Akkuma Kaleessaa Har’as Qormaatota Injifinnoon Ceenee, Harka Keenya Galataaf ni Bal’ifna



Kabajamtoota Ummattoota Biyya Keenyaa Hundaaf
Maqaan Itoophiyaa jedhu maqaa kabajaa rakkoodhaaf harka osoo hin kennin, qormaataaf osoo hin jilbiiffannee fi gufuuwwan cehuudhaan injifannoo ittii gonfatanidha. Seenaa ishee keessatti biyyi keenya yeroon isheen qormaata malee dabarsite muraasa. Tattaaffii cimina ijoollee isheetiifi gargaarsa waaqayyootiin, rakkoowwan mudatan heddu damdamattee as geessee jirti.
Har’as cimina biyya keenyaa qoruuf rakkoo baay’een yoo nu marsanis, qaamoleen adda addaa halkaniifi guyyaa lubbuu keenya rakkoo keessa galchuuf walitti yoo dhufanis, gara fuulduratti deemuu keenya hin dhaabnu. Nuti yoomiyyuu, warri cimina eenyummmaa keenyaatiifi gargaarsa Waaqayyootti amannu, bacaqii gannaa keessa darbinee, ifa birraa abdachiisutu nutti mul’ata, dukkanaan gamatti ifa boonsaan akka jiru ni beekna.
Dukkana kaleessaa akkuma darbine, rakkoo har’a nu quunname sababni cehuu dadhabnuuf akka hin jiraanne amanaa, har’as ciminaa fi jabina uumaaan nuu keenneef galata galchuuf duubatti hin jennu.
Galateeffachuun humna guddaa bara darbe injifannoon, yeroo keessa jirru carradhaan, yeroo dhufu immoo abdiidhaan akka eegnu kan nu taasisuudha. Gama biraatiin galata waakkachuun, xiin-sammuu mo’atamuu fi carraa dhabuu uuma. Ofii keenyaa fi namoota biroo ilaalcha gaariifi jaalalaan akka hin ilaalle nu taasisa. Qaamni dhuunfaas ta’ee uummanni waan argatetti hin quufneefi hin galateeffanne, hir’uu malee kennaan addaa inni qabu itti hin mul’atu. Rakkoo irra gahe malee, carraan kennameef guddaa ta’ee itti hin mul’atu. Rakkoo gara fuulduraa dhufu malee, gammachuun fuuldura isaa jiru sammuu isaa keessatti hin katabamu.
Namni galata galchu, rakkoo hamaa keessatti injifannoo fi carraa isaa nama ilaaluu danda’uudha. Bubbee fi danbalii caala jabeenya doonii ilaala. Baay’ina qormaataa fi rakkoo caala, hundumaa tokkummmaa fi gargaarsa uumaatiin mo’achuun akka danda’amu yaada.
Qaroomina Aksuumiifi bara durii, iccitii ogummaa ijaarsaa Laalibalaa fi naannawa sanatti argaman, Gimbii Hararii fi naannawa isheetti kaka’umsaa fi guddina magaalotaa biqilan, Gibee fi naannawa laga Gibeetti qaroomina mootummaa giddugaleessaa hundeessuuf yaalii taasifamemeefi daldala qonnaan walitti hidhuuf yaalame, tattaffiiwwan sirna Gadaatiin dimokirasii ijaaruu, Walaayittaa, Halabaa, Haadiyyaa, Daawuroo fi naannawa Kafaatti bulchiisa waliitti dhufeenya daldalaa fi dippiloomaasii giddu galeessa bahaa hanga Awurooppaatti uuman, Gondaritti tattaaffii bulchiinsa mootummaa giddugaleessaa ijaaruu, Affaarii fi Somaaleetti sirna bulchiinsa odeeffannoo fi giddugaleessummaa bu’uura godhate, Gambeellaatti qaroomina dubartootaaf kabaja addaa kennuu, Benishaangul Gumuzitti muuziqaa fi fayyadama meeshaa muuziqaa akkasumas iddoowwan adda addatti qaroomina mul’achaa turan duubatti deebinee ilaaluudhaan qabeenya keenya itti boonuu qabnuudha. Warroota kaleessaa itti boonnu kan nuuf kenne Waaqayyo waan ta’eef kanaaf isa galateeffanna.
Walqoqqoodinsa bara ‘Zamana Masaafinti’ biyya keessa turee fi dhiibbaawwan alaa gama koloneeffataan dhufan, biyyi keenya humna hin mul’annneen damdamatte. Seenaan ishee fi eenyuumman ishee osoo hin badin, bara dheeraaf turuun ishee waan nama dinqisiisuu danda’uudha. Yeroo Itoophiyaa ammayyaa adeemsa bittinnahuu irraa gara walitti dhufuutti deemte kanattis, waraanni fi walitti bu’iinsi, aggaammii fi shirri siyaasaa heddumminaan uumamaa jiru. Ijaarsi mootummaa biyyaa seeraan osoo hin xumuramiin, waggota 50 darban keessatti jijjiiramni saffisaa ta’ee fi walitti fufiinsa qabu biyya keenya mudatee jira.
Warraaqsi, walitti bu’iinsi, weerarri, beelli hamaan, akkasumas balaan namtolchee fi uummaa yoo baay’atanis, Itoophiyaa ni sochoosan malee hin kuffisne. Diinonni seenaa keessatti beekaman, kan fagoo fi dhiyootti argaman yeroo yeroon ka’anii biyya kana cicciranii diiguuf dhagaan isaan hin fonqolchine hin jiru. Maqaa ishee cilee dibuuf, sadarakaa idil-addunyaatti irra deddeebiin haqa akka hin aganne taasisuuf, buufata doonii qabdu dhabsiisuun akka ukkaamamtu taasisuuf yaalaniiru. Lageen ishee keessaa maddan akka hin fayyadamne waliigaltee hamaa ta’e akka mallatteesitu taasisanii jiru. Kana hunda keessa taatee Itoophiyaan akka warqii ibiddan qoramtee, tattaaffii ijoollee isheetiifi fedha Waaqaatiiin eegamtee akka biyyaatti itti fufuu danda’uun ishee waan baay’ee nama dinqisiisuudha. Biyyi keenya rakkoowwan armaan olii hunda darbuu ishee yoo yaadannu, Waqayyoof galata akka galchinu sababa nuuf ta’a.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti, waggottan afran darban keessa haala mul’atee hin beekneen abdii fi rakkoo, tokkummaa fi garaagarummaa, sadarkaa idil-addunyaatti dinqisiifannaa fi balaalefannaa, waliin ta’uu fi walxaxuu, bilisummaa fi walitti bu’iinsa yeroo itti keessummeessitedha jechuun ni danda’ama. Itoophiyaan ijoollee murteessoo yeroo itti argatte qofa osoo hin taane, yeroo itti dhabdeedha. Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa kanaan booda hin fayyadu yeroo jedhameetti guutinsi bishaanii xumuramee ibsaa kennuu eegalee jira. Biyyi hiyyoomtuu fi duubatti haftuu jedhamtee waamamatu biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuudhaan, bakka addaddaatti paarkii ijaaruun imala ishee dachii lalisaa ta’uu tti fuftee jirti.
Wabiin jiraachuu keenyaa qamadii biyyoota dhihaa ta’uu yoommuu isaan yaadanitti, Itoophiyaan qamadii bonaa jallisiin oomishuu fi lafa qonnaa bal’aa irratti midhaani fi fuduraalee oomishuun ofii ishee irra darbitee biyyoota biraa gargaaruuf qophooftee jirti. Finfinneen yeroo tokko maqaa ishee wajjjin haala wal hin gitneen Afrikaatti iddoo balfi itti gatamu jedhamuuf xumurarra geessee turte. Qormaatileen nu mudatan gatii guddaa nu kafalchiisanii jiru. Isaan kana yoo yadannu baay’ee nutti dhagahama. Garuu, kan dhabnerra kan arganne ni caala. Rakkooleen duubatti nu hin hambisne, qormaatni nu hin mo’anne. Kanaaf Waqayyoof galata guddaa galchina.
Jaalatamtoota Ijoollee Biyya koo,
Obboleessi obboleessarratti yoo garaa jabaatu, wajjin jiraachuun hafee nama wajjiin oolee hin beeknee hamma fakkaatutti yeroo itti walitti buune, wanta sababa hin qabneef lubbuun namaa yoo darbu, namoota qiyyaafannoo malee galma hin qabneen dhiigni lammiilee keenyaa akkasumaan dhangala’uu waggoota xiqqoo duubatti deebinee yoo yaadannu, garaan keenya gaddaan caba. Akka dhalootaattis qaaniitu nutti dhagahama. Waraanni fi walitti bu’iinsi kutaa biyyattii kaaba fi dhiyaatti labbuu namaa galaafatee fi qabeenya biyyaa barbadeesse yoo yadannu, ija keenya qofa osoo hin taane, lubbuu keenyatu boo’a.
Badiin yeroo tokko kutaa biyyattii bahaa fi kibbaatti uumamee, rakkoo fi gidiraa akkamii akka fide kan irraanfannu miti. Ijji keenya osoo boochus yoo ta’e in galateeffanna. Sababni isaas wanta nurratti ta’erra, kan nuti arganne waan caaluuf. Biyya keenya Itoophiyaa, mataa ishee gadi qabanii, dugda kutuuf yoo yaalanis ba’aa irratti fe’ame dandeessee, aarii ishee garaatti qabattee, qormaatashee harkatti baattee dabartee, har’as kutannoodhaan itti fuftee, daandii ishee osoo hin lakkisiin deemuun ishee dhuguma icciitii dinqisiisaadha. Badii keessatti, misooma, gadda keessatti jabina, rakkoo keessatti eebba, dukkana keessatti ibsaa ta’ee kan nu eege fi biyya keenyaaf gargaarsa fi humna kan ta’e Waaqa Itoophiyaati. Waaqa dawoofi golgaa, baķka itti baqatanii oolaniifi gaachana nuu ta’e kana galateeffachuun, faaruu Itoophiyaanota hundaa ta’uu qaba.
Jijjiiramni kan dhufe faayidaa Itoophiya qofa kabachiisuuf ta’uu warri hubatan, keessumattuu qaamooleen Abbayyaa fi Gaanfa Afrikaa irratti fedhii guddaa qaban, gama nageenyaa fi karaa adda addaatiin daandii badii nuuf baasaa turan. Miidiyaleen biyya gurguddoo fi dhaabbileen isaaniitis dandeettii mootummoota isaanii abdatanii, biyya keenya irrattii waraana gaggeessaa turan. Diinagdee fi maqaa biyyatti sadarkaa idil-addunyaatti balleessuuf waan danda’an hunda raawwachaa, firootiin keenya akka nurraa fagaatan harka lafa jalaatiin dhiibbaa taasisaa turan. Haata’u malee, tattaffii fi yaaliin isaanii tokkummaa Itoophiya riphe dammaqsee dheekkamsa kakaase malee hin kuffisne. Injifannoon Aduwaatis bara keenyatti irra deebi’ame. Duumessi gurraachi biyyi akka diigamtu nurra naanna’e ni hurke. kunis uumaan Itoophiyaa yommiyyuu taanan nu waliin ta’uusaa bara itti arginee dha.
Waggottan lamaan darban keessatti, dhiibbaa idil-addunyaa Itoophiyaa irratti taasifame biyyonni baachuu dadhaban baay’een isaanii bittinaa’anii jiru. Uumaan Itoophiyaa garuu diinotaaf dabarsee nu hin kennine. Kufnee akka hin hafne, hirkannees akka dhaabbanu, dadhabnees akka jabannu humnaa fi cimina nuuf ta’ee jira. Har’a Itoophiyaan gama tokkon addunyaa dinqisiisaa, gama biraatiin taajjabaa ittii fuftee jirti. Yeroo dhufu jabina ishee cimsitee ceehuf abdiidhaan faggeessitee ilaalti. Jabeenya Itoophiyaa seenaan dhageenye ijaan akka agarru kan nu taasise, bara keenyattis seenaa kan nuuf hojjate, uumaa Itoophiyaa fi Waaqa Itoophiyaa galanni haa gahu.
Biyyi akka Itoophiyaa rakkoo bara baraan mudate irra darbee kabajaan dhaabbatu biyya kami? Biyyoonni garaagarummaa afaanii, aadaa, fi amantaa tokkummaan walsimsiisanii bara dheeraadhaaf turan meeqa? Qabeenya lafa irraa fi lafa keessaatiin kan guutaman, qilleensi fi bishaan isaanii kan eebbifameef, onnee gootummaa fi qaxalee sammuutiin kan badhaafaman, biyyoonni akka Itoophiyaa jiran meeqa? Bifa uummata gurraachaa hundaa fi bareedina addaatiin kan badhaate, Itoophiyaa malee eenyu? Bilisummaa fi abbaa biyyummaatiin biyyi afrikaadhaaf fakkeenya ta’u Itoophiyaa malee eessaatti argama? Bara durii jalqabee hanga har’aatti baqattoota biyya biraa akka ijoollee isaaniitti ilaaluun kan keessumeessan biyyoonni akka Itoophiyaatti waamaman eenyu fa’i?
Rakkoo keessaa fi dhiibbaa alaa damdamachuun waltajjii ispoortii addunyaa irratti injifannoo irratti injifannoo kan gonfatan Itoophiyaanotaa mitii? Addabaabaayii ispoortii irratti alaabaa biyya abbaa isaanii kan olkaasanii mirmirsan, dirree injifannoo argamsiisanitti harka isaani olkaasanii uumaa isaanii kan galateeffatan Itoophiyanota mitii? Suuta jennee yoo yaadne fi eebba keenya xiyyeffannoon yoo lakkoofne, nuti Itoophiyaanonni kan waakkannu irra wantoonni galateeffatoota akka taanu nu taasisan baay’ee heddu dha.
Kanaafi, waan lapheen keenya hubatee fi wantoota hedduu yaadnee hin arganne hunda irra dhaabbannee uumaa kabajuu fi galateeffachuun kan nurra jiraatu. Rakkoowwan har’a Itoophiyaa mudatan masilaalii olka’umsaa yaabbachuu fi riqicha guddinaa ce’aa jiraachuu keenya malee kufiinsa ishee saffisuuf hin oolani. Humni diinotaa kun hundi kan nutti baay’ataniif, yeroon dhufu abdachisaa ta’uu waan araganiif malee, hiyyeessa abdi hin qabne ta’uun keenya isaan cinqee miti. Mana warqeen guutame malee, manni duwwaan qalbii diinaa hawwachuu hin danda’u waan ta’eef. Yoo xiqqaate, diinotaa fi qaamoolee gaarii keenya hin hawwineef, humna keenya isaanitti mul’atee fi dandeettii dhokataa akka biyyaatti qabnu nuttis mul’achuu qaba. Sababni isaas, gara fuuldurratti daandiin gara guddinaatti nu ceesisu galateeffannaa fi qabeenya qabnu dinqisiifannaa fi kabajaan fudhachuu danda’uu dha. Karaa walxaxaa irra darbitee dhufte hunda keessatti biyya keenya uumaatu tiksee jira, har’as galanni isaaf haa ta’u.
Qabeenya biyya lafaa hunda, amantaa hanga qabeenya seenaa qabeessaa, uumama qilleensaa hanga garaagarummaa aadaa, gootummaa hanga bilisumma jaalachuu, Waaqayyo badhaadhina kana hunda kan nu badhaase ta’uu yaaduun haa galateeffannu. Ofii keenya waljibbuu fi walitti bu’uu irraa bilisa taanee tokkoon keenya kan biraa dinqisiifachuu aadaa keenya haa taasifnu. Wantoota darbanii fi hir’ataniif walyaaddessaa dhaloota dhufu dadhabsuu haa dhiisnu. Kana caala, tokkoon keenya isa biraa, warri har’aa isaan kaleessaa haa galateeffanu. Hunduma caalaa fi dursa immoo baroota gidduun kan nu garagaare Uumaa keenya bakka jiruutti haa galateeffannu. Firoonni keenya yommuu jijjiiraman, gargaartonni keenya fuula yoommuu nu dhoowwatan, ollaan keenya alagaa yommuu nutti ta’an arginee jirra. Kan hin jijjiiramne humni Itoophiyaa, uwwisaan keenya uumaa qofaa dha.
Guyyoota jiran 365 keessaa guyyaa tokko galata keenya waliin taanee osoo dhiyeessinee, oolmaa inni nuu ooole yaadachuuf osoo murteessinee waan baay’atu natti hin fakkatu. Guyya tokko keessatti yoo baay’ate daqiiqaa tokkoof wanta hojjannu hunda dhiisnee bakka jirrutti ol jennee, wanta inni nuuf ta’e yaadannee, Uumaa Itoophiyaa galateeffachuu qabna. Waggaa fi bara haaraa waakkii fi aariidhaan, gadoofi haaloodhaan qooda keessumeessinu, dinqisiifannaa fi galataan, walgargaaruu fi dhiifamaan simachuu qabna.
Uumaa addunyaa hundaa fi madda arjoominaa kan ta’e, akka biyyaa fi uummataatti, akka hogganaa fi lammiitti afaan beeknuu fi akkaataa amantaa keenyaatiin garaa qulqulludhaan haa galateeffannu. Weerara hamaa irraa nu eegee jira. Afaan bineensaa keessaa nu baasee jira, Hongee balaa hamaa akka nutti hin taane nu fuuldura dhaabbatee jira, diina fagoo fi dhiyoo biyya diiguuf tattaffatu nurraa hambisee jira. Piroojaktoota gurguddoo jalqabnee fi ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha akka dhugoomsinu nu gargaaree jira, bara durii kaasee hanga har’aatti biyya keenyaa fi uummata keenya icciitii cimaan nuuf tursiisee jira. Ulfinni fi kabajni guddan bara baraan isaaf haa ta’u jennee daqiiqaa tokkoof bakka jirrutti dhaabbanne umaa Itoophiyaatiif galata akka galchinu waamicha kiyyan dabarsa.
Itoophiyaan tattaffii ijoollee isheetiin kabajamtee bara baraan haa jiraattu!
Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa