Ibsa koree jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay irraa kenname


Ibsa koree jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay irraa kenname
1.seensa
Koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay waxabajjii 3 hanga 5tti walga’ii hatattamaa adeemsisaa ture xumureera.ABBUT/ADWUI’n qabsoo hidhannoo waggaa 17s ta’e boqonnaa qabsoo misooma nagaafi demookraasii jaarraa nuusa lakkoofsiseen dhaabbilee obbolaa wajjin ta’uun qabsoo taasifneen injifannoowwan hedduu goonfachaa sadarkaa har’aa irraa ga’uu dandeenyee jirra.Maddi milkaa’ina Imala keenya obsaafi ijifannoo waggoota 43 toora qulqulluu warraaqaa qabachuun deemuu keenyadha.Abbaa dhaaba toora kana kutannoon qabatee qabsaa’uun qabseessisuu waan taaneefisi.Waggoota 27 darban walii galatti waggoota 17 ammoo haaromsa waliigalaatiin jijjiiramoota bu’uraa galmeessisuu dandeenyee jirra.Biyyi teenya Itiyoophiyaan imala gadi deemuufi bibittinnaa’uu heddu yaaddessaa ta’e keessaa baatee gara boqonna haarawaatti akka ceetuufi maqaafi kabajinishee akka waamamuuf ADWUI qabsoo obsa fixachiisaa adeemsiseera.
Qabsoo taasifameen sirni carraa wal qixa misoomuu ummttoota biyya keenyaa mirkaneessu ijaaramee bu’aan ummattoota gama diinagdeefi hawaasumaatiin fayyadamaa taasisuu danda’e mirkaneessuun danda’ameera.Dhugumattuu toorri warraaqsa demookraasii keenya biyya keenya badiirraa kan baraare,walqixxummaa sabaafi sablammootaa kan mirkaneesse Itiyoophiyaan demookratawaan haarawaan akka uumamtu kan taasiseefi gara fuulduraattis haaromsa biyya keenyaa mirkaneessuuf daandii filmaata hin qabne akka ta’e haqa qabsoon hanga ammaatti taasifne mirkaneessedha.
Toorri keenya misoomawaa demookratawaan haala ajaa’ibsiisaa uumeefi haaromsa biyya keenyaa mirkaneessuuf dandeessisu kun waggoota dhiyoodhaa asitti haalli balaa keessa ittiin bu’u uumameera.Haalli kun akka uumamuuf waan kamiyyuu olitti hooggansi ADWUI amallii warraaqaa demookraatawwaan qabu jijjiiramaa maxxantummaa keessa waan seeneef akka ta’e dhaabbanni keenya ADWUI’n dhimma sirritti balballoomsedha.Haa ta’uutii qormaata kana bira darbuuf jecha  sochiin haaromsaa  dhaabbanni keenya eegale ammas ta’u sadarkaa barbaadamuun milkaa’uu hin dandeenye.
Kana ka’uumsa taasifachuun koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay murteewwan koreen hojii raawwachiisaan ADWUI murteesseefi haala qabatamaa naannoo keenyaafi biyya keenyaa,akkasumas kallattiiwwan qabsoo gara fuulduraa irratti bal’inaan mari’achuun murteewwan dabarseera.

2.Murteewwan
A.Koreen jiddu galeessaa adda bilisa baasaa ummata Tigraay,koreen hojii raawwachiisaan ADWUI Caamsaa 28 bara 2010 wal ga’ii ariifachiisaa adeemsiseen wal dhabdeen Itiyoo Eertiraa karaa nagaatiin fala akka argatuufi dhaabbilee misoomaa mootummaa ilaalchisuun koree hojii raawwachiisaa adda bilisa baasaa ummata Tigraayiin gabaasa dhiyaateef bal’inaan qorachuun murteewwan itti aanan kana dabarseera.
1.Waan kamiyyuu dursee dhimmi koreen hojii raawwachiisaan ADWUI ilaaluun irra ture manni marii ADWUI Bitootessa bara 2010 murtee dabarseefi qorannaa taasise bu’ura taasisuun  hanqinni hooggansa dhaaba keenya keessatti ifatti mul’ateefi miidhaa geessise akkasumas haaromsi gadi fagoon sadarkaa irra ga’e qorachuun rakkoo ijoo biyya keenyaa irratti xiyyeeffatee ilaaluu dadhabuun hanqina bu’uraa tokkodha.
2.Dhimmi bu’uraa biraa koreen hojii raawwachiisaan ADWUI ilaaluun irra ture rakkoo diinagdee amma nu mudateef fala waaraa barbaaduuf itti xiyyeeffatee mari’achuu utuu qabuu bu’aawwan rakkoodhaan mul’ataniifi furmaatasaatiif dursa kennuunsaa hanqina biraa akka ta’eefi falli waaraa faayidaawwan misoomaa toorri misoomawaa demookratawaa keenya ifatti kaa’e jechuunis ummata keenya,mootummaafi abbootii qabeenyaa dhuunfaa gurmeessuun tumsa taasisuu danda’uurratti xiyyeeffannoo kennuun mari’achuu hin dandeenye.
3.Hanqinoonni kaafne kun  akkuma jiranitti ta’anii koreen hojii raawwachiisaan dhimma Itiyoophiyaafi Eertiraa ilaalchisuun murteen dabrse waraanni Itiyoo-Eertiraa erga xumuramee booda mootummaan ADWUI’tiin hoogganamu nagaa naannoo gaanfa Afrikaa waliigalatti keessumattuu ummattoota obbolaa biyyaalee lamaaniitiif jecha waliigalticha haal-duree malee fudhachuudhaan ummataafi miseensota keenya mariisisuudhaaniifi amansiisuun akkasumas hawaasa idila addunyaa of maddii hiriirsuun hojiira oolmasaatiif carraaqqiin walirraa hin cinnee taasifamaa tureera.Haa ta’uutii sababoota adda addaatiin waggoota 18 darbaniif nagaa waaraa mirkaneessuun hin danda’amne.Kanaaf murteen koreen hojii raawwachiisaan ADWUI dabarse imaammata nagaa qabnu wajjin kan wal sime akka ta’e mirkaneessuudhaan murteen nagaa waaraa argamsiisu darbuunsaa sirriifi wayitaawaa akka ta’e koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay murteesseera.
Raawwiisaa ilaalchisee garuu dhimmoota daangaa biyyi teenya biyyaalee ollaa biroo wajjin qabdu dabalatee hiika ol’aanaa kan qabu waan ta’eef of eeggannaa cimaadhaan ilaalamuu akka qabu mari’ateera.Kana waliin ummanniifi milishaan naannoo daangaa Itiyoo Eertiraa jiraatan waggoota 20’n darbaniif iddoo jireenyaafi hojii irraa buqqa’uun birmadummaa biyya keenyaafi heera mootummaa kabajisiisuuf raayyaa ittisaa maddii hiriiruun wareegama baasaniif koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay  kabajaafi dinqisiifannaa qabu ibsuun dhaabbanni keenya ADWUI’n mootummaa Federaalaa waliin ta’uun deeggarsa gahaa argachuu akka qaban murteesseera.
4.Koreen hojii raawwachiisaan ADWUI rakkoolee diinagdee amma nu mudatanitti furmaata argamsiisuun akka danda’amuuf dhaabbilee misoomaa mootummaa keessaa Teelee,maddawwan elektirikaa,loojistiiksiifi daandii xiyaara Itiyoophiyaa ga’ee ol’aanaa qabachuun abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuuf akkasumas dhaabbilee misoomaa hafan walakkeessaan ykn.guutummaatti gara qabiyyee dhuunfaatti jijjiiruuf murteen dabarse sagantaafi imaammata keenya wajjin kan walitti hin buune,yaa’iiwwan keenya darban irrattis murteeffamaa kan dhufeefi wayitaawaa akka ta’’e mirkaneessuun fudhateera.Haa ta’uutii raawwii isaarratti of eeggannoo cimaan akka taasifamuufi toora misoomawaa demookraatawaas ta’e faayidaa ummataa haala hin miineen raawwatamuu akka qabu hubachiiseera.
5.Dhimmi nagaa waaraa Itiyoo- Eertiraas ta’e murteewwan dhaabbilee misoomaa mootummaa wajjin wal qabatee murteeffame mana maree ADWUI’tiif utuu hin dhiyaatin dhaabbileen deeggartoonni utuu itti hirmaatiniifi qaamoleen dhimmi ilaallatuun utuu irratti hin mari’atin akka murtee xumuraatti fudhatamee ummataaf ibsamuun hanqin tokko akka ta’e koreen jiddu galeessaa qorateera.
6.Saboonni,sab-lammoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaa daangaadhaa hanga daangaatti jaalala biyyaa ol’aanaadhaan kan itti hirmaataniifi dhimmi wareegama itti kaffalan bal’inaan utuu irratti hin mari’atiniifi wal amantaan utuu hin uumamin miidiyaadhaaf ibsa kennuun ummata keenya irratti komii dheekkamsaafi burjaaja’uumsa kan uume waan ta’eef hanqina tokkodha.
B.Koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay dhimmoota bal’inaan irratti mari’ate keessaa tokko haala naannoofi biyyaa amma irra jirru akkasumas kallattii qabsoo gara fuulduraa irratti kan xiyyeeffatedha.Sadarkaa ADWUI’ttis ta’e adda bilisa baasaa ummata Tigraayitti waggoota darbanii asitti toora misoomawaafi heera mootummaa irratti gufuu uumame qorachaa tureera.Haa ta’uutii bal’inaafi hiikkoon rakkoolee mudatanii sadarkaa ADWUI’tiin bal’inaan qoratamuu akka qabu waliigaluudhaan murteewwan kanatti aananii jiran dabarseera.
1.Manni maree ADWUI murteewwan Bitootessa 2010 dabarseen dhaabbata keenya balaa irraa hanbisuun akka danda’amuuf rakkooleen adda baafneefi furmaatasaanii naamusa cimaafi itti gaafatamummaadhaan akka hojiirra oolchaniif kallattii ifa ta’e kaa’eera.Gama kanaan sadarkaa sochiin haaromsaa irra ga’e ADWUI’tiin akka qoratamuuf koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay ni gaafata.
2.Boqonnaan qabsoo fuulduraa humnoota demookraatawaafi maxxantoota jidduutti taasifamu ol’aantummaadhaan sochii misoomaafi demookraasii akkasumas  qabsoo qaamoleen hawaasaa misooma keenya irraa fayyadaman taasisaniin milkaa’a.Kana gochuun akka danda’amuuf ummanni keenya hundiifi miseensi keenya amala waltajjii irratti argamnuu ka’uumsa taasisuun koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay qabsoo kallattii hundaan sadarkaa guutuu biyyaatiin taasifamu irratti kutannoodhaan akka tumsuuf murteesseera.
3.Wayita ammaa ramaddiiwwan hooggansaa sadarkaa ADWUI’tiin taasifamaa jiran seera ittiin bulmaata dhaabaafi hojmaata dhaabaa kan hin hordofne waan ta’aniif akka sirraa’aniif koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay ni gaafata.
4.Hooggantoota dhaabbata keenyaa duriitiif beekkamtiin akka kennamuuf koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay murteesseera.

5.Gaaffiiwwan daangaafi eenyummaa heera mootummaatin deebii gahaa argatan sirna Federaalawaa mormuudhaaniifi haala kabaja ummata keenyaa tuquun humnaafi dhiibaadhaan ummata Tigraay jeequuf sochiiwwan farra demookraasii taasifamaa jiran addi bilisa baasaa ummata Tigraay ummata waliin ta’uun kutannoodhaan irratti qabsaa’uuf murteesseera.
6.Ummanni Tigraayiifi dhaabbannisaa isa hoogganu addi bilisa baasaa Ummata Tigraay akkuma kanaan duraa irkoo amansiisaa toora warraaqaasa demokraasii ta’uudhaan toora keenya irratti tumsi cimaan akka taasifamuuf koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay murteesseera.
7.Baatiiwwan muraasa darban ummata keenya waliin ta’uun waltajjiiwwan adeemsifne irratti rakkooleen hedduun akka jiran hubanneerra.Dhaabbanni keenya ka’uumsi rakkoolee kanaa akkasumas kallattiiwwan furmaataa ifaan kaa’uun qabatamaan jijjiirama argamsiisuuf halkanii guyyaa tumsuuf murteesseera
8.Ummanni keenya dhaabbannisaa akka haaromuuf hirmaannaafi qabsoon waltajjiiwwan adda addaa irratti taasiseefi amalli demookratawaasaa eegamee akka itti fufuuf shoora gumaacheef koreen jiddu galeessaa dinqisiifannaasaa ibsuun gara fuulduraattis qabsoon gurmaa’inaan akka itti fufuuf waamicha dhiyeessa.Carraa kanaan humnoota karaa nagaafi heera mootummaatiin yaada filmaataa qaban wajjin hojjechuuf qophaa’ummaa qabu ibsa.haa ta’uutii humnoota keessaafi alaa adda bilisa baasaa ummata Tigraayiifi ummata Tigraay dadhabsiisuufi haleeluuf karaa adda addaatiin socho’an irratti akka qabsaa’uuf koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay waamicha dhiyeessa.
9.Haala wayitaawaa saffisaan ilaaluufi qorachuuf koreen hojii raawwachiisaan ADWUIfi manni marii wal ga’ii hatattamaa akka waamuuf koreen jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay ni gaafata.
Heera mootummaafi sirna heera mootummaa keenya cimsuuf haatumsinu.
Kabajni bara baraa wareegamtoota qabsootiif
Koree jiddu galeessa adda bilisa baasaa ummata Tigraay
Waxabajjii 6 bara 2010.Maqalee


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa