Koronaa yoo of eegganne injifanna!of eeggachuu baannu ni duuna!
Finfinnee Caamsaa 04/2012(TW) Vaayirasiin koronaa addunyaa raasee rom’isiisaa jira.Biyyaalee addunyaa adda addaa keessatti namoonni kumaatama hedduun lakkaa’aman vaayirasii koronaatiin qabamuudhaan lubbuusaanii marartuu dhabaniiru.
Sababa weereera vaayirasii kanaatiin abbaan du’ee haatiifi ijoolleen qofaatti hafaniiru,Lubbuun haadhaas darbuudhaan abbaafi ijoolleen qofaatti hafuuf dirqamuudhaan haala jireenyaa suukaneessaa keessa jiru,nama gaddisiisa.
Vaayirasiin koronaa biyya keenya Itiyoophiyaattis yaaddessaa ta’aa jira.Hanga ammaatti Itiyoophiyaatti namoonni 250 vaayirasii koronaatiin qabamaniiru.Ministeerri fayyaa akka himetti kanneen keessaa namoonni 5 du’aniiru.Kan haala yaaddessaa keessatti argamus akka jiru odeeffannoon ministeerichi tibbana kenne mul’iseera.
Tamsa’inni vaayirasii koronaa haala mijaawaa isaaf tolu argannaan daran babal’atee itti fufuunsaa hin oolu.Taateen guyyuutti mul’atuufi gabaasi qaamolee dhimmi isaan ilaallatuun ba’aa jirus kanuma mul’isa.
Amma biyya keenya keessatti tamsa’ina vaayirasii koronaa wajjin wal qabatee wanti yaaddessaa ta’ee jiru qaamoleen hawaasaa gara garaa dhimmichaaf xiyyeffannoo kennuu dadhabuudhaan maalnadhibeedhaan kan socho’aa jiran ta’uusaaniiti.Dhaamsa ykn. ergaa mootummaafi ogeeyyotaan darbu fudhachuudhaan hojiirra oolchuu dadhabuun xumura irratti kanneenuma diddaadhaan socho’an miidha.
Mootummaafi ogeeyyonni fayyaa dirqamasaanii sirritti ba’aa jiru.Hanqinni kan jiru qaamolee hawaasaa gara garaa biradha.Hanqinni mul’achaa jiru kun hatattamaan sirraa’uu qaba.Namni of eeggannoo hin taasifane ofis balleessee kaanis balleessuunsaa waan hin oolledha.Namni tokko dhuunfaatti of eeggannaan nama biraatiifis of eeggannoo taasiseera.Kana hubachuun waan ulfaataa miti.Yoo of eegganne Koronaa injifanna!of eeggachuu baannu ni duuna!Dhugaan qabatamaan jiru kanuma! #COVID-19
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ