Walga’iin koree hojii raawwachiisaa A.D.W.U.I akkuma itti fufetti jira
- አገናኝ አግኝ
- ፌስቡክ
- X
- ኢሜይል
- ሌሎች መተግበሪያዎች
Walga’iin koree hojii raawwachiisaa Adda Demookraatawa Warraaqsa
Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI) akkuma itti fufetti jira.
Walga’iin addichaa torban kibxata kaleessaa waajjiira muummicha
ministiraa Araat Kiiloo jirutti eegalame dhimmoota adda addaa irratti maree
fala waaraatiif taasisu itti fufeera.
Odeeffannoon toora marsariitii “Aigaforum” jedhamu irratti har’a
ba’e tokko akka mul’isetti koreen hojii raawwachiisaan ADWUI walga’iisaa haala
milkaa’aa ta’een kan itti fufee jiru yammuu ta’u bu’aawwan gaarii ummata
fayyadamaa taasisuu argamsiisa jedhamee abdatameera.
Miseensoonni koree hojii raawwachiiftuu addichaa hojmaata ADWUI
cabsuudhaan adeemsa kanaan dura irra turaniin gaabbii guddaa keessa galuudhaan
hanga imimmaan buusanii boo’ootti akka ga’an odeeffannoon kun mul’iseera.
Gaabbiin onnee irraa maddee waltajjii maree irratti mul’ate kun
wal ga’iin koree hojii raawwachiisaa ADWUI bu’aa ummanni bal’aan barbaadu
argamsiisa jedhamee abdatameera.
Karaa birootiin weebsaayitiin hawaasummaa fees buukiin cufamullee
odeeffannoo Appilication fb tokko tokkoon tamsa’aa jiruun dhimma wal’ga’ichaa irratti odeeffannoowwan
tilmaama irratti hundaa’an tokko tokko ba’aa akka jiran ni beekama.
Fakkeenyaaf hooggansa haaromsaa Oromiyaa(Ob.Lammaa Magarsaafi
Dr.Abiy Ahmad ajjeesuuf karoorfamee dirqama hoogganaa tika biyyaa ob.Getaachaw
Asaffaatiin kenname ba’uuf loltuun bobba’e tokko poolisii Oromiyaatiin too’annoo
jala oolfameera odeeffannoon jedhu keessatti argama.Suuraan loltuu dirqama
fudhate jedhame kanaas maxxanfamee mul’ateera.
Kun kanaan utuu jiruu jeeqamsi Yuuniivarstiiwwan biyyattii
keessatti akka babal’atuuf taasifame tumsa hooggansiifi qaamoleen hawaasaa gara
garaa taasisaniin dhaabbateera.Yuuniivarstiiwwan rakkoon hammaataan mudateenis
barattootasaanii barsiisuu eegalaniiru.Barattoonni Yuuniivarstii saayinsiifi teeknooloojii
Adaamaa baruumsa dhaabanii turanis har’a baruumsa akka eegalan ministeerri
barnootaa beeksieera.
Ministeerichi beeksisa kaleessa sab-quunnamtiilee gara garaatiin
tamsaaseen barattoonni sababa rakkoo jeeqamsaa mudateetiin gara maatii
deemaniifi dallaa Yuuniivarstii keessaa ba’an hanga Kamisa boruutti baruumsa
isaaniitti akka deebi’aniif waamicha taasiseera.
Dhaabbileen baruumsa ol’aanaa humnoota tasagabbiitiin akka
eegamaniif kallattiin kennamee tasgabbiin dhaabbilee baruumsa ol’aanaa eegamaa
akka jiruufi sochii wajjin walqabatees daangaan yeroo akka kaa’ame ni
beekama.Daangaan yeroo kan kaa’ame barattoota miidhama irraa baraaruuf jecha
yeroof kan murteeffame akka ta’e himamuun ni yaadatama.
Read Info from aigaforum
Read Info from aigaforum
The EPRDF executive meeting is progressing very well beyond
expectation!The uneasiness feeling observed initially is completely gone and
leaders are deliberating on key issues strangling the country. According to a
source with first hand knowledge TPLF's own internal genuine and honest deep
tehadeso(Review) has been instrumental to lift the cloud of suspicion some
executives have had. The meeting has brought tears to some leaders for failing
to lead and for some a genuine remorse for abandoning the EPRDF way! The
meeting may conclude soon due to the overall success and agreement reached so
far!
Note: Although there is hard currency shortage, the latest report coming is the country's export is showing a healthy growth and banks are performing well! Export in the agricultural produce sector is very good! Aigaforum Dec 20, 2017
Note: Although there is hard currency shortage, the latest report coming is the country's export is showing a healthy growth and banks are performing well! Export in the agricultural produce sector is very good! Aigaforum Dec 20, 2017
- አገናኝ አግኝ
- ፌስቡክ
- X
- ኢሜይል
- ሌሎች መተግበሪያዎች
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ