Dhimma Hidha Abbayyaa irratti Deeggarsi argamaa jira #GRD
Finfinnee Caamsaa 13/2012(TW) Ajandaan guddichi Itiyoophiyaan amma irra jirtu hidha haaromsaa irratti kan xiyyeeffatedha.Abbayyaan dhimma ijoo Itiyoophiyaa ta'eera.Waa'ee walfalmii Gibtsiifi Itiyoophiyaa jidduu jiruu irratti sagaleen hawaasa idila Addunyaatis dhaga'amuu eegaleera.
Haalli kun mudatuun dhugaa Itiyoophiyaan qabattee ittiin deemaa jirtuun injifannoo barbaadamu galmeessisuuf shoora ol'aanaa gumaacha.
Gamtaan Awurooppaa ejjennoo Itiyoophiyaa akka deeggaru xalayaa tibbana muummicha ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmadiif barreesseen mirkaneesseera.
Qondaalli Ameerikaa miseensa mana marii biyyattii ta'an Jeesii Jaaksanis dhimmi hidha haaromsaa mariidhaan fala argachuu qaba jechuun ejjennoosaanii ibsaniiru.Barreessaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareezis ibsa tibbana kennaniin dhimmichi akkaataa kallattii bara 2015 ALA'tti akka xummuramuuf dhaamaniiru.
Hawaasni idila addunyaa kanneen birootis tarii of eeggannoo dippiloomaasiitiif sagalee dhokafatanii callisan malee ejjennoo Itiyoophiyaa akka deeggaran shakkiin hin jiru.
Nuti akka biyyaatti dhugaa qabna.Oromi nu deeggareera jechuun hin sirbinu.Deeggarsi hawaasni Idila addunyaa roorrisa Egypt qabbaneessuufi ejjennooshii akka sirreeffattuuf shoora gumaachuu danda'a.Hundumaafuu kan dhugaa qabu dhugaa qaburra dhaabbachuudhaan falma.Abbayya keenyaan ni boonna.Ijaarsa eegalles ni xumurra.Humna ibsaa Abbayya maddisiisuunis badhaadhina mirkaneessina! #Ethiopia #Oromiyaa
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ