Dhimma odeeffannoo gama mootummaatiin kennamuuf xiyyeeffannoon kennameera

Obbo Shimallis Abdiisaa ammaan booda hojiinsaanii cimaan odeeffannoo mootummaa bira jiru ummata bal'aa biraan ga'uudha.Obbo.Shimallis hoogganaa waajjira muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad taasifamnii kan muudaman hojii kana ga'uumsaan keessa ba'uu danda'u jedhamee waan itti amanameefidha.
Obbo Shimallis Abdiisaa imaanaa itti kenname kana ga'uumsaan akka milkeessuu danda'an anis nan  amana.Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti ga'uumsaan hojjetan waan beekuuf sadarkaa federalaattis dirqama itti kenname kana ga'uumsa ol'aanaadhaan akka milkeessuu danda'an shakkiin hin jiru.Yeroo hojii gaarii!

Obbo Shimallis iddoo ob.Fitsum Araggaa turan bakka bu'uudhaan hojjetu.Akka Ob.Fitsum Karaa weebsaayitii hawaasummaatiin carraaqqii cimaa taasisaa turan Obbo Shimallis Abdiisaas hojii kana cimsanii akka itti fufan abdatama.

Kaleessa hojiin wal harkaa fuudhuu raawwatameera.Karoorris ifoomsameera.Kun waan gaariidha

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman