Dhimma albuudaa galtee simintoo !!



“Warshaaleen simintoo bakkeewwan albuudaa akka gadi lakkisan ajajaman mootummaa naannoo oromiyaa waliin maree taasisuudhaan qabiyyeessanii kabachiifatan” jechuudhaan gaazexaan riippoorter gaafa guyyaa 6/8/2009 gabaabsni dhiyeesse dogoggora ta’uusaa ibsuudhaan, dhimmicha caalmaatti ifa gochuudhaaf balballoomii dabalataa qabannee dhiyaanneerra. Galteewwan simintoof kan oolan bakkeewwan albuudaa armaan dura warshaaleedhaan qabamanii turan  mootumman naannoo oromiyaa tarkaanfiiwwan bu’uraa lama irratti fudhateera. Inni jalqabaa warshaa simintoo osoo hin qabaanne karaa addaddaatiin hojichaafi bakka albuudoota kanneennii qabatanii kan turaniifi galtee tokkollee osoo itti hin dabalin Ashawaa fi Puumiisii haranii abbootii qabeenyaa gurgurataa turan irratti tarkaanfii fudhatameen damee kana keessaa akka bahaniifi qabeenyaa horataniin invastimantii biraatti cehanii akka dorgoman taasifameera.

Tarkaanfiin inni lammataa warshaaleen simintoo naannoo keenyatti argaman oomsiha simintoo keessatti galteewwan barbaachisan meeshaalee dheedhii baasuurraa qabee hojii hunda dhuunfatanii kan qabatan waan ta’eef, hojii kana keessaa dhiyeessii albuuda galtee oomisha simiintoof ta’u baasuu hojii ilaallatu dargaggootaaf akka gadi dhiisan taasisuudha. Bu’uruma kanaan abbootii qabeenyaa warshaalee kanaafi qaamolee maanaajmantii isaanii waliin maree gaggeeffameen warshaaleen kun meeshaa dheehdii oomisha simintoof oolu dhiyeessuudhaan hojii walqabatu dargaggootaaf gadi lakkisuudhaan carraa hojii dargaggootni akka argatan, meeshaalee dheedhii dargaggootni kun oomishanis akka irraa bitatan waliigalamee ifatti waliif malleetteessudhaan gara hojiittii galaniiru. Akkuma waliigaltee isaanittiis dargaggoota kanarraa albuuda meeshaa dheedhii oomisha simintoof oolu bitachuurratti argaman.

Dhiyeesii meeshaa dheedhii galtee oomisha simintoon walqabatee tarkaanfiin fudhatame kaayyoo sadi qaba. Inni jalqabaa warshaaleen oomisha simintoo oomishan galtee meeshaa dheeedhii amansiisaafi itti fufiinsa qabu akka argatan gochuudhaan oomishtummaa isaanii guddisuudha. Kaayyoon bu’uraa inni lammaffaan dhiyeesii albuuda galtee oomisha simintoo kana humnaafi kaappitaala guddaa kan hin gaaffanne waan ta’eef carraa fayyadamummaa dargaggoo keenyaa bal’isuudha. Inni sadaffaan beekumsaafi kaappitaala guddaa osoo qabanuu abbootiin qabeenyaa hojii xiiqqaa  kanarraa maallaqa guddaa argachuuf damee kana keessa galan sona tokkollee soo ittii hin dabalin Ashawaafi puumiisii hammaarranii gurguruu keessaa bahanii dameewwan humna isaaniin walgiturratti akka dorgoman taasisuudha.

Bu’ura kanaan Mootummaa Nannoo Oromiyaa murtee dabarse kanaan waliigalteen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin taasifamee gara gochaatti geeddarameera. Dargaggoonni damichatti ijaaramanis galtee oomisha simintoof ta’u dhiyeesuufi bittaaf gurgurtaa eegalaniiru. Warshaaleen simintoos waliigaltee dargaggoota waliin seenan bu’ura godhachuudhaan bitatanii ittii fayyadamaa jiru. Deemsa kanaan ala ta’uudhaan Gaazexaan Riippoortar gabaasni dhiyeesse bu’ura hin qabu. Waliigaltee armaan olitti eerameen alatti mootumman naannoo keenyaa waliigaltee biraa hin eegalle. Kana boodas mariifi waliigaltee carraa dargaggoota keenyaa duubatti deebisu kamuu taasisuudhaaf fedhiis amantaas hin qabu.

Dhimmi kun bifa kanaan hojiirra ooluu isaatiin humnoonni faayidaan isaanii duraa tuqame akka jiran beekamaadha. Namoonni dhuunfaa faayidaan isaanii duraa tuqame duula gageesuufi kana bira darbees gochaa baay’eetti galuun isaanii hin oolu. Gabaasni gaazexaan Riippoortaraa baases qaamuma duula kanaa akka ta’e nutti dhagayama. Gabaasichi dhugaafi madaalawaa yoo ta’e Mootumma naannoo oromiyaa bakka bu’ee eenyutu eessatti eenyu waliin  mari’ate? Qondaalli mootummaa waliigaltee akkasii raawwate yoo jiraate yaadnisaa ifatti gabaafamuu qaba. Eenyumaansaas ifuu qaba. Kun ta’uu baannan gabaasichi tilmaamaafi fedhii dhuunfaa qofaa ta’a. waan ta’eefis Gaazexaan riippoortar gabaasicha sirreeffamaan ibsuu, mootummaa naannoo oromiyaas ifatti dhiifama gaafachuu qaba. Kun ta’uu bannaan odeeffannoo dogoggoraa ummataaf tamsaasudhaan seeraan gaafatama.

Damee albuudatiin fayyadamummaa dargaggoota keenyaa mirkaneessudhaaf sosochiin mootummaa naannoo oromiyaatiin gaggeeffamaa jiru, hojiirra oolmaasaa, jijjiirma dhufaa jiruufi haqa qabatamaan jiru laalchisee ummatni keenya akka dhagayuufi arguuf Dhaabbata Raadiyofi televizhiinii Oromiyaatiin sagantaaleefi oduuwwan addaddaa guyyaa boruurraa kaasee kan dhiyeessinu ta’a.
Horaa Bulaa!!!

 Obbo Aaddisuu Araggaatiin

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman