Xiinxala bu’aa wal ga’ii idilee A.D.W.U.Ifi kallattii fuulduraaf kaa’ame Kutaa 2ffaa
Addi dhaabbilee
siyaasaa afur miseensummaadhaan of jalatti qabateefi Adda Demookraatawa
Warraaqasa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI) jedhamuudhaan beekamu waggoota
muraasa keessatti biyya maqaanshee Addunyaa irratti bushaa’ee ture jijjiiruu
danda’eera.Har’a Itiyoophiyaan kadhaafi hiyyummaa suukaneessaadhaan beekamtu
hin jirtu.
Har’a
Itiyoophiyaan balaa hoongee yeroo yeroon waggaa lakkaa’ee itti deddeebi’uun
lammii isheerratti roorrisu moo’achuu dadhabuun Qamadii kadhachuuf harkashii
hawaasa idila Addunyaatiif diriirsuudhaan maaloo nadhaqqabaa jettu hin jirtu.
Itiyoophiyaan
har’aa humna diinagdee qabduun onnattee rakkoo mudatuun hunda ofumaan keessaa
ba’uuf kan carraaqxudha.Itiyoophiyaan har’aa dhiibbaa humnoota biyya alaatiif
kan jilbiinfattu utuu hin taane imaammataafi tarsiimoo amansiisaa qabduun
faayidaa biyyaalessaatiif dursa kennuudhaan kan sochootudha.
Itiyoophiyaan
har’aa biyya saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni biyyattii eenyummaa
isaaniitiin qaana’aniifi leeyya’anii mataa gadi itti qabatan utuu hin taane
biyya eenyummaafi maalummaa isaaniitiin onnee guutuudhaan amanuudhaan itti
boonanidha.
Itiyoophiyaan
har’aa biyya hundumtuu walqixa socho’uun tokkummaa demookraatawa wal kabajaafi
wal jaalala irratti hundaa’e ijaaraa jirtudha malee kan ol’aantummaa gareewwan
saba tokkoo lelistu miti.Itiyoophiyaan haarawaan har’a jirtu kan kanaan duraa
wajjin yoo walbira qabamtee ilaalamtu maal akka fakkaattu sababoota qabatamaa
hedduu kaasuufi tarreessuudhaan himuun nidanda’ama.
Jijjiiramoota
kana hundaaf bu’ura bal’aa kan kaa’e toora ADWUI akka ta’e beekamuu qaba.Toora
adda kanaa irratti hundaa’uudhaan waggoota darban keessa saboota
sab-lammootaafi ummattoota biyyattii hunda tokkummaadhaan sochoosuun utuu
danda’amuu baatee Itiyoophiyaan har’aa tun jiraachuu hin dandeessu.
Bu’aa hanga
ammaatti galmeeffame kanaaf miseensoonni addichaa Dhaabbanni Demokraatawaan
Ummata Oromoo(Dh.D.U.O) Addi bilisa baasaa ummata Tigraay(ABBUT)Warraaqsi
Demokraasummaa saba Amaaraa(WDSA) akkasumas warraaqsi Demokraasummaa Ummattoota
Itiyoophiyaa kibbaa(WDUIK)fi dhaabbileen deeggartoota addichaa Naannolee
guddachaa jiran bulchan ummattoota Naannoo isaanii sochoosuudhaan bu’aa
Mootummaan ADWUI’tiin hoogganamaa jiru argamsiiseef shoora gamasaanii gumaachaniiru.
Bu’aawwan hanga
ammaatti galmeeffaman qabatamaan mul’achuu kan danda’an bu’ii ba’ii hedduu
keessa darbuudhaan akka ta’e yaadatamuu qaba.ADWUI’n sirna abbaa irree Darguu
fonqolchuudhaan Itiyoophiyaa bulchuu erga eegalee turtii waggoota kudhanii
booda qoruumsi cimaan balaa addaan fofoxxoquu mudateeraani, kan moggaafni maqaa
“Aanjaa” jedhu kennameef.Wayita kanatti abbootiin taayitaa sadarkaa adda addaa
irratti argaman sababa ilaalcha of tuulummaafi kiraa sassaabdummaatiin
dhiita’an adda kana diiguudhaan ol’aantummaa isaanii mul’isuuf
carraaqaniiru.Mudannoon kun naannawa bara 1990moota keessa akka ta’e ni
yaadatama.
Haa ta’uutii
hoogganaa bilichina qabu Jaallee Mallas Zeenaawii’tiin carraaqqii cimaa
taasifameen biyyi teenya deebitee kufiinsa suukaneessaa keessa seenuu irraa
baraaramtee jirti.Tarkaanfiiwwan battalatti fudhatamaniinis murnoonni fincilan
adda of baasuudhaan iddoo taayitaa qabatanii turan irraa akka ka’an
taasifameera,isaan kallattii filatan qabatan,qaamoleen toora ADWUI’tu nubaasa
jedhanis toorri addichaa akka itti fufu
taasisuudhaan sochii haaromsaatti seenan.
Sochii haaromsaa
kallattiidhaan deeggaramee taasifameen kan ilaalchaafi gochaan tortoreefi shame
iddoosaa akka qabatu taasifame,kanneen xuraa’an ammoo akka of qulqulleessaniif
carraa kennuudhaan imala haaromsaatiin sochiin Nagaa Misoomaafi Demokraasii
akka itti fufu taasifame.Bu’ii ba’ii waggoota haaromsaa 15 keessatti
mudannoowwan adeemsaan mudatan maalfa’i?Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI
raawwii haromsaa waggoota 15 maalif qorate? Kutaa itti aanu keessatti ilaalla.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ