Tarkaanfii Mootummaan Federaalaa fudhachaa jirurratti Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Sadaas 4 Bara 2011
Tarkaanfii Mootummaan Federaalaa fudhachaa jirurratti Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsu.
Namoota yakka suukanneessaa dhala namaatiifi biyyarratti raawwachuun shakkaman too’annaa jala oolchuun Ol'aantummaan seeraa akka kabajamu tarkaanfii Mootummaan Federaalaa Fudhachaa jiru Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinqisiifannaa ol’aanaan kan ilaaluufi tumsa irraa eeggamu taasisuuf qophaawoo tahuu isaa beeksisa.
Biyya seeraafii heeraan bultu keessatti yakka dhala namaarratti raawwachuu mitii yaaduunuu hin malle raawwachaa, qabeenya ummataa faayiddaa dhunfaaf oolchuun gochaa biyya ganuurraa adda baafamee ilaalamuu miti.
Yakka Saamichaa fi kira-sassaabdummaa bifa qindaa’aan raawwatamaa tureen diinagdeen biyyatti akka laamsha’uufi qabeenyi biyyaa harka murna xiqqaa qofatti akka galu gochuun ummanni bal’aan rakkoo fi gadadoo keessatti akka kufu ta’e jedhamee hojjetamaa akka ture kan namatti mullisuudha.
Haa ta’u malee tarkaanfiin amma fudhatamaa jiru qaamni kamtuu seera jalaa miliquu akka hin dandeenye, heera biyyatti ol akka hin taaneefi olaantummaan heera mootummaas akka mirkanaa’uuf buu’ura cimaa kan kaa’uudha.
mirgi namoomaa haala suukkaneessan dhiitamaa ture, qulqullaa’ee qaamota gocha suukkanneessa kana hojjetanirratti olaantummaan seeraa akka hojiirra ooluuf tarkaanfi mootummaa Federalaan fudhatamaa jiru biyya mirgi lammiilee itti kabajamee, hanni safuu itti tahu, akkanumaas qaamni qabeenya ummataa itti hatu dahoo itti dhabu ijaaruu keessatti ga’ee ol’aanaa kan gumaachuudha.
Kanaaf tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabajchiisuuf fudhatamaa jiru kun Mootummaa Naannoo Oromiyaa biratti kan dinqisiifatamuufi hojiirra oolmaa isaaf kutannoon akka hoojjetu kan onnachiisuudha.
Tarkaanfichi biyya kana keessatti gocha seeraan alaa kamuu raawwachaa jiraachuun akka hin danda’amne baruumsa kan laatuusiidha.
Hattuun yoomuu ijaaf gurra ummataa jalaa waan hin miliqneef Ummanni Naannoo Keenyaas gochaa seeraa alummaa kamirrattuu tumsa godhu cimsee itti fufuu akka qabu Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa kanaan waamicha dabarsuu barbaada. 

BDhKMNO
Sadaasa 4, 2011
Finfinnee

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman