Ibsa koree hojii raawwachiisaa A.D.W.U.I irraa kenname

Koreen hojii raawwachiisaan Dhaabbata keenya Adda Demookraatawa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa/ADWUI/ muddee 3 irraa eegalee guyyoota 17 darbaniif haala wayitaawaa biyyi keenya irratti argamtu ka’uumsa taasisuun qorannaa bal’aa taasiseera.Koreen hojii raawachisaan addichaa walga’iisaa kanaan adeemsi haaromsaa kanaan dura eegalame sadarkaa irra ga’e akkasumas rakkoolee kanaan duraafi wayitaawaa jiran akkaataa ittiin ibsaman waliin adda baasuudhaan sababaafi fala isaaniirratti mari’achuun wal amantaafi tokkummaa yaadaa uumeera.Rakkoolee jiranitti fala argamsiisuun qabsoo hanga ammaatiin bu’aawwan gaarii galmeeffaman eeguun itti fufsiisuun haala ittiin danda’amuun kutannoofi waliigaltee cimaa mirkaneessuun ba’eera.
Kabajamtoota ummattoota biyya keenyaa
Dhaabbnni keenya ADWUI’n biyya teenya daandii jijjiiramaatiin hoogganuu erga eegalee bara 1983 asitti dameewwan jireenyaa hundumaanuu jijjiiramni bu’uraafi abdi qabeessi galmeeffamaa kan ture ta’ullee waggoota dhiyoodhaa asitti ammoo jijjiirama argame bal’inaafi ho’ina qabuun itti fufsiisuuf carraaqii taasifamutti rakkooleen gufuu ta’an mul’achaa akka dhufan ni hubata.Biyyi keenya gama tokkoon kallattii sirriifi bu’uraa hordofneen bu’aawwan gaarii galmeeffamaniin haala abdachiisaa ol’aanaa irratti argamti.Gama birootiin ammoo dogongoroota raawwanneenniifi sababa fedhiiwwan jijjiirama guddina wajjin walqabatanii dhufaniin yeroofis ta’u rakkoolee wayitaawaa yaaddessaa ta’aniin haalli dhiphattee ittiin turte akka uumame koreen hojii raawwachiisaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan qorateera.
Ummattoota biyya keenyaa hundaan akka beekamutti waggoota hedduuf imala gadi dhundhuluu keessa darbuuf kan dirqamte biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoota 25 darbaniif mataa ol qabattee imalaa turtee jirti.Kunis lammiiwwan biyya jaallatan hundaan kan amanamuufi addunyaanis kan ragaa ba’eefidha.Rakkoon diinagadeefi imalli duubatti deemuu dhaabbatee guddinni waggoota jaarraa nuusaaf itti fufe Itiyoophiyaan keenya imala jijjiiramaafi guddinaa irratti aka argamtu mul’iseera.Demookraasiin keenya heera mootummaa irratti hundaa’e mkirgoolee dhuunfaafi garee kabajisiisuudhaan bu’ura Nagaafi guddinaa akka ta’e waggoota kana keessatti mirkanaa’eera.Hedduminni bu’uraafi ibsama Itiyoophiyaa akka ta’e fudhachuun isa kana akkaataa barbaachisuun bulchuuf carraaqiin taasifne biyyi keenya lammiiwwan waggoota hedduuf jaalalaafi walkabajaan kan keessa jiraataniifi biyya nagaa akka taate mirkaneessee jira.Haa ta’uutii dhugaan qabataamaan kun waggoota dhiyoodhaa asitti sababa rakkoolee mul’achaa jiraniin balaadhaaf saaxilamaafi hawaasa keenya hundaaf madda yaaddoo ta’uun  mudannoo haarawaa ta’ee bal’inaan mul’ateera.Kana irraa ka’uudhaanis ummattoonni biyya keenyaa hundi Itiyoophiyaa keenya rakkoolee mudataniin keessaa baasuudhaan milkaa’inoota qabsoo keenyaan galmeeffaman eeguufi bal’isuuf,hanqinootaafi balaawwan ammoo haalli kutannoodhaan sirreessuu ittiin barbaadan uumameera. Mootummaafi dhaabbanni adeemsa jijjiiramaa hoogganus gaaffii ummataa kanaaf haalli deebii amansiissaa ittiin kennu akka uumamuuf gaafachaa turaniiru.Koreen hojii raawwachiisaan ADWUI qorannaan torban lamaa oliif taasise fedhii ummata keenyaa kanaafi yaada biyyaalessuummaa irratti bu’uraawuun kanaafis humna dhaabbatummaa hunda bitamaa taasisuun kutannoodhaan kan deemsifamedha.Kanaafuu walga’ichi guyyaa dheengaddaa milkaa’inoota qabsoo ummattoota biyya keenyaa hundaan galmeeffaman eeguufi babal’isuuf akkasumas waan kamiyyuu olitti balaawwaniifi yaaddoowwan hanqina hooggansaatiin uumaman dhaabuun haala ittiin danda’amuun waliigalteedhaan xumurameera.
Koreen hojii raawwachiisaan ADWUI qorannaa guyyoota 17 darbaniif taasiseen sadarkaawwan hooggansaa hundaan keessumattuu ammoo sadarkaa hooggansa ol’aanaatiin dhabamni demookraasii keessoo dhaabaa bu’ura gadi faggeeffataa akka dhufe mirkaneesseera.Kunis waltajjiiwwan qabsoofi yaadoonni bilisaan itti kennaman kan daangessuufi kan dhiphisu,kanaafis ammoo hooggansa keessatti tokkummaan ilaalchaafi gochaa akkasumas qulqullinni akka hin uumamneef gufuu ta’ee akka ture hubateera.Rakkoon kun ol’aantuumaadhaan sadarakaa hooggansa ol’aanaa dhaabbata keenyaatiin ilaalchaafi itti fayyadama taayitaaf qabu wajjin wal qabatee kan mudate yammuu ta’u rakkoon kun demookraasummaa dhaabbanni keenya ittiin beekamu dadhabsiisuu irratti utuu hin daanga’in taayitaan kan ummanni ittiin tajaajilamu akka ta’uuf imala gaarii eegalle balaadhaaf kan saaxile ta’ee tureera.
Demookraasiin dhiphatee ittiin bulinnaan waan babal’ateef qajeelfamaafi iftoomummaa irratti bu’uraawuun qabsaa’uu mannaa hariiroon/quunnamtiin qajeelfamaafi adeemsaan alaa mala barame ta’uutti ce’eera.Qajeelfamni akkanaafi faayidaa garee dhiphaa irratti quunnamtiin hundaa’e ADWUI’fi dhaabbilee miseensa dadhabsiiseera.Mootummoonni misoomawaan naamusa cimaa tokkummaa yaadaafi gochaan kan beekaman ta’us walitti dhufeenyawwan garee faayidaa hin malleen uumaman mootummaan misoomaawaafi dhaabbanni keenya ergama isaanii ga’uumsaan akka hin raawwanneef gufuu cimaa ta’ee akka ture koreen hojii raawwachiisaan mirkaneesseera.
Akkaataa qorannoo koree hojii raawwachiisaa keenyaatiin quunnamtiin garee qajeelfamaan ala ta’e kamiyyuu waan kamiyyuu olitti dhaabbilee miseensa addichaa tokkoon tokkoonsaaniifi ummata isaaniin hoogganamu kan miidhudha.Kana malees qabsoo waliinii adda keenyaan durfamuufi adeemsa jijjiirama biyyaa balaadhaaf kan saaxiludha.Kana irraa ka’uun koreen hojii raawwachiisaan quunnamtiiwwan qajeelfamaan alaa Naannoos ta’e dhaabbilee miseensa kamiyyuu keessatti uumaman gadi fageenyaan qoratamanii maqfamuu akka qaban murteesseera.
Akka beekamutti sirni Federaalawaan biyya keenyatti ijaaramaa jiru bu’aa qabsoo waggoota hedduu sabaafi sablammoota biyya keenya hundaati.Ityoophiyaan haarawaan biyya sabaafi sabalammootaa kamirraayyuu addatti kan ittiin beekamtu heddumina beekuudhaaniifi kabajuudhaani.Sirni Federaalaa waggoota 25f ijaarame walqixxummaa qooqaa,kan aadaafi seenaa mirkaneesseera.Sabaafi sablammoonni biyya keenyaa haala ofiin of bulchuu malee qaama  biraatiin ittiin hin bulle uumeera.Sirni bulchiinsa Federaalawaa walqixxummaafi waliif yaaduun haala ittiin hirmaatan mijeesseera.Kana irraa ka’uudhaanis sirnichi ol’aantummaafi gadaantummaadhaaf balbala akka hin bannetti caaseffameera.Gochaanis sirni walqixxummaa malee ol’aantummaan itti hin uumamne ijaarameera.Ka’uumsi qajeelfama bu’uraa kana tuqu kamiyyuu itti fufiinsaan ol’aantummaa uumuu kan hin dandeenyeefi wal jeequun ala bu’aa biraa kan hin argamsiifne akka ta’e ni Manama.Kana irraa ka’uun jaarraa nuusaaf sirni keenya walqixxummaafi nagaadhaan imale bu’aa adeemsa kanaa akka taa’e koreen hojii raawwachiisaan keenya lammata mirkaneesseera.Kanaaf da’oo kamiinuu sirna walqixxujmmaa kana dadhabsiisuuf yaaliin taasifamu fudhatama akka hin qabneefi qolatamuu akka qabu murteesseera.
Kun akkuma eegametti ta’ee humnoota maqaa ummataafi dhaabaatiin daadhachaa fedhii maxxantummaa guuttachuuf socho’anii dhaabuun akka barbaachisu waliigalameera.Dhaabbileen sabaa hundi naannoo bulchan keessatti maxxantoota garaa garummaafi mamii malee irratti qabsaa’uu akka qaban waliigalameera.
Koreen hojii raawwachiisaan dhaabbata keenya keessatti demookraasiin dhiphachuun, naamusa amanamtumaafi kutannoon murtee dabarsu laaffisaa akka dhufe mirkaneesseera.Kana irraa ka’uun dhaabaafi mootummaadhaan qajeelfamoota idileetiif bitamuun hojiiwwan hojjetamuu qabaniifi murteewwan guyyuutti darbuu qaban hafuun manneen hojii mootummaa hedduun tajaajila ummanni barbaadu haalli kennuu ittiin hin dandeenye uumameera.
Walumaa galatti dhaabbata keenya keessatti keessumattuu koree hojii raawwachiisaa keessatti rakkoon demookraasii keessoo dhaabaa mul’ate balaansaa dhaabbata qofa keessatti daanga’ee kan hafe miti.Mirga ummataa kabajuudhaaniifi dirqama tajaajila seera qabeessa kennuu ba’uu dhabuunis kan ibsamu ture.Kana biras darbee demookraasii keenya babal’isuufi cimsuun utuu barbaachisuu haala adda addaatiin dhiphisuun akka jiru mul’ateera.Heerri mootummaa keenya faayidaaleefi fedhiiwwan hedduu akkasumas garaa garummaawwan kana irratti hundaa’an karaa demookraatawaa,karaa seera qabeessaafi Nagaatiin akka keessummeeffamaniif carraa gahaafi amansiisaa uumee utuu jiruu hooggansi keenya dirqama demokraasii babal’isuu waan hin baaneef rakkooleen haalli karaa waldhabdeetiin furmaata ittiin argatan akka uumamuuf shoora gumaacheera.Kunis Nagaan keenya akka jeeqamuuf shoora gamasaa gumaacheera.
Ummattoonni biyya keenyaa hundi akka beekanitti waggoota dhiyoodhaa sitti naannoowwan biyya keenyaa hedduutti Nagaafi tasgabbiin dhabamee jeeqamsi mudanoo guyyuu ta’aa dhufeera. Naannoleettis ta’e naannolee jidduutti boora’’uun nagaa sababoota adda addaatiin mudatu lubbuun lammiiwwanii akka darbu balaan madaa’uu akka mudatuufi iddoo jireenyaa irraa akka buqqa’uuf sababa ta’eera.Kana malees barbadaa’umsi qabeenya ol’aanaan akka mudatuufi sochiin diinagdee akka dhaabbatu taasiseera.Haalli kun biyya waggoota hedduuf nagaan jiraatte keessatti yaaddoofi dhiphina uumeera.Waldhabdeewwan iddoowwan adda addaatti mudatan lubbuu namaa balleessuufi qabeenya barbadeessuu bira darbuun ummata badiif saaxilusaarrayyuu bu’aa haleellaa humna alaatiif saaxilamuu hordofsiiseera.Kunis jecha gabaabaan abdii badhaadhuufi boora’uun nagaa biyyaa haala ittiin walfalman irrattii akka argamnu nu taasiseera.Kana irraa ka’uun koreen hojii raawwachiisaan keenya demookraasii keenya heera mootummaa irratti hundaa’e amanamtummaadhaan hojiirra oolchuu qofa utuu hin taane haala waltajjiin barbaadu ka’uumsa taasisuunis bal’isuufi sababoota waldhabdee maqsuun nagaa biyya keenya yeroo gabaabaa keessatti amansisaa taasisuufi iddoo kanaan duraatti deebisuun akka barbaachisu murteesseera.
Sirni demookratawaan heera mootummaa biyya keenyatti ijaaramaa jiru fedhii faayidaafi heddumina irratti kan hundaa’edha.Kana irraa ka’uun ijaarsi sirna demookraatawaa paartilee hedduu  hooggansa dhaabaafi mootummaa keenyaatiin  waggoota 25’f kan itti fufe ta’ullee waggoota dhiyoodhaa asitti heddumminni ilaalchaa akka hin ibsamneef haalli dadhabaa ittiin deemu qabatamaan mul’ateera.Rakkoo kana yeroofi akkaataa barbaachisuun hubachuun sirreessuu kan qabu dhaabbanni keenya gama tarkaanfii barbaachisaafi seera qabeessa fudhachuutiin dadhabinni mul’ise sirni paartilee hedduu rakkoodhaaf akka saaxilamu taasiseera.Dhimmi waltajjii siyaasaa bal’isuu labsiifi fedhii gaarii dhaaba keenyaa irratti kan hundaa’e ta’uu baatullee gama tarkaanfii gama kanaan fudhachuu qabnuun qaawwii bal’aan akka ture koreen hojii raawwachiisaan keenya ni hubata.Dhababilee ijaarsa sirna demookraasiitiif shoora ol’aanaa qaban keessaa miidiyaafi pireesiin biyya keenyaa sadarkaa barbaadamuun bilisummaansaanii eegamee gurraafi ija ummataa ta’anii akka tajaajilaniif sochiin taasifame bu’aa barbaadamu akka hin argamsiifne koreen hojii raawwachiisaan qorannoosaatiin ilaaleera.Guddinni harkifataan gama kanaan mul’ate akkuma jirutti ta’ee waggoota dhiyoodhaa asitti miidiyaawwan ummataa naannoos ta’e Federaala jiran haalli seeraafi sirna eeganii ittiin hin hojjenne caaluun nagaafi aadaa waliin jiraachuu ummataa yaadoonni calaqqisiisan kan ittiin darbaniifi  sochiiwwan badii ummata walitti buusan kan ittin raawwataman ta’aa dhufuusaanii hanqinni koree hojii raawwachiisaas ta’e mootummaa isaan hoogganamuu shoora akka gumaache ni fudhata.
Hooggansi hawaasa demookraatawaa ijaaruuniifi dhimma heera mootummaa irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuu utuu qabuu sochiin ijaarama ummataa akka hin cimne mirkaneesseera.Biyya keenyatti demookraasiin heera mootummaa wabii kan qabaatu labsii irra darbee ummanni ijaaramee wayita hirmaatuufi yoo itti fayyadamu ta’ullee gama kanaan sochiin taasifame hirmaannaan hawaasa siiviilii sadarkaa barbaadamuun kan hin guddanne akka ta’e hubatameera.Akkaataa kanaan sirni demookraasii biyya keenyatti ijaaramu hirmaannaa hawaasa siviilii rakkoo keessa jiru rakkoo keessaa baasuudhaan cimsuun akka barbaachisu itti amanameera.Hooggansi ijaarsi dhaabbilee demookraasiifi hirmaannaan ummata ijaaramee murteessaa akka ta’e waan hin sochooneef rakkoo uumametti fala barbaaduuf xiyyeeffannaa addaa kennuu akka qabus waliigalameera.
Akkuma demookraasii biyya keenyaaf dhimma jireenyaa murteessaa kan ta’e sochiin bulchiinsa gaarii mirakneessuu sababa hanqina hoogansaatiin rakkoolee hedduuf kan saaxilame akka ta’e koreen hojii raawwachiisaan mirkaneesseera.Gama kanaan hirmaannaafi fayyadamtummaa ummataa bal’isuuf ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojmaata iftoomaafi itti gaafatamummaa uumuufi sirna bulchiinsa gaarii ijaaruuf carraaqqiiwwan taasifaman bu’aawwan argaman eeguufi bal’isuun dhimma ulfaataa ta’ee tureera.Qaamoleen hojii raawwachiiftoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan argaman carraan naamusaafi qajeelfamoota mootummaa hordofuun ummata itti tajaajilaniifi hirmaannaafi fayyadamtummaasaa ittiin mirkaneessan hir’ateera.Kana irraa ka’uun komiin ummataa ol’aanaan uumameera.Koreen hojii raawwachiisaan rakkoon kun waan kamiyyuu olitti hanqina sadarkaa hooggansa ol’aanaa mul’ateen kan uumameefi kan babal’ate akka ta’e mirkanee jira.Hanqinni ol’aantummaa seeraa uumuu waan mul’ateef Namoota malaammaltummaas ta’e rakkoolee biroo keessa seenan yerootti karaa seera qabeessaafi barsiisaa ta’een gaafachuun utuu hin danda’in tureera.Lammiiwwan namoota mirgootasaanii heera mootummaatiin wabii argatan sarban seeraan gaafachiisuun sadarkaa ta’uu qabuun utuu hin raawwatamin tureera.Kana malees mootummaan fayyadamtummaa ummataafi biyyaa mirkaneessuuf pirojaktoota eegale irratti rakkoolee raawwiifi naamusaa karaa amansiisaafi bu’a qabeessa ta’een gama sirreessuutiin hanqinni mul’ateera.Sababa kanaan pirojaktoonni damee hundumaanuu biyya keenya dorgomaa taasisaniifi fayyadamummaa ummata keenyaa bal’iisuuf danda’an manca’inni yeroo gan gatiifi qabeenyaa kan ittiin mul’atu ta’aniiru.Koreen hojii raawwachiisaan rakkooleen bulchiinsa gaarii kun ummataafi biyya kan miidhan akka ta’an hubachuudhaan hatattamaan sirraa’an taasisuun akka barbaachisu itti amaneera.Gama kanaan rakkoo bulchiinsa gaarii kanatti qabatamaan fala kennuun utuu barbaachisuu abdiifi waadaa duwwaa ta’een bira darbuun kutannoodhaan akka qolatamuu qabu murteesseera.
Dhaabbanni keenya biyya keenya walquxxummaan ummattoota hedduu itti kabajametti qajeelfama hawaasa siyaasaafi diinagdee tokko ijaaruu hordofuun socho’aa tureera.Qabatamaanis biyya keenya bibittinaa’uu keessaa baasee tokkummaa demookraatawa haarawaafi walitti dhufeenya walqixxummaa ijaaruun imala fagoo deemeera.Kunis bu’urawwan misoomaatiin walitti dhufeenyi addaan hin cinne akka uumamu taasiseera.Kun akkuma jirutti ta’ee walitti dhufeenya ummattootaa sadarkaa sadarkaan adeemsifamaa jiraniifi adeemsifamuus qaban mul’ata biyyaafi sirna demookratawa Federaalawa keenya haala cimsuun gama adeemsisuutiin hanqinoonni muraasa hin jedhamne hooggansaan raawwatamaniiru.Gabaabumatti hawaasa keenya biratti sirni heera mootummaa,ilaalcha misoomawaafi tokkummaa Itiyoophiyaa heddumina irratti hundaa’e gama cimsuutiin hojiin hojjetame  bu’aa argamuu danda’u utuu hin argamsiisin akka hafe koreen hojii raawwachiisaan qorannaasaatiin mirkaneessuu danda’eera.Sababa kanaan gama sabummaafi eenymmaa biyyaalessummaa walitti hidhuun ijaaruutiin hanqinni mul’ate hatattamaafi karaa amansiisaa ta’een fala argachuu akka qabu itti amanameera.
Rakkooleen ibsamaniifi hanqinoonni biyya balaadhaaf saaxiluu eegalan adda durummaadhaan hooggansa ol’aanaa ADWUI keessumattuu hanqinoota koree hojii raawwachiisaat.Koreen hojii raawwachiisaan,miseensoonni itti gaafatamtoonni ol’aanaan dhaabaaf mootummaa dhuunfaafi waliin itti gaafatama tarsiimawaa kennuuf dirqama qaban waan hin baaneef rakkoo uumamedha.Qorannaa kanaan koreen hojii raawwachiisaan ADWUI’fi  hooggantoonni mootummaa ol’aanaan hooggansa tarsiimawaa yeroon gaafatu gama kennuutiin hanqina bal’aa akka qaban mul’ateera.Hooggansi ol’aanaan dursuudhaan rakkoo adda baasuu,gadi fageenyaan beekuufi hubachuu,tooftaa furmaataa mul’isuufi akkaataa kanaan ga’uumsi fala rakkoo argamsiisuun hoogganuu hanqina akka qabu ejjennoon waliiniirra ga’ameera.Kanaafuu dogongoroota raawwatamaniifi miidhaa mudateef hooggansi ol’aanaan itti gaafatama akka fudhatu waliigalteerra ga’ameera.
Kana irraa ka’uudhaan koreen hojii raawwachiisaan  ummattoonni biyya keenyaa hundi injifannoowwan qabsoo cimaadhaan galmeessisan eeguufi bal’isuudhaan itti fufsiisuu waan hin dandeenyeef,akkasumas rakkoolee gara garaa dhaabbata keessattis ta’e biyya keenyatti mul’atan yeroofi mira itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan fala itti argamsiisuu waan dadhabeef miidhaa ga’eef itti gaafatama guutuu fudhachuu bira darbee ummattoota biyya keenyaa,miseensoota dhaabbata keenyaafi deeggartoota keenya hunda dhiifama onnee irraa madde gaafata.Dhaabbanni keenya ADWUI’n dhaaba qabsoofi jijjiiramaa qofa utuu hin taane biyya guddinaan gadi dhundhulaa turte jaarraa nuusaaf daandii guddinaafi jijjiiramaa irra akka imaltuuf carraaqqiin taasiseefi injifannoowwan ummataawaan galmeeffaman balaadhaaf akka saaxilaman waan taasiseefis gaabbii cimaa onnee irraa madde ibsa.Haalli kun lammata akka hin mudanneefis akkuma waggoota darbanii kutannoofi itti fufiinsaan akka socho’u waadaasaa haaromsa.Qoruumsa kamiifiyyuu utuu hin jilbiinftin  injifannoo irratti injiffannoo galmeessisuun seenaa guddaa kan qabu dhaabbanni keenya ADWUI’n haala amma biyya keenya keessa jiru akka sirreessuufi imala injifannoo akka itti fufsiisus waadaa gala.
Kabajamtoota ummattoota biyya keenyaa!
Koreen hojii raawwachiisaan ADWUI qorannoo taasifameefi waliigaltee irra ga’amerratti hundaa’uun kallattiiwwan kanatti aananii jiraniif xiyyeeffannoo kennee socho’uun rakkoolee hatattamaatti fala argamsiisaa jijjiirama waaraaf hojjechuu akka qabu murteesseera.
1.Koreen hojii raawwachiisaan qorannoo guyyoota 17f taasiseen sochii misoomaafi demookraasii ummata keenyaa cimsuun hirmaannaafi fayyadamtummaasaa mirkaneessuufi bal’isuuf nagaa amansiisaa yeroo gabaabaa keessatti buusuufi ummanni keenyaa gara jireenya nagaatti akka deebi’u taasisuun akka barbaachisu murteesseera.Akkaatuma kanaan sochiiwwan kamiyyuu jireenya nagaa ummataa keenyaa jeeqan ummata waliin ta’uun too’annoo jala oolchuuf mootummaan itti gaafatama guutuu fudhatee akka raawwachiisuuf murteeffameera.Dhimmi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu  yeroo muraasaafis ta’u gaaffii keessa galuu akka hin qabneefi  adeemsa seera cabsuu gama kanaan mul’atu too’achuun seera kabajisiisuun nagaa amansiisaa taasisuun akka barbaachisu murtaa’eera.Sochiiwwan iddoowwan adda addaatti karaa seeraan alaatin taasifamaniif daandii cufuu mirga bilisaan socho’uu lammiiwwanii jeequun akkasumas sochii guyyuu ummataa gufachiisuuf dhuunfaanis ta’e gareedhaan sochiiwwan taasifaman akka dhaabbatan taasifama.Du’aafi iddoo jireenyaatii buqqa’uu sababa daangaatiinis ta’e sababoota birootiin mudatan guutummaatti dhaabuuf murteesseera.
Dhiyeenya naannoo daangaa Oromiyaafi Somaaleetti sababa wal dhabdee mudateetiin du’aafi dararamni lammiiwwaan irra ga’e akkasumas lammiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’uun hatattamaan dhaabbatee buqqaatoonni jireenya idilee jiraachuu akka danda’aniif hatattamaan haala mijeessuuf murteesseera.Kana malees sochiiwwan daldala seeraan alaa naannoowwan kana sababa  waldhabdee ta’an akka dhaabbatan, sochiin diinagdee qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa balaadhaaf akka hin saaxilamneef eegumsi barbaachisaaniifi deeggarsi akka taasifamuuf murteesseera.Carraa kanaan qaamoleen tasgabbiifi raayyaan ittisa biyya keenyaa haala rakkisaadhaan nagaa keenyaa kabajisiisuuf wareegama baasaniif koreen hojii raawwachiisaan ADWUI kabaja qabu ibsa.
2.Gama demookraasii keessoo dhaabaatiin qorannoo amma taasifame irratti hundaa’uuniifi ajandaa tiraansfoormeeshinii bu’a qabeessa taasisuuf dhaabbanni sabaa tokkoon tokkoonsaa hanqina sadarkaa hoogansa ol’aanaatiin qabu gadi fageenyaan qoratee tarkaanfii sirreessaa iftoomaafi itti gaafatamummaa qabu akka fudhatuuf murteesseeraa.
3.Sirni demookratawa Federaalawa keenya gaaffiiwwan bu’uraa walqixxummaafi fayyadamtummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf dandeessisan kan deebise ta’ullee hanqina raawwii wajjin wal qabatee garaa garummaan dhiyeessii misoomaa iddoowwan adda addaatti mul’atan akka jiran koree hojii raawwachiisaan qorateera.Injifannoowwan hiyyummaa irratti galmeessifne akkuma jiranitti ta’e ammas ta’u ummanni keenya nuusa ga’u jireenya hiyyummaa suukaneessaa keessa kan jiru ta’uunsaa yaaddessaa waan ta’eef gama kanaan qabsoon eegalle cimee akka itti fufuuf kallattiin kaa’ameera.Shoorrii pirojaktoota misoomaa Federaalaa akkuma jiranitti ta’ee sirna keenya keessatti humni misoomaa guddaan naannoleetti kan argamu akka ta’eefi dhaabbileen sabaa naannolee bulchaan humna misoomaa naannoo isaanii sirritti fayyadamuuf haala mijeessuu akka qaban koreen hojii raawwachiisaan kallattii kaa’eera.Kana malees tokkummaa biyyaa uumuuf sochiiwwan adda addaa ummataafi mootummaa wajjin ta’uun raawwachuun akka barbaachisu kallattii kaa’eera.
4.Caasaan mootummaa gaaffiiwwan ummatataiif deebii saffisaa kennuu akka danda’uuf hojiiwwan riiffoormii eegalaman bu’a qabeessa taasisuufi kallattiiwwan sirraa’uu qaban lammata ummataafi qaama raawwachiisaa waliin ta’uun sirreessuun guutummaatti hojiirra akka oolaniif murteesseera.Carraa kanaan siiviil sarvisiin sadarkaa Federaalaas ta’ee naannootiin jiru kan yeroo kamiyyuu caalaa mira tajaajiltummaatiin gaaffiiwwan ummataa deebisuuf akka tumsuuf koreen hojii raawwachiisaan ADWUI waamicha dhiyeessa.
5.Iccitiin milkaa’inawwan biyya keenyatti galmeeffamanii hirmaannaa ummataa mirkaneessuu danda’uudha.Akkaataa kanaan koreen hojii raawwachiisaan amanamtymmaa ummataa deebisee argachuufi gaaffiiwwan ummatataiif deebii saffisaa kennuuf tarkaanfiiwwan dandeessisan fudhachuun akka barbaachisu murteesseera.Carraan ummanni itti dhaga’amuufi murteessuummaan isaa itti mirkanaa’u akka bal’atuuf xiyyeeffannoo kenneera.Keessumattuu ammoo gaaffiiwwan dargaggoonni kaasaniif deebii gahaa kennuufi hirmaannaa ijaarsa sirna demookraasiifi  misooma keessatti qaban haala guutuu ta’een mirkaneessuuf hojiiwwan itti fufiinsa qaban akka hojjetamaniif kallattii kaa’eera.
6.Ijaarsa sirna paartilee hedduu keessatti hanqinoota mul’atan dhaabbilee mormitoota hundaafi ummata wajjin ta’uun furuuf socho’uun akka barbaachisu murteesseera.Hayyoonniifi hawasani siiviiliin ijaarsa sirna demookraasiifi waltajjii demookraasii bal’isuuf haalli shoora isaanii ittiin gumaachan akka mijaa’uuf murteesseera.
7.Gochaafi haalawwan mirgoolee namoomaafi demookraasii sirna demookraatawaa Federaalawaan kabajaman gufachiisan akka qolatamaniif murteesseera.Gama kanaan mirgoolee namoomaafi deemokraasii sadarkaa amansiisaadhaan kabjsiisuuf tarkaanfiiwwan dabalataa faayidaa ol’aanaa qaban akka fudhatamaniifis kallattii kaa’eera.
8.Dhimma misoomaafi tokkummaa biyyaalessaa irratti cimuu utuu qabanuu dhaabbileen mkiidiyaa dhuunfaafi mootummaa gocha diigumsaafi ummata walirraa fageessuu irrati bobba’an haalli adeemsa isaanii ittiin sirreessan akka uumamuuf kan socho’u ta’uusaa koreen hojii raawwachiisaan kan murteesse yoo ta’u keessumattuu sadarkaa Naannoottis ta’e Federaalaatti siyaasa,hojimaata seera qabeessaafi sirna heera mootummaa irraa fagaachuun ergaa jeeqamsaafi hookkaraa carraa miidiyaa ummataatiin ittiin tamsa’u cufuuf tarkaanfiiwwan qindoomina qaban akka fudhataman carraa kanaan ibsa.
Kabajamtoota ummattoota biyya keenyaa,hayyoota,miseensotaafi deegratoota dhaaba keenyaa,dhaabbilee deegratoota akkasumas qaamolee tasgabiifi seera kabajisiisan!
Dhaabbanni keenya ADWUI’n waggoota 26 darbaniif isin amanuuniifi isin wajjin harka wal qabachuun biyya kabajamuu mirgaafi faayidaa keessaniif taatu ijaaruu eegallee jirra.Adeemsa kanaan wareegamni baafne akkuma ulfaataa ta’e jaarraa nuusaa oliif jijjiirama galmeessisuu dandeenyee jirra.Turtii kana keessatti rakkooleen qabnu hundi fala ni argatu jechuun eeguun danda’amuu baatus  biyyaalee sadarkaa guddinaa walfakaataa qaban caalaa imaluun mul’ata biyya keenyaa mirkaneessuu eegallee jirra.Carraan gara fuulduraa biyya keenyaa kan murteeffamu imala haaromsaa eegalle eeguudhaan injifannoowwan keenya bal’isuudhaaniifi hanqinoota qabnu sirreessuun iddoo karoorfanne ga’uu yoo dandeenye qofadha.Kanaaf gufuuwwan yeroof numudatan hunda kutannoon falminee injifannoo misoomaafi demookraasii babal’isuuf deeggarsi keessan barameefi sochiin keessan murteessaan akka nurraa adda hin bane,iddoo balleessinetti nu abaaraa,bakka hir’ifnetti guutaa biyya keenya waltaanee akka ijaarruuf koreen hojii raawwachiisaan ADWUI waamichasaa isinii dhiyeessa.
Koree hojii raawwachiisaa ADWUI


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa