Qabiyyee guutuu ibsa koree jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay
Hooggansi
tokkommaa yaadaafi gochaa dhabeera.ilaalchaafi gocha farra demookraasii keessa
cuuphamuudhaan gabaasa sobaatiin hanga of badhaasuu ga’uudhaan,Ummataafi
kaayyoo duursuu manna faayidaafi kabaja ofii duursa.
Ummannis
gaaffisaatiif deebii waan dhabeef booruuf abdachaa gocha har’aa obsullee, of
keessatti shakkii qabateera.
Wal
ga’iin koree jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay waan xumurameef
turtiin maree guyyoota 35 ifoomsameera. Inni kun ibsa koreen jiddu galeessa
addichaa kaleessa sadaasa 21 bara 2010 baase irraa kan fudhatamedha.
Waa’ee
qabiyyee isaarratti sanada qorannoo walfalmiin yaadaa bal’aan irratti
taasifamedha.Kunis hooggansa ol’aanaa dhaabbatichaa tarsiimawaa jedhame irratti
kan xiyyeeffatedha.
Dur,
wayita qabsoo hidhannootti adeemsa kamirrattuu dhaabbatichi qoruumsa keessaayis
ta’e alaa isa mudatu bilchina gahaafi hooggansa saayinsaawaadhaan akkasumas
ummataafi miseensa hirmaachisuudhaan adeemsa amansiisaadhaan fala
argamsiisa.Kunis imala milkaa’inaa dhaabbaticha injifannoo biraan ga’edha.
Ibsi
koree jiddu galeessa dhaabbatichaa yaada waa’ee seenaa irratti kaaseen addi
bilisa baasaa Ummata Tigraay ummata of maddii hiriirsuun,ofiifis ummata wajjin
hiriiruun baroota socho’etti hanqinasaa dhiifama malee hanbisaa, hooggansa abbaa
dhaaba seenaa cululuqaa wareegamaan utubame hojjete akka ta’e mirkaneesseera
jedha.
Waggoota
dhiyoodhaa asitti garuu hooggansi dhaabbatichaa maraammartoo rakkoo keessaa ba’uu
dadhabuudhaan yoo gitintiru mul’ateera,gaaffii ummataatiif deebii gahaa kennuu
akka dadhabe qabatamaan argameera.
Qorannoon
koree jiddu galeessaa, dhaabbaticha kanaan kan ga’e hooggansa ol’aanaa
tarsiimawaa gubbaarra jirudha jedheera.
Hooggansi
kun waggoota dhiyoodhaa asitti hammentaan ittiin dadhabe ergamasaa ba’uun hanga
hir’atutti ilaalchaafi ijaaramnisaa sigigaateera.Hooggansi dhaabbatichaa rakkoo
ummtaatti fala utuu hin argamsiisin injifannoowwan muraasaan boona.Madda rakkoo
ta’uudhaanis aantummaan ummataaf qabu hir’ateera.
Wal
ga’ii koree jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay guyyoota 35’f ture
irratti sanadni bal’aan dhiyaate haala waliigalaa dhaabbatichaafi hanqina
hooggansaa sirrtti kan sakatta’e akka ta’edha kan eerame.
Hooggansi
tokkommaa yaadaafi gochaa akka dhabe,ilaalchaafi gocha farra demookraasiitti
bal’inaan akka seenes mirkanaa’eera.Ummataafi kayyoo duursuu manna faayidaafi
kabaja ofii duursuudhaan aantummaa ummataaf qabu dhabeera.
Tajaajiluu
manna akka tajaajilamaatti of ilaaluunsaa,hanga gabaasa sobaatiin of badhaasuu
ga’uunsaa gara gita bittaa maxxanaatti hanga ce’uutti rakkoo bal’aa keessa
seeneera jedha,Sandni qorannaa kooreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata
Tigraay mareefi falmii bal’aa taasisee irratti waliigale.
Ibsi sanada kana irratti bu’uraayes hanqinni
hooggansa ol’aanaa raawwii galmoota damee siyaasaafi diinagdee irratti dhiibbaa
ulfaataa uumeera jedheera.
Bu’aafi
Jijjiiramoonni hedduun waggoota darban keessa galmeeffaman itti hinfufne.al
tokko tokkos gara boodaatti yoo deebi’an mul’ateera.
Hooggansi
dhaabbatichaa ofiif dadhabuusaarrayyuu humni ga’oomeefi gara fuulduratatti
dhaabbaticha hoogganu akka hin horatamneef gufuu ta’ee akka ture amantaan
ummanni dhaabbaticha irratti qabu akka dhabamuuf balbala banuunsaa dhiibbaawwan
mul’atan keessaa kan eeraman akka ta’n ibsa kanaan eerameera.
Hanqina
kana hundaaf waligalatti kan itti gaafatamu koree jiddu galeessa dhaabbatichaa,
maddi rakkoo hamaas akka qaamaafi dhuunfaatti
gateettii koree hojii raawwachiisaa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay
irra jira jedhameera.
Miseensoonnis
sadarkaa isaaniitti akka medaalamaniif kallattii kaa’uudhaan qorannoon
jijjiirama hooggansa koree hojii
raawwachiisaa dhaabbatichaa fide taasifameera.
Qorannichis
jedha ibsi ejjennoo dhaabbatichaa, rakkoo tokkummaa yaadaafi gochaa dhabuu
hooggansa ol’aanaa biratti bal’inaan mul’ate buqqisee gatuudhaan hooggansi
haarawaan akka filatamu taasiseera.
Ibsa
qorannoofi filannoo hooggansa haarawaa booda ba’een miseensoota dhaabbatichaafi
ummata naannichaatiif waamichi dhiyaateera.
Hooggansi
ol’aanaan adda bilisa baasaa Ummata Tigraay fedhiifi gaaffii ummataatiif deebii
kennuu dadhabuudhaan hanqina ol’aanaa akka mul’ises ifoomseera.
Ummanni
garuu obsaafi abdiidhaan akka eege hubadheera kan jedhe ibsi koree jiddu
galeessa dhaabbatichaa ammaan booda
dhaabbatichi gaaffii ummataa deebisuufi amanamummaa dhabes haaromsuuf
kutannoodhaaniin socho’a jechuun waadaa galeera.
Hayyootaafi
abbootii qabeenyaa sababa dhibaa’ummaa hooggansaatiin dhimmoolee naannoofi
biyyaa irratti hirmaachuu hin dandeenyeef ammaan booda hooggansi adda bilisa
baasaa ummata Tigraay ijaarama
barbaadaniin dhimma biyyaa irratti akka hirmaataniif hojmaata idilaawaa nan
uuma jechuunis waadaa galeera.
Dhaabbilee
obbolaa ADWUIfi dhaabbilee deeggrtootaafis dhaamsa dabraseera.Hanqinni
hooggansaa adda bilisa baasaa ummata Tigraay keessattis ta’e sochii misoomaafi
ijaarsa demookraasiitiif carraaqqii taasifamu irratti dhiibbaa
geessiseera.Garuu kanaan hin dhaabbanne.dhaabbilee obbolaafi deeggartoota
jidduutti qabsoon waggotaaf qajeelfama irratti bu’uraaye akka hin jiraanneefis
dhiibbaa uumeera.
Kaayyoo
waliin wajjiniirratti yaadaafi onnee tokkoon socho’uu mannaa, wal mormiifi wal
shakkiin akka jiraatu taasisuun gaaddidduu uumeera.
Sababa
kanaan dhaabbileen kun humnoota maxxantoota alaafi keessaa walga’an qolachuuf
humni qaban akka quucaruuf balbala baneera.haalli qabsoon waliin wajjinii itti
daddaaqeefi gufachuu itti eegale akka uumame hubadheera kan jedhe addi bilisa
baasaa ummata Tigraay ammaan booda qajeelfama waliin qabsaa’uurratti bu’uraawuudhaan
dhaabbilee obbolaafi deeggartoota waliin qabsaa’uuf walitti dhufeenyakoo
nanhaaromsa, kallattiiwwan walshakkii jiru hanbisan hordofuudhaan walta’uumsa
cimaafin hojjedha jedheera.
Addi
bilisa baasaa Ummata Tigraayiifi Ummanni Tigraay dhaabbilee obbolaafi deeggartoota
akkasumas ummattoota Itiyoophiyaa hunda waliin ta’uun walqixxummaafi fayyadammaa
haqa qabeessaaf wareegama ol’aanaa baasaniin utuu hin daanga’iniifi godaannifni
giti bittoota itti uuman sirritti utuu hin qoorin haalli miidhama dabalataatiif
itti saaxilamu akka uumamuuf hooggansa ABUT keessatti hanqinni mudate shoora
hin tuffatamne akka gumaache ibsi koree jiddu galeessa dhaabbatichaa waamicha
lammiiwwan Itiyoophiyaa hundaaf dabarseen mirkaneesseera.
Kanaanis
sochii diigumsaa keessaafi alaa biyyattiifi ummattoota isheerratti aggaamaman
qolachuuf ummattoota biyyatti hunda wajjin walitti dhiyeenyaanin hojjedha
jedheera.
Wal
dhabdeewwan wayita ammaa naannoowwan adda addaatti uumaman karaa nagaatiin fala
akka argataniif,gaaffiin misoomaa bulchiinsa gaariifi demookraasii karaa sirrii
ta’een deebii akka argatuuf tumsa taasifamu keessatti qoodasaa gumaachuuf akka
qophaa’es koreen jiddu galeessa dhaabbatichaa ibsa baase kanaan beeksiseera.
Addi
bilisa baasaa ummata Tigraay ijaarsa misoomaafi sirna demookraasii Federaalawa
Demookraatawa Itiyoophiyaatiif shoora gumaache cimsee itti fufuuf kallattii
gargaaruun irratti ummattoota wajjin mari’achuudhaan hojiirra akka oolchu
waadaa kan gale koreen jiddu galeessa dhaabbatichaa ummattoota biyyattiitiif
tokkummaa demookraatawa keenya cimsinee diinoota keenya ummattota walitti
buusuuf wixiffachaa jiran waliin haaqolannu jechuun waamicha dhiyeesseera.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ