Mootummaan seera kabachiisuuf itti gaafatama isaa ni ba’ata-Ob.Dammaqa Makoonnin

Itti aanaan Muummicha Ministiraa fi dura taa’aan Warraaqsa Demokraatawaa Saba Amaaraa obbo Dammaqa Makoonnin gochaawwan sababii hiriiraatiin gaggeeffamaa turan heera biyyattii diiguuf kan kaayyeffatanidha jedhan.


Naannoo Oromiyaattis ta’e naannoo Amaaratti hiriironni gaggeeffaman, heera diiguu fi biyya sirna filannoon gaggeessaa jiru humnaan aangoorraa buusuuf kan aggaammaman turan jedhan.

Sochiileen taasifamanis kaayyoo ifa ta’e kan hin qabnee fi biyyattiin gara tasgabbii dhabuutti akka ceetuuf kan kaayyeeffate akka ta’e himan.

Biyya ijaarramte diiganii maal argachuun akka danda'amu lammiileef kan yaadan taanaan kan faayidaa hin qabne jedhan obbo Dammaqan.

Seenaa waraanaas taanaan lammiileen biyyattii ofiifuu kan beekan waan ta'eef, waraanarra misooma waaraa galmeessisuutu irra faayidaa qaba,Ummanni biyyattiis waggoota 25 keessatti bu'aalee gaggaarii dhandhamachaa tureera jedhan.

Biyyattiin akka tasgabbooftee guddina jalqabdeen itti hin fufne qaamoleen alaa akka jiranis irra geenyeerra jedhan.

Ummanni biyyattii sagalee isaa hiriiraan dhageessifachuu barbaannaan karaa seera qabeessa ta’een gaafatamee, qaamni itti gaafatama fudhatus dhiyaatee beeksisuun adda baba’iitti ba’uun rakkoo hin qabaatuyyu jedhan obbo Dammaqaan.

Qaamoleen hawaasaa osoo hin beekin gochaawwan diiguumsa heeraarratti hiriiran akka gochaa isaanitirraa of qusataniifis yaamicha dhiyeessaniiru.

Ummanni biyyattii mootummaan nagaa fi tasgabbii buusuuf hojii hojjetu cinaa akka dhaabbatus gaafataniiru obbo Dammaqaan.

Gochaalen kanneen seeran ala akkuma ta’an, mootummaan bityyattii obsa tokkollee akka hin qabnes kaasan.


Seera kabachiisun ga’ee fi dirqama mootummaatis waan ta’eef. Gaaffilee ummataatiifis mootummaan deebii barbaachisoo ta’an mara mariidhan laachuuf hojjechaa akka jirus kaasaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman