Ofiin of balleessuu siyaasa keessaa
Finfinnee Caamsaa 07/2012(TW) Hayyoonni siyaasaa tokko tokko ofumaan of balleessaa akka jiran beektuu? Afaan Ingliiziitiin ofiin of balleessuun ykn balleessanii baduun suicide jedhama.
Namoonni ofumaan suicide ta'an akka jiran argaa jirra.Diina saba dararaa turetti firoomuun ykn sababa adda addaatiin michummaa uumuun rakkoo balleessanii baduuti.
Waan kana gadi qabnee yoo ilaallu warri TPLF rakkoo hin qaban jechuudhaan jara taayitaatti cichitu sanaaf falmuun meedaallii kamiiniyyuu yoo ta'e saba Oromoo birattis ta'e saboota kanneen biroo biratti fudhatamummaa namaaf argamsiisuu hin danda'u.
Amma ilmi obbo Garbaa Baqqalaan akkamitti Ummata Oromoo dura dhaabbata?
TPLF qonnaan bulaa Oromoo lafa isaarraa buqqiseera.Oromoon naannawa magaalaa jiraatu maqaa investimantiifi misooma manneen jireenyaatiin lafasaarraa buqqa'uudhaan jireenya gadadoofi suukaneessaa keessa akka jiraatu taasiseera.
TPLF Dargaggoonni Oromoo rasaasaan reebamanii akka du'aniifi Oromoon faayidaafi mirgasaa kabajisiisuuf yaadaafi gaaffii kaase ABO dha jedhamee akka haleelamu,mana hidhaatti akka darbatamu godheera.Eenyutu dhugaa kana haaluu danda'aa?
TPLF qabeenyi lafaa Oromoo akka saamamu kan godheefi goosise OPDO dha jechuun falma.Kun medaallii kamiiniyyuu fudhatama hin qabu.Badiin TPLF dachee Oromiyaafi iddoowwan kanneen biroottis raawwatame adda durummaadhaan ajajumasaatiin kan raawwatame ta'uunsaa beekamaadha.
Hundumaafuu obbo Baqqala Garbaafi namoonni maqaa Oromootiin yeroo ammaa kaana wayyaanee wajjin michummaa uuman hundumtuu suicide of godhaniiru.Ofiin of balleessuu siyaasa keessaa jechuun kanadha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ