Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI adeemsa haaromsaa qorate

Koreen Hojii Raawwachiistuu Adda Demookraatwa Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa haaromsa waggoottan 15 gamaaggamuun kallattii gara fulduraa kaa'eera.
Koreen Hoji Raawwachiistuu Addichaa Hagayya 10 -15,2008 walga’ii idilee gaggeessen jijjiirrama waggoottan 15 darbanii gamaaggameera.

Bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf, rakkoolee demokraasii misoomawaa qoraa jiranis hiikuun mirga namoomaa fi fayyadamummaa mirkaneessuuf murteewwan dabarseera.
Koreen hojii raawwachiisaan addichaa waggoottan 15 darban milkaa’iiwwan galmaa’aniin cinaatti rakkooleen turan maal akka ta’anis gamaaggameera.
Adeemsa demokraasii siyaasaa biyya keenyaaf jalqaba ta’e kanaanis mirgoonni siyaasaa beekkamtii argatanii, feedaraaliizimiin hunda walqixa keessummeessus hojiirra oolaa jira jedheera.
Ijaarsi sirna demokraasii misoomawaa biyyattiin irra jirtus galmoota diinagdee jajjaboo biyyattii haaromsan qajeelloon kan qabate akka ta'e ibseera.
Misoomni biyyattii keessatti adeemsifamu kamiyyuu ummata jiddugaleessa kan godhate akka ta’e yaadachiisuun, hirmaannaa ummataatinis guddiinni diinagdee diijjiitii lamaa waggoottan 13 darban keessa galmaa’uu akka danda’e eerera ibsichi.

Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatif rakkoon hongee bal’aan bara darbe mudates humna mootummaatiin dandamachuun akka danda’ame ibseera.
Magaalotatti indaastirii babal’isuun jiraattonni akka fayyadamoo ta’anii fi diinagdee biyyaa keessattis damichi ga’eesaa akka gumaachu fi carraa hojii akka uumu hojjetamaa tureera.
Misooma gama kamiinuu galmaa’urraa guddina biyyaa keessatti hawaasni fayyadamoo akka ta’u ifaajjamaa tureeras jedha addichi.
Baadiyyaatti qonnaan bulaan lafarraa osoo hin buqqa’in akka misoomu, magaalotatti IMXn carraalee hojii uumuun bu’aan akka damichaan galmaa’u ta'eera.
Waggoottan 25 darban keessa lakkoofsi ummataa dabalaa deemuu isaatiin carraan hojii hammi barbaadamu banamuu baatus, hojiileen jajjaboon hojjetamuun fayyadamtummaa ummataa mirkaneessuun danda’ameera jedha ADWUIn.
Lammiilee biyyattii keessaa 30% barnootarra akka jiran kaasee, kunis mootummaan ummata of cinaa hiriirsuun bu’aa galmeessise muul'isas jedheera. Manneen barnootaa sadarkaa gadiitii kaasee amma oliittis akka babal'atan hojjetameera.
Dhaabbileen barnoota ol’aanoos biyyattiitti yeroo jalqabaatti haala kanaan dura hin muul'anneen babal'isuun dhaloota barate horachuun danda'eera.
Gama fayyaatin hojiin hojjetame boonsaa ta’uu isaatiin du’aatin hawwanii fi daa’immanii hir’ateera. Bara 1983 jiddu galeessan umriin jireenyaa 45 akka ture kaasee amma jiddugaleessan 64tti ol guddateera jedha ibsichi.
Koreen hoji raawwachiistuu gamaaggama gaggeesseen miirri tajaajiltummaa bakka bakkatti hafaa dhufuun faayidaa ofiitif socho’uun rakkoo cimaa sirnichaa ta’aa akka dhufe irra ga’eera jedha.
Kanaaf sirna demokraasii misoomawaa kana itti fufsiisuuf rakkoolee jiran hawaasa waliin takka lamaan hiikuun barbaachisaa akka ta’e jala muree, kutannoon hojjechuun yeroon kan hin laatamneefis jedheera.
Ummanni biyyattiis qaamolee mootummaas haata’u kan biraa seeraan ala faayidaa ofii ari’aa kan oolu saaxiluun misooma, demokraasii fi guddina jalqabame itti fufsiisuun barbaachisaa waan ta’uuf mootummaa cinaa akka dhaabbatu gaafateera.
Jijjiirramoonni haaraanis bara hojii 2009 irraa kaasee hojiirra akka oolfaman yaadachiiseera.
Bara haaromsaa waggoottan 15 as jijjiirramoonni galmaa’an hawaasa biyyattii fayyadamaa taasisaa turuun isaanii ni yaadatama jechuun, misooma galmaa’erraayis hunduu fayyadamaa ta’aa akka dhufe dhugaa dhokatee miti jedheera. Rakkoolee jiran sadarkaa sadarkaadhan hawaasa hirmaachisuun hiikaa akka jirus eereera.
Ummanni biyyattiis nagaa fi tasgabbii kan booressan, misoomaa fi guddina jalqabame kan gufachiisan of keessaa maqsaa, rakkoolee jiran mootummaa karaa demokraatawa ta’een filatamee aangoo qabate waliin mari’achaa akka hiikus waamicha dhiyeesseera.
Hojiin gamaaggamaa fi rakkoolee jiran qulqulleessuus seektaraa fi sadarkaa sadarkaan akka gaggeeffamu addichi ibsa isaatin beeksiseera.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman