Injifannoo guddaa dinqisiifatamuu qabu!
Biyyi
Ollaa Itiyoophiyaa taate Suudaan waan tibbana jette dhageenyee jirra.Kan
odeeffannoo kana hin dhageenye ykn.hin dubbifne Suudaan maal jettee?jechuudhan
gaafachuun isaa hin oolu.
Eyyeen
Suudaan waan Itiyoophiyaan barbaaddu goote.Kun waliigaleefi inijifannoo
guddaadha!.Suudaan himni hidhate kamiyyuu daangaa Itiyoophiyaafi Suudaan qaban
irra akka socho’uuf gonkumaa hin hayyamu jechuudhaan mirkaneessitee jirti.
Ministeerri
ittisaa Suudaan humni hidhate kamiyyuu daangaa biyyaalee lamaanii jidduu akka
hin sochoone ittisuuf Itiyoophiyaa waliin tumsa cimaa taasisuudhaan kan hojjetu
akka ta’e mirkaneesseera.
Dubbii
Himaan Ministeera Ittisa Biyyaa Sudaan Birgaadeer Janaraal Nabiil Abdullaah
ibsa tibbana kennaniin,rakkoo daangaa Suudaanii fi Ityoophiyaa jidduu jiru
hiikuu fi furmaata hatattamaa argamsiisuuf hoggantoota biyyoota lamaanii waliin
mariin taasiifamaa akka jiru mirkaneessaniiru.
Bu’uura
marii qondaaltoota biyyaalee lamaanii kanaan koreen teeknikaa mana maree
nageenyaa fi ittisaa biyyattii walgahii Dilbata darbe gaggeesseen Sudaan
Ityoophiyaa waliin qindoomina uumuun humni hidhatee jiru kamiiyyuu daangaa
biyyoota lamaanii gidduutti akka hin sochoone ittisuuf akka murteesse himameera
Daangaan
Galaabaat Sudaanii fi Ityoophiyaa karaa Matammaa naannoo Amaaraa walqunnamsiisu
cufamee tures akka banamuuf murtaa'uun eerameera.Akkaataa waliigaltee kanaatiin
humna kamiyyuu jechuun maal jechuu akka ta’e qalbeeffachuun barbaachisaadha.
Gareen
shororkeessaan wayyaanee Itiyoophiyaan akka bittinnooftuufi akka diigamtuuf
karoorfatee waan hojjechaa tureef wayita waggaa tokkoon dura Naannoo Amaaraafi Affaar
weereeretti gama hundumaanuu kan qophaa’e waan tureef humna hidhataa ‘Saamirii’jedhee
moggaase sanuu akka himamaa turetti kan lakkoofsaan kuma 30 caalu gara Suudaanitti
ceesisee ture.
Humna
‘Saamrii’ Suudaan turuudhaan yeroo adda addaatti gara Itiyoophiyaa as ce’uun
miidhaa geessisaa ture keessaa ammaan tana meeqa akka jiru beekamuu baatus
waliigalteen amma Itiyoophiyaafi Suudaan taasisan sochii Saamriis kan
ittisudha.
Wayyaaneen
keessaafi alaan dhiphina cimaa uumuun akkuma karoorfattetti Itiyoophiyaa
bittinneessuuf wixiffattus kan karoorsittee qabatteefi yaadde hin
milkoofneef,karaatti jalaa fashalaa’ee hafe.
Gareen
Saamrii naannawa daangaatiin as ce’uuf akka malee socho’aa tures yeroo adda
addaatti Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatiin barbadeeffamuudhaan wayyaaneen
dhawaataan abdii akka kutattu taasiseera.Gareen daangaa Suudaan irra turuun
miidhaa geessisuuf yaalu ammaan booda hin jiru.Waliigaltee Suudaan Itiyoophiyaa
waliin tibbana taasiftete kana ni dhorka.
Mootummaan
Suudaan waliigaltee kana irra akka ga’uuf sochiin ummanni Suudaan dhiyeenya kana
taasise shoora ol’aanaa akka gumaache amanama.Aantummaan Ummanni Suudaan Itiyoophiyaaf
qabatamaan mul’ise kan yoomiyyuu dagatamu miti.Ummanni Suudaan Ummata Itiyoophiyaa
wajjin Nagaadhaan,ollummaa gaarii barameen jiraachuu akka barbaadu hiriira
mormii dhiyeenya walitti fufiinsaan taasise irratti qondaaltoota Suudaaniif
ergaa guddaa dabarseera.Qondaaltoonni biyyattii gaaffii ummata Suudaaniif
deebii kennan galata qabu.Waliigaltee Itiyoophiyaafi Suudaan tbbana taasisan
kanaan daran kan fayyadaman ummattoota Itiyoophiyaafi Suudaan waan ta’aniif
waliigaltee kana dinqisifachuufi hojiirra akka ooluuf hojjechuun dhimma
murteessaadha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ