumsi ummata keenyaa waan hunda caalaatti barbaachisaa akka ta’e hubatamuu qaba.Ammaan booda maalnadhibeedhaan wanti biradarbamu tokkollee jiraachuu hin qabu.Hundumtuu kana hubachuudhaan qabsoo fuulduroo cimaa ta’eef kutannoodhaan of haaqopheessu!





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman