Ibsa Konfaransii Dhaabbattummaa 8ffaa Dh.D.U.O



Konfaransiin Dhaabbattummaa 8ffaa Dh.D.U.O Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti waxabajjii 03 irraa eegalee taa'amaa ture ibsa Ejjennoo abbaa qabxii 11 baasuun xumurame.
Dhaabbanni Dimokraatawaa Uummata Oromoo dhaaba waltajjii qabsoo irra gahe sirriitti adda baafatee, qabsoo cimaa keessoo isaatti geggeessuun dhaabatee of ilaalaafi of sirreessaa dhufedha.
Dh.D.U.On imala haaromsaatiin dhaabbatee, yeroo gahaa fudhatee, gubbaa hanga gadiitti keessoo isaa sakatta’ee of haaromsuudhaaf qabsoo obsa fixachiisaa taasiseen sadarkaa tooricha itti fufsisuu isa dandeessisurra gaheera. Ammas aadaan demokiraasummaafi ummatummaa dhaaba keenyaa har’as komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun ummata waliin mul’ata naannoofi biyya keenyaa dhugoomsuuf hoojjechuu nu gaafata.
Kanuma irraa ka’uun Injifannoowwan hanga ammatti sochii haaromsatiin argaman kunuunsuufi boqonnaa itti aanutti ceesisuu, wal amantaafi wal-dhaggeeffachuu uumamaa dhufe cimsuu, abdii ummanni hooggansa keenya irratti horachuu calqabe dagaagsuudhaan haroomsa keenya bu’uura cimaa irratti ijaaruu akka qabu cimsee amanna.
Walumaa galatti hirmaattoonni koonfaransii dhaabbatummaa 8ffaa yeroon irratti argamnu murteessaafi qabsoo cimaa kan barbaadu ta’uusaa hubachuun, xiiqiin fuulduratti tarkaanfachuu qofa akka ta’e mariiwwan taasifamerratti hubatameera.
Qaphxiiwwan ibsa jijjannoo hirmaattoota koonfaransichaa.

1.Tokkummaan uummata Oromoo amma mul’atee calaqqee biyyaa tahaa jiru dudhaa Ummanni Oromoo kanaan dura qabuun walsimee haalli itti calaqqise kan baayyee nama boonsu ta’ee argamee jira. Yoo faayiidaa ummata keenyaarratti yaadaafi gochaan tokkoomne raajii kana caalu galmeessisuu akka dandeenyu kan irraa hubannedha.
Tokkummaa Oromoo jechuun yaada siyaasaa tokko qabaachuu jechuu miti, dhaaba siyaasaa tokko jala hiriiruus miti, Amantaa wal fakkaatu qabaachuu miti,gosa tokko ta'uu jechuus miti; garuu dantaafi faayiddaa uummata Oromoo irratti waliigaluu danda'uudha.
Dantaafi faayidaa Oromoo kabachiisuu irratti dhaabbileen siyaasaa Oromoo wal xaxuu,summii jibbiinsaa facaasuufi mogolee wal buusuu osoo hin taane aadaa dimokiraasii ummanni keenya dheebote dagaagsuun seenaa dhaallee dhalootaaf ta’u bu’ureessuuf wal jajjabeessuufi wal utubuutuu isaan irraa eegama. Tokko isa tokko balleessuuf yaaluu osoo hin taane, balleessaa walitti agarsiisanii,wal kabajuudhaan waan tokko isaan taasisu irratti waliin hojjechuudha; kanatu siyaasa Oromoofi Itoophiyaa ceesisa. Yoos Tokkummaan Oromoo tokkummaa Itoophiyaatiif wabii taha.
Kanaaf nuti hirmaattoonni koonfaransii dhaabbatummaa 8ffaa Dh.D.U.O ilaalchoota Naannummaan, Amantaan, gosaan, lagaan, gandaan yaaduu gufuu tokkummaa keenyaa ta’uu bira darbee Ummata Oromoo saba guddaa kan bittineessuufi xiqqeessu akka ta’e hubannee irratti qabsaawuun tokkummaa keenya cimsinee ijaarsa naannoof biyya keenyaaf ga’ee seenaa keessatti hin dagatamne bahachuuf kutannoon ni qabsoofna!!!
2. Waltajjiin qabsoo yeroo ammaa irra geenye wallaansoo humna misoomawaa faayiddaan ummataa karaa sirriif haqa qabeessa taheen akka milkaawu hojjatuufii humna gateettii ummataarra taa’ee qabeenya ummataa qoqoraa karaa qaxxaa muraan badhaadhuu barbaadu gidduutti gaggeeffamu tahuu hunannee jirra.
Gochoota faayidaa ummataa qucursuu bira darbanii hamilee ummataafi hooggansa haqaan hojjatu mogolee cabsan keessattuu kanneen akka malaanmaltummaa, koontroobaandii,daldala seeraan alaa, saamicha lafaafi qabeenya ummataafi mootummaarratti raawwatamu kamuu ofiifis yaadaaniis tahe gochaan irraa bilisa of goonee qabsoo toorarratti hundaa’ee taasifamuun ol’aantummaa siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa dadhabsiisaa deemuudhaan ol’aantummaa siyaas-dinagdee misoomawaa mirkaneessuuf araarama tokko malee qabsaa’uu akka qabnu murteessineerra.Nuti hirmaattonni konfaransii 8ffaa tarkaanfiiwwan dhaabni keenya madda kiraa sassaabdummaafii gochoota badaa ittisuuf taasisu kamuu cinaa dhaabbannee tumsa nurraa eeggamu ni ba’anna! Hadheeffannees ni qabsoofna!
3. Imalli dhaaba keenyaa kaleessaa bakka toorarra dhaabbannee faayidaa ummataaf qabsoofnetti injifannoo, bakka toorarraa maqnee ummataaf jiraachuu dhiifnee ummatarra jiraachuu jalqabnetti maal akka nurra gahe seenaa yaadannoo yeroo dhiyooti
Ayaataan wal dhaggeeffannee ilaaf ilaameen marii ballifannee hojiin hojjannu hundi abbaa biyyummaa keenya mirkaneessuu bira dabree hojii fakkeenyummaa qabuufi injifannoo olaanaatti nu ceesisedha.
Haa ta’u malee hojimaatoota wal xaxoofi boodatti hafaa rakkoo bulchiinsa gaarii tahanii ummata keenya komachiisan harrallee ablee qara lamaa nutti tahanii nu eeggatu, tolchinu badii nu waliin mura balleessinu numatti as gara gala.
Hojiiwwan misoomaa gaaffii ummata keenyaa deebisuu danda’an saffisuu dadhabuu, ummanni gaafataa qofaa osoo hin taane hirmaataafi misoomichaaf hoogganaa akka ta’u taasisuu dadhabuunis hanqina haaroomsa keenyaan ilaalle waan taheef ummata dhaggeeffachaa deemuu jalqabne fuulduraafis cimsinee kan itti fufnu taha.
Kanaaf nuti hirmaattoonnni koonfaransii 8ffaa rakkoo dhaqqabummaa misoomaa,hanqinni dhiyeessii,rakkoo hoji dhabdummaa,rakkoo hanqina qulqullina hojiifi hojimaataa,rakkoo dandeettii dabalatee rakkoowwan bulchiinsa gaarii hundeerraa furuun kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuun aantummaa ummataafi miira tajaajiltummaa gonfachuun ciminaan ni hojjanna!!!!
4. Sirni federaalizimii biyya keenyaa sirna heera mootummaatiin hogganamuu fi akkaataa heddummina keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa haqa-qabeessa mirkaneessuun danda’amutti kan ijaaramedha. ummanni Oromoo aadaa siyaasaa biyya kanaa keessatti shoora bakka buutee hin qabne taphachaa tureera taphachaas jira. Kana malees utubaa ijaarsaa sirna feederalizimii fi sirna kana ijaaruu keessatti ga’ee guddaa kan taphate ta’u isaa imalli haaroomsaafii qabsoon taasifame nuu mirkaneessu.
Dh.D.U.O akkuma kaleessa mirgaafii walqixxummaa sabaafii sablammoota biyyattiif aarsaa kafale harraas saba ballaa Oromoofii sabaaf sablammoota biyyattii waliin tahee gochoota toora dhaabaarraa maqan saaxilaa,irrattis qabsaawaa biyyi akka biyyaatti akka itti fuftu halkanii guyyaa hojjetaa jira.
Ummanni Oromoos Aadaafii dudhaa wal jaalalaa,wal kabajaafii wajji jireenyaa cimaa waan qabuuf akkuma kaleessaa dudhaa isaa kana hojiirra oolchuun aadaan wajjin jireenyaafii wal danda’uu sabaafii sablammoota akkanumas ummattoota biraatii waliin qabu cimsatee akka itti fufu nu hirmaattoonni koonfaransichaa Kabajniifii wajji jireenyi Obbolummaa Dudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabuufii biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu akkuma kaleessaa cimsee akka itti fufuu qabu yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo cimaadhaan ni hojjanna!!!!
5.Qabsoo hadhaawaa ummataa fi hooggansa Dh.D.U.Otiin taasifameen gaaffiiwwan siyaasaa abbaa biyyummaa ummanni Oromoo barootaaf kaasaa ture deebii argachuun harra carraa biyya bulchuu argannee injifannoo siyaasaa gonfannee jirra.
Injifannoon gama siyaasaan arganne qofti garuu milkaawina isa dhumaa tahuu hin danda’u. kanaaf injifannoo gama siyaasaan gonfanne diinagdeeniis dabaluuf nu hirmaattoonni koonfaransii 8ffaa kallattii toora dhaabni keenya kaa’urra fullaanee faayidaa diinagdee ummata keenyaa mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjachuuf irra deebinee waadaa galla!!!!
6. Dhaabni keenya Dh.D.U.O kallacha qabsoo ummata Oromoo tahee akkuma injifannoowwan boonsaa galmeessisaa ture yeroo dimokiraasummaan keessoo isaa laafetti hooggansaafii miseensi isaa fedhii dhuunfaa ofii dursuun ummatatti duugda gara galuun ummannis duugda nurraa gara galuutti deemuun isaa yaadannoo yeroo dhiyooti.
Dimokiraasummaan keessoo dhaabaa laafuun, hojimaata dhaabaa harcaasuuniifii hojiin ijaarsaafii siyaasa keenyaa laafuun hooggansummaan sadarkaa sadarkaadhaan kenninu akka mogolee dhabuufi tuffatamu tahuu isaa miira keenyarraa nutti dhagahamee jira.
Hojimaata dhaabaa jabeessuun dimokiraasummaa keessoo dhaabaa bakka dhaloota isaatti deebisnee gaggeessaa keenya hojii ijaarsaafii siyaasaatiin cimsuun ga’uumsaafii kaka’uumsa gonfatee ummata keenya kiisuuf yoomiyyuu olitti cimnee qabsoofnee xiiqiidhaan wal qabannee tokkummaa ilaalchaafii gochaan fayyadamummaa ummataa keenyaa gama hundaan mirkaneessuu qabna.
Kanaaf nuti hirmaattoonni koonfaransichaa hojimaata keessoo dhaabaa keenya cimsuun Qabsoo ummanni keenya sadarkaa sadarkaan gaggeessaa jiru gahuumsaan hoogganuun rakkoo jiranillee hiikuuf itti gaafatamummaa olaanaa qabna, Qabsoo yeroon gaafatu dura bu’uun kaayyoo dhaabaaf wareegamuun hojii irratti bobbaane hundarratti adda duree taanee gaaffii ummata keenyaa hatattamaan deebisaa dhaaba keenya daran cimsuun Itoophiyaa haaraa ijaaruu keessatti adda duree taheefii jijjiirama keessatti of haaroomsaa deemuun fakkeenya ta’uun ga’ee keenya bahachuuf kutannoodhaan ni hoojjanna!!!
7.Hojii hoojjannu kamuu keessatti ummataaf dursa kennuun fayyadamummaafii hirmaachisummaan maal eenyuuf eessatti akkamitti hojjechuu akka qabnu muuxannoo waggoota lamaanii as argannerraa waa baayyee barannee jirra.
Dhawaatuma ummatatti siiqnee ummata marihachiifnee hirmaachifne wal hubannaan,wal amantaan dhaabaaf ummata gidduu jiru cimaa akka jiru marii keenyarraa hubannee jirra.
Kanaaf Fayyadamummaafii hirmaachisummaa qajeeltoo hojii keenyaa taasifannee bu’aa ummanni nurraa eegu saffina barbaachisuun galmeessisuuf xiiqiidhaan ni hojjanna!!.
8.Sochii siyaasa diinagdeefii hawaasummaa taasifamu kamuu keessatti olaantummaan seeraafii nageenyi iddoo olaanaa qabaata, bakka nageenyi jirutti misooma,dimokiraasiifii tasgabbiitu jiraata, bakka nageenyi hin jirretti waa hunduu hin jiraatu,nageenyi furtuu waa hundaa tahuu dudhaan ummata Oromoos kanuma dhugoomsa. Kun akkuma jirutti ta’ee qaamooleen tokko tokko ummanni keenya karaa dimokiraatawa ta’een waan hunda keessatti hirmaachuufii gahee isaa bahuuf haala mijjaawaa uumame karaa miidhuun fedhii dhuunfaa isaanii karaa seeraan alaafii humnaan raawwachiifachuuf sosochiin taasisan akka jiru beeknee jirra.
Nu hirmaattoonni koonfaransii 8ffaa Jjjiiramoonni harra qabsoo hadhaawaa hamma wareegama lubbuu gaafatuun argame kun akka gufatan qaamoonni guddinni, jijjiiramni, wal dhaggeeffachuun keenya hin liqimsamneef harraas aggaammiin nageenya keenya booreessuufii al seerummaa baballisuuf taasisan akka hin dhaabbanne waan hubanneef,
Imalli keenya akka hin gufanne toora dhaaba keenyaafi ummata keenya qabannee nageenya keenyaaf wabii dhaabbannee ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjanna!
9. Waamicha Dhaabbiilee siyaasaaf taasifame ilaalchisee, Baroota hedduuf qabsoon ummata Oromoo guggufataa ture toora qabsoo Dh.D.U.O’tiin hogganamuun injifannoo bal’aan kan galamaa’e ta’ullee, Ummanni Oromoo bakka dhaabni keenya jijjiirama fidetti dhaaba keenya cinaa hiriiraa, yeroo waan garaa isa hanqatu ammoo gara filannoo biraatti deemuun ilaalchaafi yaad-qalbiin bakka lamatti qoodamaa turee jira.
Gaaffiin ummata Oromoo bakka sirrii ta’ee argametti garaagarummaan tooraa akka eegametti ta’ee, dhaabbilee siyaasaa maqaa Oromootiin socho’an gaaffiin isaan kaasan kamuu gaaffii dhimma Oromoo irratti tokko nu taasisu ta’ee yoo argame, garaagarummaa keenya eeguun humna waliif ta’uun gaaffii ummata Oromootiif tokkummaan qabsaa’uun ni danda’ama jechuun ejjennoo dhaabni keenya fudhate dinqisiifannoo ol’aanaan ilaalla.
Aadaafii duudhaan ummata keenyaa nu warra siyaasa jibbaan wal gufachiisaa walirra tarkaanfatu otoo hin tahin, warra wal dhaggeeffatee, wal hubatee,wal marihatee, walii galu tahuu keenya kan nu barsiise waan taaneef Nutis hirmaattoonni koonfaransii 8ffaa dhaabbatummaa ejjennoo dhaabni keenya qabate onneerraa fudhannee milkaawina isaaf kutannoofii xiiqii cimaan ni hojjenna!!!!
10.Ollaan walii kafana,tolaa qabbanti qa’ee ollaa waliin tolti,Nageenyi biyyoota ollaa waliin qabnu hiree jijjiirama eegalame itti fufsiisuufii fufsiisuu dhabuuf ga’ee guddaa qaba kanaaf yaaddoo nageenyaa tokko malee imalli jijjiiramaa keenya akka dhugoomuuf rakkoo daangaa Ethio-Ertiriyaa waggaa 16 ol ture karaa nagaatiin hiikuuf waliigaltee bara 1993 “Aljers irratti mallatteessinee fudhannee turre hojiirra oolchuuf ejjannoo cimaa koreen hojii raawwachiisaan Adda Demookratawa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa(KHRADWUI) fudhate murtee seena qabeessaafii ummattoota obbolaa biyyoota lamaanii kan walitti fiduufi guddina biyya keenyaa yaaddoo nageenyaa malee akka itti fufsiifnu kan gargaaru waan taheef hojiirra oolmaa isaa kutannoon ni deeggarra!!!!!
11. Tarkaanfiin sirreeffama Dinagdee dhiyoo kana Koree Hojii Raawwacistuu A.D.W.U.Itiin fudhatame kan yeroo murteessaa ta’etti dhufe jenneeti amanna.
Murteen kun Qajeeltoo Mootummaa Misoomawaa keenya irratti hundaa’uun mootummaan gahee murteessaa isaa qabatee rakkoo dinagdee keenya mudate furuun, dinagdeen keenya morkataa akka ta’u gochuun guddina saffisaa itti fufsiisuun ce’uumsa caaseffamaa dinagdee karaa saffisiisuu danda’uun tarkaanfii fudhatame akka ta’e marii taasifneen hubannee jirra.
Murtichi carraa lammiin hirmaannaa misoomaaf qabu kan ballisuufii imala haaroomsaa keenya kan saffisiisu waan taheef Nu hirmaattoonni koonfaransii 8ffaa dhaabbatummaa Dh.D.U.O murteen darbe wayitaawaafii barbaachisaa waan taheef onnee guutuudhaan ni deeggarra!
Injifannoon Ummata bal’aa Oromootiif!
Kabajaafii Ulfinni Bara Baraa Jaalleewwan Qabsoo Kanaaf wareegamaniitiif!
Waxabajjii 05 Bara 2010
Adaamaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa