Hunduu akka qaba!
VIA Taye Dendea
Maaliif Barnoota dhiifna?
Barattooti gariin barnoota dhaabaa jiru.
Qabati ammoo gaafiin deebii dhabuu dha.
Gaafiileen ka'aa jiran jajjaboon kunooti.
1. Weerarri daangaa hin dhaabanne.
2. Dubbiin buqqaatotaa furmaata dhabe.
3. Lammaan nu dubbisuu dide.
4. Haaromsi dubbii afaanii bira hin tarre fi
kkf.
Gaafiilee afran keessaa lama sirrii dha.
Tokko dubbii weerara daangati. Weerarri
liyyuu poolisii hin dhaabanneen dhugaa dha.
Yoo of gowwomsuu baanne ammas hin
dhaabatu. Sababi ammoo duuba isaa diinni
jiraatu dha. Saamtoti Oromoo gadadoo fi
roorroo keessa tursanii qabeenya fi dafqa
isaatin badhaadhuu fedhan nagayaa keenya
booressuu hin dhiisan. Ammoo barnoota
dhiisudhaan weerara daangaa ittisuun waan
hin taane. Furmaati himaammataa fi
tarsiimoo jabaa tolfatanii mogolee hattootaa
akka hin fayyinetti cabsuu dha. Sun ammoo
miira keessaa bahanii bilchinaan dubbii
laaluu gaafata. Barnooti bilisummaa booda
jennaan lama dhabii taana!
Lammati dhimma buqqaatotaa ti. Amma
lammiilee keenya miliyoona walakkaatu
qorra, aduu, beela fi dheebuun ergaramaa
jira. Garuu mootummaan Oromiyaa waan
humna ofii hin laafne. Akka ummati jara
gargaaruf haala mijeessee jira. Torban sadan
dhufan keessatti ammoo qubachiisuuf
deema. Ummatis kallattii cufa irraa waan
qabuun lammiilee diinni buqqise deeggaraa
jira. Barataan kana tumsuu qaba. Silaa
barnoota ofii hordofaa nyaata ofii irraa kutee
namoota 20 ykn 30-f godoo ijaaruu danda'a.
Barnoota dhaabuun ijoollee beelofteef
daabboo hin bitu. Sun bulchiinsa haarawabbo
rakkisuu qofaaf oola.
Gama kaanin ammoo gaafiileen lama
dogongora.Tokko dubbii haaromsaati.
Dhugaa dubbatuuf haaromsi qabatamaatti
waa heddu jijjiire. Hoomtuu hin taane
jechuun dhugaa miti. Kaleessa poolisiin
Oromiyaa orma waliin Oromoo ajjeesaa fi
hiisisaa ture. Har'a ammoo isatu Oromoof
du'aa jira. Kaleessa Oromoon wal sodaata.
Fira, ollaa fi hiriyaa jidduutti dallaan shakkii
uumamee nami waa hunda irratti dhugaan
mari'atuu dadhabe. Har'a dallaan sun
diigamee jira. Oromoon sodaa fi yaaddoo
keessaa bahee xiiqiin tokkummaa ofii
tolfataa jira. Kaleessa Oromoo ajjeesuun
nama badhaasisa. Gaafa nami Oromoo
ajjeese galateeffamu walumaan garre. Har'a
garuu ajjeechaan Oromoo nama gaafachiisuu
jalqabeera. Waan Shaashee fi Harargee
Dhihaatti ta'e namuu sirriitti beeka. Kaleessa
rakkataa Oromoo gargaaruun hafee yaadunuu
yakka ture. Har'a garuu rakkataa Oromoo
gargaaruun ulaagaa sabboonummaa ta'e.
Kun jijjiirama qabatamaan lafa gahe. Jijjii
ramooti biroos jiru. Garuu ammas waa
baayyetu hafa. Xaxaan jaarraa lamaa
waggaa tokkotti hin hiikkatu. San furuun
yeroo, hubannoo fi humna gaafata. Humni
ammoo barnoota dhaabuun hin tolfamu. Wal
dhagahanii waan harkaa qaban sirriitti
hojjatuu barbaada. Ulaagaa kamiinuu
barnoota dhaabuun fala miti. Ammayyuu
waan baranneef rakkoo sabaa agarre.
Kan lammataa pirezedanti Lammaa waliin
mari'atuu dha. Kun otoo ta'ee dansaa dha.
Garuu ni ulfaata. Lammaan nama tokkicha.
Oromiyaan ammoo aanaalee 333 fi
magaalota guguddoo 20 qabdi. Nami tokkichi
akkamiin lafa kana maratti nama dubbisa?
Gandi ykn manni barnootaa cufti "Lammaan
dhufu malee hin hojjannu ykn hin barannu!"
yoo jedhe rakkoo dha.
Waggaa guutuu namuma dubbisaa? Saniinuu
waliin gahaa? Kana biratti hojii guguddoo
baayyee qaba. Hojiin biraa yaa hafuu? Kun
waan ta'uu miti. Bakka maratti Lammaa ykn
Abiyyi yaamuun hojii tolchuufi moo hojii
danquufi? Sirriitti laaluu barbaachisa.Yoo
dhuguma jaalala jaraa qabaanne bakka
jirrutti waan isaan jedhan hojiitti hiikudha.
Waan jedhamuu qabu qaata dubbatan.
Amma Ambo, Jimma, ykn Haromayaa
dhaqanii waan dubbataniif furmaati hin
dhufu. Rakkoon waan jarri kanaan dura
jedhan tolchanii caqasuu, hubatuu fi hojiitti
hiikuu dhabuu dha. Bakka jirrutti jara haa
dhageenyu! Yaada moo qaama jaraa feena?
Yaada barbaanna taanaan yaamuu hin
barbaachisu.
Walumaagalatti barattooti barnoota dhaabuun
sirrii miti. Barnoota dhaabuun barataa gargar
facaasa. Sun ammoo utubaa qabsoo Oromoo
raasa. Kanaafuu barnoota dhaabuun faallaa
qabsoo Saba Oromoo guddichaati

አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ