Jeeqamsichaan lubbuu lammiiwwan 669tu darbe

Jeeqamsi waggaa darbe Naannoo Oromiyaa,Amaaraafi Ummattoota kibbaa iddoowwan gara garaatti mudate lubbuu marartuu lammiiwwan keenya 669 galaafateera.
Komishinarri komishinii mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Dr.Addisuu Gabraigzaabeer kaleessa gabaasa komishiinichi yeroo hedduu fudhatee qindeessaa ture mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyeessaniiru.#Oromia #Ethiopia #Oromiyaa

Kan darbe irraa baratee rakkoon lammataa akka hin mudanne taasisuu kan danda'u sirna heera mootummaa keenya hordofuudhaan kan hojjetu akka ta'e hubachuun barbaachisaadha.
Gabaasa komishinarichi dhiyeessan irraa hubachuun akka danda'ametti gabaasichi gartummaa irraa bilisa ta'uudhaan kan qophaa'edha.
Akka gabaasichaan eerametti iddoo tokko tokkotti qaamoleen tarkaanfiin walsimaa hintaane akka fudhatamu taasisan seeraan gaafatamu.
Lammiiwwan dhibba jahaa ol sababa jeeqamsaatiin Naannolee gara garaatti lubbuunsaanii darbe keessaa dhibba 4 kan Caalan jiraattota Naannoo Oromiyaati.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

ቤተ መንግሥት ድረስ ገብተው ጉድ ሊሰሩን የነበሩ የሠራዊቱ አባላት መኖራቸውን ካሰብን......

የዶ/ር ነጋሶ “የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ” መፅሐፍ