Shira mufattootaa fashaleessuuf haatumsinu!


Shira mufattootaa fashaleessuuf haatumsinu!
Mufattoonni waan gochaaa jiran argaa jirra,dhaga’aa jira.Kanaan dura dhoksaadhaan waan barbaadan hunda gochaa turan amma ifatti ba’aniiru,kun waan gaariidha.Sochiin jijjiirama hawwataa mul’achaa jiru gufachiisuuf gargaaru sadarkaa guutuu biyyaatiin akka finiinuuf qaanii tokko malee ibsa baasuudhaan. waamicha dabarsaniiru.
Miseensa Adda Demookraatawa Warraaqsa Ummata Itiyoophiyaa(ADWUI) kan ta’e Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay(ABBUT) ibsi dheengadda baase mufattoonni dhaabbaticha keessatti argaman mari’achuudhaan jijjiirama hooggansa haaromsaatiin mul’achaa jiru karaatti hanbisuuf jecha kan baasan akka ta’e hubatamuu qaba.
Shira mufattootaa kana dura dhaabbachuudhaan jijjiirama biyya keenyatti mul’achaa jiru mamii tokko malee itti fufsiisuuf qophaa’ummaa keenya mul’isuuf kutannoodhaan dhaabbachuun yeroonsaa ammadha.
Miseensoonni hooggansaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay(ABBUT) jijjiirama hooggansa Dh.D.U.Ofi dhaabbilee obbolaa kanneen birootiin dhufaa jiru gufachiisuuf kutannoodhaan socho’aa akka jiran ibsa qaanii tokko malee baasaniin qabatamaan mul’isaniiru.Iddoo gara garaatti jeeqamsi babal’atee lubbuun namaa akka darbuufi qabeenyi akka barbadaa’uuf sochiin taasifamaa jiru karoora mufattootaatiin hojiirra oolaa akka jiru beekamuu qaba.
Carraaqqiin kun hundi jijjiirama hooggansa Dr.Abiy Ahmadiin akka biyyaatti dhufeefi dhufaa jiru gufachiisuuf akka taasifamaa jiru shakkamuu hin qabu.waan ifatti namatti himame akkamiin shakkuun danda’amaa?Hooggansi ol’aanaan Adda Bilisa Baasaa Ummta Tigraay hooggansa Oromoo akka hin barbaadne ifatti himaniiru.Yoo danda’an gorsaafi doorsisaan yoo dadhaban ammoo qabsoo hidhannoottis seenuu akka danda’an hoogganaan durii dhaabbatichaa Ambaasaaddar Siyyum Masfin dhiyeenya ifatti himaniiru
Gaaffiiwwan gara garaa ibsa dhaabbatichaatin tibbana hooggansa haarawaaf dhiyaatanis kana godhaa! yoo kana gochuu baattan qoricha isiniif qonna jechuu akka ta’e ibsichaan ifatti himameera.”Hooggantoota keenya duriitiif beekkamtii kennaa” yoo kana gochuu baattan gatii isiniif malu argattu jechuun adda babayii irratti dubbatan.
Waan nu wajjin irratti walii hin galle maalif miidiyaadhaan ummatatti himtan? Jechuudhaanis qaanii tokko malee gaafatan.Kana jechuun hojmaata kanaan duraatiin wanta isaan ajajaniifi irratti walii galaniin ala wanti tokkollee gurra ummata bal’aa bira akka hin geenyeef iccitii cimaadhaan hojjetamaa ture jechuudha.Gochi hannaa hojmaata seera qabeessatti da’eeffachuudhaan raawwatamaa ture qindeessummaa hooggantoota dhaaba kanaatiin raawwatamaa akka ture kunoo amma ifatti ba’ee beekamaa jira.Hundumaafuu waan gochaa turanitti humna guutuudhaan lammata akka hin deebineef mufattoota shira xaxaa jiran tooftaa isaan itti fayyadamaa jiran baruudhaan dura dhaabbachuun qolachuun yeroonsaa ammadha!

Tooftaa jaarsoliin taayitaafi hannatti deebi’uuf fayyadaman
Jaarsoliin bara lakkoofsisaniifi dhaabbata kana keessa yeroo dheeraadhaaf turan tarkaanfiiwwan jijjiiramaa muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad fudhataniin akka malee gaddaniiru.Gaddi isaan mudate ammoo haaloo ba’uudhaaf isaan kakaaseera.
Tooftaa haaloo ittiin ba’aniis mijeeffachuudhaan socho’aa akka jiran qalbeeffachuun shiira isaanii qolachuuf nama gargaara waan ta’eef tooftaawwan kana beekuun barbaachisaadha.Tooftaan jalqabaa biyyattii keessatti jeeqamsi akka babal’atu taasisuudhaan lubbuu namaafi qabeenya irra miidhaan akka ga’u taasisuudha.Tooftaa kana hojiirra kan oolchan sabaafi sab-lammoota dhimma sabaafi amantaatiin walitti buusuudhaani.Kana gochuuf ammoo mahaallaqni hojmaata seera qabeessatti fayyadamuudhaan biyyaafi ummata irraa hataa turan sirritti isaan gargaaraa jira.
Mahaallaqa walitti qaban kashlabboota gurmeessaniif kaffaluudhaan jeeqamsi akka babal’atuuf kutannoodhaan duuba taa’anii hojjechaa jiru.Adeemsa kanaan akkuma qabatamaan mul’achaa jiru lubbuu namaa marartuutu bada,qabeenyatu barbdaa’a.Kan ta’aa jirus kanuma.Bu’aan tooftaa kanaan argatan Nagaa biyyattii boressuudhaan hawaasni yaaddoo keessa akka galu taasisuudha.Hawaasni Nagaadhaan ba’ee Nagadhaan galuu hin dandeenye ammoo misooma fiduu hin danda’u.Biyyi misooma itti fufsiisuu hin dandeenye Nagaa amansiisaa qabaachuu hin dandeessu.
Kaayyoon tooftaa jeeqamsa babal’isuufi misoomni akka itti hin fufne taasisuu hooggansi haaromsaa keessumattuu muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad biyya hoogganuu hin dandeenye,kunoo yeroosaatti nagaan biyyaa boora’eera,Ummanni Nagaadhaan ba’ee galuu hin dandeenye,misoomni dhabbateera,kanaaf hooggansi ammaa kun taayitaa irraa bu’ee hooggansi isaan barbaadaniifi hanna isaanii callisee ilaalu gara taayitaatti akka dhufu taasisuudha.Amma kaayyoo guddicha kana galmaan ga’achuuf kutannoodhaan hojjetamaa akka jiru waanuma isaan raawwachaafi raawwachiisaa jirantu ragaadhaa.
Tooftaan jaarsoliin dhaabbatichaa itti fayyadamaa jiran kan biraa qaalawiinsi gatii omishawwan gargaraa akka uumamu taasisuudha.Tooftaan kun yeroo dheeraadhaaf tajaajileera.Wayita ammaas tooftaa kanaan sirritti fayyadamaa jiru.Omishi hawaasni jireenya isaatiif barbaadu gabaa irraa akka dhabamu,yoo argames gatiinsaa humna bitachuu hawaasaatiin ol akka ta’u gochuudhaan hawaasni akka mufatu,bubbulees hooggansa haarawaa akka balaaleeffatu taasisaa jiru.Shira isaan gama kanaan xaxaa jiran garuu hawaasni irratti beekuudhaan obsaa jira.Guyyaa obsi hawaasaa xumuramu garuu kaayyoon warra shira xaxanii milkaa’uu akka danda’u shakkuun barbaachisaadha.
Kanaaf tooftaa isaan itti fayyadamaa jiran kanaafi kanneen biroos beekuudhaan qolachuuf dura dhaabbachuu qabna.Mirga abbaa biyyummaa nuharka gale tursiifachuuf nutis gamnummaafi abshaalummaadhaan qabsaa’uu qabna.Hunda dura taayitaa nuharka galetti fayyadamuudhaan ol’aantummaa seeraa kabajisiisuun dirqama jalqabaa ta’uu qaba.Ol’aantummaa seeraa kabajisiisuudhaan kanneen dogongoraniifi sababa faayidaa adda addaatiin warra shiraatiif ergaman  gorsaan deebisuun yoo didan ammoo too’annoo seeraa jala oolchuun barbaachisaadha.Kanneen muraasa irratti tarkaanfiin yoo fudhatame kuun adabatee taa’uunsaa hin oolu.
Jeeqamsa isaan kaayyoo isaanii galmaan ga’achuuf iddoo adda addaatti kaasanitti hawaasni akka hin hirmaanneef gorsuun,kan hubannoo hin qabne barsiisuun,dhugaa qabatamaan jiru itti mul’isuun warri shiraa qullaatti akka hafan taasisuun ni danda’ama.Waan isaan raawwataniifi raawwachiisaa jiran hordofnee yoo inyyine garuu kaayyoo isaaniitu galma ga’aaf.
Qabsoon abshaalummaadhaan taasifnu kun sochii misoomaa hawaasni taasisuun kan deeggarame akka ta’uuf hojiin misoomaafi sochiin hawaasni guyyuutti taasisuu utuu addaan hin citin itti fufuu qaba.Hundumtuu iddoo jirutti yoo kana goone tarkaanfii hooggansi keenya abshaalummaafi gamnummaadhaan gubbaa irraa fudhatu wajjin walitti ida’amee mirgi abbaa biyyummaa goonfanne kabajamee tura.
Hojii kana yoo hojjennuu qofaa keenya fiiguu utuu hin taane sabaafi sablammoota kamiyyuu ofitti qabuudhaaniifi hirmaachisuudhaan ta’uu qaba.Hirmaannaan sabaafi sablammootaa murteessaadha.Hojiin hunda hirmaachisuudhaan hojjennu hunda gammachiisa waan ta’eef warra shira xaxuudhaan socho’aa jiran irra aanuuf qabsoon keenya kamiyyuu gamnummaadhaan kan deeggarame haa ta’u!Horaa bulaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa