Dr.Abiy guyyaa 87’tti Samaraa jiru “Ajaa’ibsiisaadha”
Muummichi
ministiraa Dr.Abiy Ahmad erga muudamanii har’a guyyaa 87ffaa
lakkoofsisaniiru.Hayyuun keenya kun taayitaa biyya bulchuu erga qabatanii
asitti boqonnaa tokko malee hojjechaa akka jiran argaa jirra.Carraaqqiin isaanii
kun akka waan ajaa’ibsiisaatti ilaalamaa akka jiru yaada namoonni kennan irraa
hubachuun nama hin dhibu.
Borumtii taayitaa
qabatanitti gara naannolee adda addaa deemuudhaan dhimmoota adda addaa irratti
bakka bu’oota qaamolee hawaasaa gara garaa wajjin mari’atan.Kanaanis
fudhaatamummaa ummata biratti qaban daran dabalan
Itti aansee gara
biyyaalee ollaa imaluudhaan dhimmoota waliin wajjinii irratti mari’achuun
lammiiwwan biyya keenyaa sababa yakkoota adda addaatiin biyyaalee ollaatti
hidhaman gadi lakkisiisan.Kanaanis jaalatamummaan ummata bal’aa biratti qaban
akka dabaluuf balballi bal’aan baname.
Biyyaalee bahaa
jiddu galeessaa keessaa gara Sa’udii Arabiyaafi Immireetoota Araba gamtoomanii
dhaqanii daawwachuudhaan bu’aan biyyaaf argamsiisan maalfa’i akka ta’e hundatu
beeka.
Jidduutti shira
goomattoonni isaanii xaxaniin jeeqamsa naannoo kibbaatti mudate tasgabbeessuuf
gara magaalaa Hawaasaa,Walaayittaafi Wal-qiixxee dhaquudhaan bakka bu’oota
hawaasaa wajjin mari’atan.Mareen muummchi ministiraa taasisan boodas itti
gaafatamtoonni hojii naannichaa fedhiisaaniitiin taayitaa gadi lakkisan.
Waxabajjii 16 bara
2010 ammoo hiriira Ummataa bu’aa isaan galmeessisan deeggaruun Magaalaa
Finfinneetti adeemsifame irratti argamuudhaan haasawa seena qabeessa erga
taasisanii booda kanneen jijjiirama biyyattiitti mul’achaa jiru mormaniin
yaaliin ajjeechaa irratti taasifamee miliqan.Sana boodas waan baay’ee
hojjetaniiru.Har’a ammoo Affaar Samaraatti bakka bu’oota Ummataa wajjin mari’achaa
jiru.Ajaa’ibadha!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ