Gaazexeessitoonni Oromoo lammiiwwan buqqa'aniif birrii kuma 100 caalu deeggaran.



Gaazexeessitoonni Oromoo FBC keessa hojjetan lammiiwwan buqqa'aniif birrii kuma 100 caalu deeggaran.
Geezexeessitoonniifi ogeeyyoonni kanneen biroo waldaa aksiyoona Faanaa Biroodkaastiing Korporeet(FBC) keessa hojjetan lammiiwwan keenya Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa irraa buqqa’aniif deeggarsa maallaqaa taasisaniiru.
Deeggarsi taasifame birrii kuma 100fi kuma 9 fi 175 yammuu ta’u maallaqni kun mindaa baatii sadaasa darbee irraa walitti qabamee kan arjoomame Gaazexeessitootaafi ogeeyyoota kanneen biroo FBC keessa hojjechaa jiran irraayi.
Akkaatuma kanaan Hojjettoonni waajjira muummee FBC birrii kuma 64fi 725,FM Faanaa Naqamtee birrii kuma 14fi 700,FM Faanaa Shaashamannee Birrii kuma 12fi 50,FM Faanaa Asallaa birrii kuma 9fi 500 akkasumas hojjettoota FM Faanaa Haromaayaa irraa birriin kumni 8fi 200 gumaachameera.

Walumaa galatti dhalattoonni Saba Oromoo FBC keessa hojjechaa jiran lammiiwwan keenya Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa irraa buqqa’aniif birrii kuma 100fi kuma 9fi 175 kan deeggarsaan kennan yammuu ta’u maallaqani walitti qabames lakkoofsa herrega Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa lammiiwwan buqqa’an deeggaruuf banametti galii taasifameera.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeetitti Daayireektarri Afaanoota Naannolee Ob.Biraanuu Hurrisaa deeggarsa maallaqaa hojjettoonni lammiiwwan buqqa'aniif taasisaniif galateeffachuun lammiiwwan keenya qayeefi qabeenya isaanii irraa buqqa'an jireenya waarawaa jiraachuu akka danda'aniif deeggarsi taasifamu kan cimee itti fufu akka ta'e dubbataniiru.
Keessumattuu ogummaa Gaazexeessitummaatiin deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisuun dirqama lammummaa waan ta'eef gama kanaan kutannoodhaan hojjechuun murteessaa akka ta'es Ob.Biraanuun dubbataniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa