Humni moo’ame maal gochaa jiraa? Hooggansi ABO’hoo maalif burjaaja’e?
Humni jijjiirama
biyya keenyaa mormu maal gochaa akka jiru quba qabnaa laata?Gareen jijjiirama
hin barbaadu ida’amuus hin fedhu jedhe maal hojjechaa akka jiru sirritti
beekuudhaan dura dhaabbachuun barbaachisaadha.Humna kana dura dhaabbannee yoo
qolachuu dadhabne gabrummaa suukaneessaadhaaf of saaxiluu keenya beekuun
barbaachisaadha.
Gabrummaan Ummata
keenya mataa gadi qabachiisee ture lammata akka deebi’uuf hin feenu!Fedhiin
keenya kun kan dhugoomuu danda’u tooftaafi adeemsa mormitoota jijjiiramaa
baruudhaan nus malaafi tooftaa ofii baafannee socho’uun dirqamadha.
Humni moo’ame waan
harkaa baate harkatti deebifachuuf tooftaawwan adda addaatti fayyadamaa
jira.Tooftaan jalqabaa humna maallaqaatti fayyadamuudha.Akka beekamutti gareen
kun waggoota taayitaarra turetti maallaqa sababa adda addaa uumee saameefi
saamsise amma jijjiirama argame gufachiisuuf sirrtti itti fayyadamaa
jira.Kanaaf ragaa qabatamaa ta’ee kan dhiyaachuu danda’u jeeqamsawwan iddoowwan
adda addaatti kanaan dura mudataniifi ammas mudachaa jiran qaamota qindeessaniifi
raawwataniif maallaqqa birrii miliyoonaan lakkaa’amu kan ramadeefi kunis
shakkamtoota too’annoo jala oolaniin kan himame ta’uusaati.
Akka shakkamtoonni
too’annoo jala oolan garee poolisii qorannaa yakkaatiif mirkaneessanitti
mahaallaqni jeeqamsa babal’isuuf oolu karaa baankiitiin qindeessitoota
jeeqamsaatiif ergameera.Fakkeenyaaf jeeqamsa ganna darbe Burraayyuutti mudateef
qindeessaa jeeqamsaatiif birriin miliyoonni 8 ergameera.Maallaqni kun
kashalabboota jeeqamsa babal’isaniif kaffalameera.Ragaan qaama dhimmi ilaallatuun
qulqulleeffamee dhiyaate haqa kana mul’isa.Sababa deeggarsa kanaatiin yakki
suukaneessaan Magaalaa Burraayyuutti akka mudatee darbe ni yaadanna.
Jeeqamsi haala
kanaan qabsiifame guutuu biyyattiitti akka hin babal’anneef manguddoonni Gaamoo
waan seena qabeessa hojjetaniifi manguddoonniifi Abbootiin Gadaa Oromootis
Nagaan akka bu’uuf shoora isaan gumaachan yoomillee hin dagannu.
Deeggarsa raayyaa fees-buukiitiif
taasifamu
Ololli farra
jijjiiramaa akka finiinuuf kallattii adda addaatiin waan hojjetamaa jiru
beekuun barbaachisaadha.Olola kana beekuu qofa utuu hin taane dura
dhaabbachuunis dhimma murteessaadha.Teeknooloojiin kun farreen jijjiiramaa qofa
miti kan fayyadu.Nuti deeggartoonniifi abboonni jijjiiramaas duula karaa
raayyaa fees-buukiitiin nutti baname ofirraa qolachuu ni dandeenya.
Haala raayyaa
fees-buukiitiif deeggarsi ittiin taasifamaa jiru haa ilaallu.Akkuma jeeqxoota
iddoo adda addaatti bobbaafamaniif mahaallaqni ol’aanaan kaffalamu raayyaa
olola fees-buukii iddoo adda addaa taa’ee hojjechaa ooluufis mahaallaqni
ramadamee sochiin farra jijjiiramaa taasifamaa jira.Inni kun ol’aantummaadhaan
kan raawwatamu karaa actiivistoota beekamoo ta’aniin akka ta’e beekamuu
qaba.Fakkeenyaaf actiivistoonni Tigiree maqaadhaan beekaman kan akka Daniel
Birhane fi Dawit Kebede ol’aantummaadhaan kana hojjetu.Karaa akkaawuntii ofii
qabaniin ololli afarsan akkuma jirutti ta’ee miseensoota raayyaa
fees-buukiitiif mahaallaqa miliyoonaan lakkaa’amutu baasii ta’a.
Namoota kana
fakkeenyumaafan kaase malee kanneen biroonis hedduutu jira.Raayyaan fees-buukii
kun ol’aantummaadhaan hojiin hojjechaa jiru jijjiirama qabatamaan mul’ate
gufachiisuuf ergaawwan adda addaa faallaa ta’an dabarsuu irratti kan
xiyyeeffatedha.Oduun sobaa bal’inaan tamsaafama.Iddoo akkanaatti wanti akkanaa
raawwatame,Sabni abaluufi abaluu walitti bu’e jechuun oduu sobaa omishuudhaan
tamsaasaa oolu.Kanaaf wanti fees-buukiis ta’e miidiyaawwan hawaasummaa kanneen
biroo irratti himamuufi dhiyaatu hundi dhugaadhamoo miti jechuun adda
baafachuun murteessaadha.Summii isaan oomishanii facaasaa oolaniin raafamuufi
burjaaja’uun barbaachisaa miti.Isaan ergama isaaniif kenname ba’aa jiru.
Ajandaa guyyuutti
karaa hooggantoota isaanitiin bocamee kennamu tamsaasaa oolu waan ta’eef oduu
jette jettee isaaniitiif iddoo kennuu hin qabnu.
Humna jijjiirama mormaa jiruufi namoota
mufatan
Humni jijjiirama
mormaa jiru hunduma keessa akka jiru beekamuu qaba.Miseensoota saba Tigiree
faayidaan jalaa tuqame qofatu jiijjiirama Qeerroo Oromoofi hooggansa
haaromsaatiin dhufe mormaa jira jechuudhaan yaaduun dogongora ta’a.Kan
faayidaansaa jalaa tuqameefi karaatti gufatee hafe hundi keessa jira.
Oromoo jijjiirrama
amma dhufe kana mormuufi humna jijjiirama gufachiisuuf socho’aa jirutti
maxxanee jiru qabatamaan yoo agarru akkamitti kana shakkinaa? Keessumattuu
hunda ta’uu baatanis kanneen kanaan dura taayitaarra turan faayidaan isaanii
waan jalaa tuqameef humna jijjiirama gufachiisuuf socho’aa jiru akka deeggaran
shakkamuu hin qabu,isaanis faayidaan isaanii waan jalaa tuqameef mufachuudhaan
waan irra jiran beekna.
Utuu mufachuu
baatanii beekkamtii qabanitti fayyadamuudhaan haala jijjiiramni hin gufanneen
socho’u ture.Fuula Kumaa Dammaqsaa Jarman Firaankfartiitti hirmaattoota
waltajjiitiin mormamnaan dhiyeenya mul’ate yaadachuun barbaachisaadha.kanneen
hafanis akkasuma,muufiinsaanii fuuluma isaanirraa beeksisa.
Kun salphinadha,waa
lama dhabuudha.Mufattoonni yoo abshaalomuu barbaadan gara ummata bal’aa goruu
qabu.Gareen muraafni mufiidhaan jijjiirama gufachiisuuf socho’u hamma humni maallaqaa
kuufate jalaa dhumu qofatti wixxiffata.Booda mataa gadi qabachuunsaa waan hin
oolledha.Humna ummataa kan caalu jiraaree?Jijjiiramni hooggansa haaromsaatiin
qajeelfamaa jiru ummata bal’aadhaan kan deeggaramedha.Waan ummata bal’aadhaan
deeggarame kana gufachiisuuf socho’uun yaalii bira kan darbu ta’uu hin danda’u.
Hooggansi ABO maalif burjaaja’ee?
Addi Bilisummaa
Oromoo(ABO’n) dhaabbilee Ummanni Oromoo gabrummaa keessaa akka ba’uuf adda
durummaadhaan qabsaa’an keessaa tokkodha.Qabsoo farra gabrummaa waggoota hedduuf taasiseenis dhaaba
beekamaadha.Ummanni Oromoo fayyadamaa mirgaafi faayidaasaa akka ta’uuf falmii
taasiseefis ummata biraa galata guddaa qaba.Muuxannoon qabsoo ABO’n dhaabbilee
Ummata Oromootiif qabsaa’an kanneen birootiif dabarses akka waan salphaatti kan
ilaalamu miti.
Wareegamni ABO’n
waggoota hedduuf kaffale lakkaawwamee kan dhumuu danda’u miti.Miseensonniifi
deeggartoonni addichaa wareegama yeroo adda addaatti isaan baasan dagachuun hin
danda’amu.Wareegamni kun fashalaa’ee hafuu hin qabu.Iddoofi kabaja isaaf malu
argachuu qaba.Qabsoo kana keessatti beektotaafi ijoollee Oromootu
wareegame.Wareegamni Ijoollee Oromoo faayidaa murnootaa yerootiif jecha
fashalaa’uun salphina guddaadha.
Karaa birootiin hooggansi
haaromsaa keenya dhaaba umurii dheeraa lakkoofsise kanaaf kabaja ol’aanaa
kennuudhaan(kennuus qabu) Hooggantoonni ABO biyya alaa jiraachaa turan karaa nagaatiin
biyyatti deebi’anii akka socho’aniif carraaqqii ol’aanaa taasisuun
milkaa’eeraafi.
Hooggantoonni ABO
waamicha dhiyaateef kabajuudhaaniifi fudhachuudhaan jalqaba baatii Fulbaanaa
bara 2011 irra gara biyyaatti deebi’aniiru.Kanaafis galata guddaa qabu.Murtee
seena qabeessa kanaan gammachuun Ummata bal’aa Oromootiif uuman daangaa kan
qabu miti.Simannaa Finfinneetti hooggansa ABO’f jalqaba torban baatii
fulaanaarra taasifame yaadachuun barbaachisaadha.Simannaa ho’aafi seena
qabeessa kan yoomillee dagatamuu hin dandeenyetu taasifame.
Waa’ee simannaa
kana wajjin walqabatee raayyaa ABO Eertiraa turuudhaan gara biyyasaatti deebi’eefis
Maqaleefi magaalota Naannoo Tigraay gara garaatti simannaan taasifameera.Sirna
simannaa WBO’tiif Maqaleetti taasifame irratti qaamonni jijjiirama hooggansa
haaromsaatiin dhufe balaaleeffatan waan argamaniif battala sanitti dhimmichi
ajandaa marii ta’ee tureera.Dhugaa qabatamaan jiruun miseensoonni WBO karaa
Maqaleetiin biyyatti deebi’an jiddu gala leenjii Ardaayitaatti leenjifamaa
turaniiru.Leenjiisaanii erga xummuranii boodas haala jireenyasaanii idilee
ittiin fufan irratti kallattiin ni kaa’ama jedhamee eegama.
Kun utuu kanaan
jiruu Karaa Oromiyaa lixaatiin waan ta’aa jiru beekna.Kun maalif ta’e?
jechuudhaan gaafachuun murteessaadha.Humni jijjiirama mormuufi Maqalee da’oo
godhatee jiru miseensoota WBO iddoo adda addaatti harca’anii hafaniifi humna
ofii qindeessaa jiru dabaluudhaan jijjiirama gufachiisuuf socho’aa akka jiru
haaluma qabatamaan jirutu mul’isa.
Hooggansi ABO dhimma
kana wajjin wal qabatee murtee sirrii waan murteessuu dadhabe fakkaata.Olollii
gamaa-gamanaa afarfamaa jirus hooggansa ABO burjaajessaa waan jiru
fakkaata.Kana qabatamaan kan mul’isu yaada hooggansi ABO sab-quunnamtiilee adda
addaatiif kennaa turedha.
Fakkeenyaaf dura
taa’aan ABO Ob.Daawud Ibsaa dhiyumma kana yaada sagalee Raadiyoo Ameerikaatiif
kennaniin waliigaltee mootummaa Itiyoophiyaa wajjin taasifne wayita hojiirra
oolchaa jirrutti hidhattoota keenya irratti tarkaanfiin fudhatamuu hin qabu jechuun dubbataniiru.Kana jechuun
WBO hidhatee socho’u ammas jira jechuudha,Kun ammoo waliigaltee karaa nagaatiin
socho’uu jedhu wajjin faallaadha,gonkumaa walitti dhufuu hin danda’u.Qawwee
qabachuudhaan karaa nagaatiin socho’uu wanti jedhamu hin jiru.Kun dhugaa
qabatamaadha.Burjaaja’uumsi hooggansa ABO asirratti jalqaba.Burjaaja’uumsa kana
duuba ammoo humni jijjiirama gufachiisuu barbaadu akka jiru haalli qabatamaan
jiru mul’isaa jira.
Humni jijjiirama
gufachiisuu barbaadu akkuma dur bare Ummata walitti buusuudhaan faayidaa ofii
eegsifachuu barbaada.Kanaaf carraan xummuraa humni kun itti fayyadamuuf deemaa
jiru Oromoota wal ficcisiisuudhaan taayitaa dhabetti deebi’uudha.Biyya tana
hoogganaa kan jiru Oromoodha.Oromoon Oromoo irratti duule duulchisiise jechisiisuuf
waan ta’aa jiru argaa jirra.
Abshaalummaan
Oromoon qabu iddoo kanatti barbaachisaadha.Diinni faayidaa ofii dhabe harkatti
deebifachuuf wixiffachaa jira.Oromoon hundi kana dura dhaabbachuu qaba.Diinaaf
akka milkaa’uuf jecha Oromoon wal ajjeesuu hin qabu.Dhaabbileen maqaa
Oromootiin qabsaa’aa jiran hundi dammaquu qabu!Hayyoonni Oromoo kan dogongore
barsiisuutu irraa eegama.Qeerroofi qarreen Oromoo manguddoonniifi Abbootiin
Gadaa Oromoo amma hojii cimaa of harkaa qabu.
Hooggantoonni
paartiiwwan Oromoo itti gaafatmummaa seenaa jalaa ba’uuf yeroon kutannoofi abshaalummaadhaan
itti hojjechuu qaban ammadha.Hooggansi ABO’s haala jiru kanaan burjaaja’uu hin
qabu.Fedhii Ummata bal’aa Oromoo jiddu galeessa taasifachuudhaan socho’uutu
irraa eegama.Oromoon nagaa barbaada injifannoo siyaasaa argate diinagdeedhaanis
dbaluu barbaada.Jaalatamummaa Saba Oromoo biraa qaban cimsanii itti
fufsiisuudhaaf hooggantoonni ABO sadarkaadhaan jiran,miseensonniifi
deeggartoonni addichaa amma dammaqanii,haala jiru xiinxalanii socho’uu
qabu.Miraaniifi harkisaa duubaa hordofuudhaan socho’u taanaan Saba Oromoo
guddicha dabalatee sabaafi sablammoota Itiyoophiyaa gabrummaa suukaneessaafi
daangaa hin qabnetti deebisuuf socho’aa akka jiran hubachuudhaan itti
gaafatamummaa seenaa jalaa ba’uuf yaroon itti dammaquu qaban ammadha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ