‘Ashaaraa dhugaa’ Obbo Taayyee Danda’aa
Miseensa Caffee Oromiyaa 6ffaafi deetaa ministeera Nagaa Itiyoophiyaa kan ta’an Ob.Taayyee Danda’aa yaa’ii caffee Oromiyaa 3ffaa tibbana adeemsifame wajjin wal qabatee komii qaban ifa godhaniiru.
Godina
Shawaa Kaabaa naannoo filannoo Kuyyuutti ummata kuma dhibba tokko bakka bu’uudhaan
miseensa caffee kan ta’an obbo Taayyee Danda’aa mata duree’Ashaaraa dhugaa' jedhuun barreeffama bal’aa dhiyeessaniiru.Barreeffama kana keessatti:
- Marii caffee
duraa,
- Ajandaa yaa’ii
caffee irratti dhiyaate,
- Mormii gabaasa
irratti qaban,
- Bajata
dabalataafi qoodumsa bajata bara 2015
- Muuxannoo Shiraafi
Sirnaaf quuqamuu ilaalchisuudhaan fuula facebook isaanii irratti
tarreessuudhaan barreessaniiru.
Odeefannoo
bal’aa barreeffamaan har’a baasan kana garagalchisaa Waajjira Caffee Oromiyaafi
Miidiyaaleef akka ta’es xumura irratti eeraniiru.Dhaamsa guutuu argachuuf
dubbisaa
Oolmaa
Caffee Irratti Yaada Koo
Ashaaraa
Dhugaa!
Seensa
Filannoo
marsaa 6ffaanin miseensa Caffee Oromiyaa ta'e! Shawaa Kaabaa Naannoo filannoo
Kuyyuu irraayi. Miseensa paartii Badhaadhinaa fi bakka bu'aa ummata 100,000
tokkooti. Akka heera Oromiyaa keewwata 48(3) jalatti tumametti ammoo bakka
bu'iinsi koo ummata Oromiyaa maraafi! Lukoo ummata kanaa ta'een Caffee jira.
Ummata na ergate, heera fi sammuu koo qofaafin gaafatama!
Wanti
gatii guddaa kanfallee qabsoofneef bilisummaa dha. Bilisummaan bu'uuraa ammoo
mirga dubbiiti. Mirgi dubbii dhabamnaan mirgi biraa hin jiraatu. Mirga
dubbiitii alatti namoomni guutuu hin ta'u! Mirga yaada bilisaan ibsatuu gatii
qaaliin arganne kana namiifuu hin dhiifnu! Tikseen mirgichaa seera fi heera
ta'uu yaa hubannu! Heera Itoophiyaa fi Heera Oromiyaatu wabii mirga kanaati!
Dhugaan qallattus booda hunda mooti!
Marii
Caffee Duraa Irratti
Hojimaata
Caffee keessa mariin Caffee duraa hin jiru. Korri caffee galma caffee qofatti
gegeeffama. Garuu miseensoti caffee tuuta 6tti qoodamuun gabaasa dheengadda
dhiyaate irratti guyyaa lamaaf raawwachiiftota olaanoon mariisifamuun kallattii
fudhatan. Sodaachisoonis keessa jira. Kun ta'uu hin malle jedheen amana.
Sababoota sadiif. Tokko hojimaata caffee keessa hin jiru. Waan hojimaata keessa
hin jirre dalaguun amanamummaa fi cimina jaarmaa huba. Lama makamuu qaamolee
mootummaa ittisuu dha. Qaamolee mootummaa adda addaan gurmeessuun too'annoo fi
madaala eeganii badii irraa akka wal-tiksaniifi. Sana dhugoomsuuf jara jidduu
fageenyi jiraatuu qaba. Fageenyi sun eegamuu dhabee raawwachiisaan caffeef
kallattii keenyaan makamuutu dhufa. Makamuun ammoo madaala diige rakkoo dhala.
Silaa Caffeetu raawwachiiftuuf kallattii kaayuu male. Sadi tokkummaa fi
hubannaa cimsuu dha. Miseensoti Caffee gaaddisa tokkotti mari'atuun
wal-barnoota uuma. Haala qabatamaa godinaalee fi aanaalee hundaa miseensi ni
barata. Sun wal amantaa fi wal-hubannaa guddisa. Tokkummaan sabaa fi biyyaa
akkasiin ijaarama.
Ajandaa
Dhiyaatan Irratti
Kabajamoo
af-yaa'iin ajandaalee sagal diriirsuun yaada gaafatan. An san hordofeen harka
baase. Kabajamoon waan harka koo argan natti hin fakkaanne. Saniifin yaada
qabaatuu koo dubbadhe. Hayyama malee dubbatuun dhorkaa ta'uu himuun carraa naaf
kennan. Garuu maayikii waan cufaniif dubbiin koo dhagayamuu dide. Kabajamoon
"Carraa kenname fayyadamuu hin dandeenye" jechuun gara ajandaa
mirkaneessuu cehan. An ajandaa mormee harka baasus harki koo waan hin
muldhanneef "Sagalee Guutuu raggaafame" jedhan. Harki gariin ammoo otoo
hin bahin muldhataa oole!
Silaa
Oromummaan dhuudhaadha. Duudhaan sun ammoo dubbii hin dhoowwu. Kanaaf
"Dubbii gala malee baha hin dhoowwan" jedhama. Afaan nama qabaa
"Oromummaatti deebina" jechuun waan hin taane. Ammas jarri sagalee
too ukkaamsuu qofa galma godhate. Akka amalli jalaa saaxilamu hin beekne. Mee
ammaan duuba akkamiin maqaa dimokiraasii kaasu? Namni hooggansa badhaadhinaa fi
miseensa Caffee kabajamaa ukkaamse eenyuuf mirga dubbii hayyama? Yoo mirgi
dubbii hin jirre ammoo akkamiin dimokiraasiin ijaarama? Tana diduun haqa
teenya!
Gabaasaa
Irratti Mormii koo...
Akka
kiyyatti ajandaa fardiin nageenya fi itti gaafatamummaa dha. Ajandaan kamuu
sana dursuu hin qabu. Haala qabatamaa waggaa guutuu keessa turree fi ammas
keessa jirru waliin Dhimma nageenyaa kophaatti laaluun dirqama jedheen amana.
Dubbicha sirriitti ilaaluun Miidhaa fi kisaaraa dhaqqabeef ammoo itti
gaafatamummaa mirkaneessuu barbaachisa. Otoo kana hin godhin karoora bara
dhufuu ilaaluun sirrii miti. Ajandaa nageenyaa ajandaa midhaani fi bishaanii
keessa makuun qoosaa malee waan biraa hin ta'u!
Mariin
dheengaddaa ajandaalee sadi bakka tokkotti hammate. Isaanis gabaasa bara
darbee, karoora bara dhufuu fi baajata dabalataa bara darbeeti. Dhimmooti
sadanuu of-danda'anii ilaalamuu qabu jedheen amana. Ajandaa sadi wal-keessa
makanii mirkaneessuun iftoominaa fi qulqullina haguuga. Namni baajata dabalataa
mormee karoora bara dhufuu deeggaru jiraatuu mala. Gabaasa deeggaruu fi karoora
mormuunis ni danda'ama. Ulaagaa kamiinuu ajandaalee sadi wal-keessa naqanii
bakka tokkotti sagalee kennisiisuun sirrii natti hin fakkaanne!
Akka
kootti gabaasaan nageenya irratti dhiyaate Caffee kabajamaa waan madaalu hin
seene. Bara tare yeroo akkanaa "baatii muraasa keessatti nagaya
buufna" jedhamee ture. Gabaasi ammoo Namooti lakkoofsan xiqqaa hin taane
harka kennatuu, meeshaaleen garagaraa qabamuu, daandiiwwan cufaman banamuu fi
gandooleen muraasni diinan qabaman gadilakkifamuu hima. Kun maal jechuu dha?
Lakkoofsan kaayuun maaf dadhabame? Gabaasi kun karoora bara darbe qabame
biratti akkamiin ilaalame? Maaltu karoorfame? Sana keessaa hagamtu raawwatame?
Maaliif nagaya baatii muraasatti fiduuf waadaa galle waggaattuu dhugoomsuu
hanqanne? Eenyutu maal hanqise? Namni gaafatama seeraan fudhate guutuu hanqate
hoo maaliif hin gaafatamu? Maaltu rakkoo kana keessaa bahuu nu dhorge? Amma
maaltu nu baasa? Ija kanaan yoo ilaallu gabaasichi guutuu miti! Caffeef hin
madaalu!
Bar-dheengaddaa
aanaalee muraasa gama dhihaa irraa kan hafan bakka hundatti filannoo
gegeessine. Barana garuu godinoota saddeetitu rakkoo fi yaaddoo nageenyaa qaba.
Ummati amanee nu filate qubaa cituu fi salphatuu kabajamoo pirezedantiin
kaasaniiru. Waan seenaa keessatti qaanessaa "Dhiiratu gudeedame"
jedhan. Kun hunduu bulchiinsa isaanii jalatti ta'e. Miidhamaa fi salphina sana
oolchuun gahee mootummaati. Diina keessa fi alaa komatuun waan tokko. Dubbii
ofitti qabuun itti gaafatamummaa mirkaneessuun ammoo waan biraati. Rakkoo
keenyaaf orma abaaruun furmaata hin ta'u!
Gama
kaanin miidhaan ummata keenya irra dhaqqabe gabaasicha keessatti hin muldhanne.
Fulbaana haga hardhaa Oromiyaa keessatti namoota nagayaa meeqatu ajjeefame?
Nama meeqatu qaamaa hirdhate? Meeqatu qe'ee fi qabeenya irraa buqqaafamee
dararamaa jira? Mana hiyyeessaa meeqatu gubate? Sangaa hiyyeessaa meeqatu
qalame? Dhiiraa-dubartii meeqatu gudeedame? Qabeenya mootummaa fi dhuunfaa
hagamtu mancaafame? Nagaya tiksuun yoo dhibellee miidhama kana qindeessanii
gabaasun maaf dadhabame?
Ragaan
marii keessatti dhiyaate nama surura. Bulchaan Wallagga Lixaa kabajamoo obbo
Gammachiis Dabalaa, godinichatti Oromoon nagayaa 1105 ajjeefamuu, guyyaa
tokkotti hooggansi 28 wareegamuu fi qabeenyi biliyoona 3 caalu mancaafamuu
kabajamaa Caffeef kallattiin himan. Amaara qofa otoo hin taane Oromoonis
ajjeefame jechuufi. Garuu dhumaatiin Oromoo ajjeechaa Amaaraa sirrii hin
taasisu. Gaafatamni mootummaa nageenya ummata lachiituu tiksuu dha. Akka Shawaa
Kaabaatti ammoo ragaan qabnu Fulbaanaa gamanatti namooti nagayaa 210
ajjeefamuu, namooti 109 qaamaa hirdhatuu, manni 526 gubatuu, sangaan hiyyeessaa
410 qalamuu, maallaqi callaan biliyoonni 1.5 saamamuu, manneen barnootaa 195
cufamuu fi barattooti 75,000 barumsa dhabuu agarsiisa. Gaafa itti dhiyeenyaan
qoratamu sanaa oliyyuu ta'uu mala. Garuu yoo shawaa kaabaatti hagana ta'e,
Gujii fi Wallaggatti hagam ta'inna? Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaatti hoo
miidhaan gahe hagami? Rabbitu beeka! Ammoo Gargaarsallee itti gaafatuu silaa
kun qindaayee dhiyaatuu male. Maaliif sirnaan kurfaayee dhiyaatuu dhabe?
Sababooti danuun jiraatuu mala. Anaaf garuu quuqamaa fi marartee dhabuu natti
fakkaata. Namni saba kana irraa dhalate xiqqaatu akkamiin gabaasa miidhaa
sabichaa harkaa dhaba? Quuqami akka hin jirre kakadheen hima. Nama guddaatu
"Maaliif waan ummataa dhiphatta?" naan jedhe. Dhiisii sirbi jechuu
dha!
An
waan hojjatame hin haalu. Keessattuu hojii mootummaan federaalaa fi Finfinnee
abidda keessatti hojjatan rt dinqisiifatuun sirrii dha. Waan dhalootaaf cehutu
raawwatame! Ammoo Xiqqaatus guddatus qamadiin bona qotameera. Qonna
ammayyeessunis yaalameera. Manni barnootaas ijaaramuun eebbifameera. Kunnii
martuu dansaa dha. Garuu ummatin an bakka bu'e waggaa lamaan gamanatti waan
dhabe malee waan argate hin qabu. Qonni ammayyaa hafee sangaanuu harkaa qalamee
dhumeera. Mana barnootaa duraan qabuttuu ilmaan barsiifatuu hin dandeenye.
Nagaya fi kabaja kaleessa qabu dhabeera. Manni irraa gubatee akka bineensaa ala
gala. Barana beela keessa jira. Waan hin qotatiniif bara dhufu haalli kana
caalaa hammaatuu mala. Gujiitti ammoo jiruun ummata keenyaa dachaa kanaa
hadhaya. Haalli Wallagga afranii fi Shawaa Lixaas akkanuma. Warra foon dheedhii
cuffatee wuskii habbuuqaa buluuf kun "Milkaa'ina hunda-galeessa"
keessatti ilaalama. An garuu ergarama ummata kiyyaatti qoosuu hin danda'u! Akka
malee na dhukkuba! Kanaafin Gabaasa morme.
Namiifuu
ifa yaa ta'u! Kaayyoo biraa hin qabu. Dhugaa qofaafin dubbadha. Waanuma gaafa
Moyaalee santu hardhas na dubbisa. Nework jedhame dhugaa dha. Ijaaramni
gandummaa fi hanna bu'uureffate jira. Sun garuu anaa fi quuqamtoota sabaa hin
ilaallatu. Warra siyaasaan qumaara jedhee amanutu diriirfatee ittiin hooggansa
gameeyyii dhiibee dhugaa ummataa nyaata. An Network hin barbaadu. Qabsoon
dhugaa malee daboo hin barbaaddu jedheen amana! Abbaa dhugaa faana hundatu
dhaabata! Fakkeessaaf otoo hin taane dhuguman biyyaa fi ummataaf qabsaaya!
Gorsaan qabsootti hin seenne! Itti gaafatamni koo heera, ummataa fi qalbii
kootiif qofa ta'uu Heera Oromiyaatu keewwata 48(3) jalatti naaf kenne!
Labsii
Baajata Dabalataa Irratti
Labsii
baajata dabalataa sagaleen dhoowwadhe. Sababi dhimmichi gaarii fi yaraa
hammatuu dha. Aanaalee danuun rakkoo guguddaa keessa turan. Kanaafuu baajanni
dabalataa isaaniif mala. Garuu bakka ummati keenya rakkoo hamaa keessa jiruu fi
bajanni duraa hanqatetti ollaa deggaruuf chaarteriin lafa maruun sirrii hin
turre. Baajati gara kanaan qoodame sirrii miti. Kana deggaruun naaf hin taane.
Kanaafin sagalee too takkittii dhoowwadhe. Akka waa hin geeddarre beeka. Garuu
seenaaf galmaayuu qaba. Dhaloonni irraa barata!
Labsii
Baajata 2015 Irratti
As
irrattis sagaleen dhorgadhe. Sirrii fi dogongoratu wal-make. Akka waliigalaa
baajatichi Oromiyaaf yoo xinnaate malee hin guddatu. Baajata dabaluun waan
dansaa dha. Akkaataan itti qoodames haga tokko mishuma. Keessattuu Poolisii
Oromiyaaf qarshii biliyoona 9.5 ramaduun haqa-qabeessa. Ijoolleen nagaya
ummataatiif dhiiga fi lafee kanfalan bajata sana madaalu argatuu qabu. Mindaa
nyaata qofaafuu isaan hin geenyetu kanfalamaafii jira. Kun jijjiiramuu qaba.
Bajata qonnaa guddisuunis sirruma. Garuu biliyoona 28 caaluu hin malle.
Buqqaatii jiru waliin Biiroo Hawaasummaaf biliyoona 12 ramaduun yaraa miti.
Dogongorri
bakka sadi jira. Tokko baajata barnootati. Hojjataa Oromiyaa keessaa harki
walakkaan barsiisaa ta'uu kabajamoo pirezedantiin himaniiru. Barnoonni ajandaa
Oromiyaa ijoo ta'uus guyyuu dubbatu. Waan dansaa dha. Sun garuu barsiisaa
galateeffatuu qofaan hin dhugoomu. Galanni mishaa ta'us jiruu barsiisaa hin
geeddaru. Dhugaatti barsiisota galateeffatuun Baajata seekterichaa wayyeessuu
ifa! Jiruu fi hamilee barsiisaa fooyyessuu gaafata! Qarshii biliyoonni sadi
ammoo sana hin gootu. Yoo xinnaate biliyoona afur dabaluu barbaachisa. Lama
ammoo baajata caffeeti. Caffee kabajamaa Oromiyaatiif qarshii miliyoona 133
qofatu ramadame. Kun waan itti yaadamee caffee laaffisuuf godhame fakkaata.
Waajjira pirezedantiif qarshii biliyoona 1.6 tu ramadame. Kun dansaa dha. Garuu
baajati Caffee akkamiin kanaa gadi ta'a? Akka heeraa Oromiyaatti aangoo
olaanaan kan caffeeti (keewwata 49(2). Caffeen raawwachiiftuu hunda qoratee
sirreessuuf aangoo qaba. Garuu baajata hin qabu. Miliyoonni 133 maal hojjatti?
Aangoon baajataan hin deeggaramin ammoo gatii hin baasu. Caffee hirkataa
gochuuf akkas ta'e. Kanaafuu baajanni caffee xiqqaatu baajata waajjira
pirezedantii caaluun fardii dha. Yoo san too'annoo fi madaalliin qaamolee
mootummaa jidduutti dhufa. Sadi baajata biiroo Bulchiinsaf Nageenyaati. Rakkoon
nageenyaa Oromiyaa keessa jiru ni beekama. San sirreessuuf odeeffannoo sirrii
fi si'ataa feesisa. Baajati ramadame garuu qarshii miliyoona 399 qofaa dha. Tun
eessatti maal hojjatti? Yoo xinnaate biliyoona tokko dabaluu barbaachisa
jedheen amana. Kanaafin sagalee dhorgadhe.
Muuxannoo
Shiraa Irratti
Anaaf
Ida'amuun sirrii dha. Qajeeltoon Ida'amuu ammoo obbolummaa, sab-daneessummaa fi
bilisummaa dha. Miseensa badhaadhinaa hundaafuu siyaasaa jechuun qajeeltoo
kanaan biyya ijaaruu fi ummata tajaajiluudha jedheen amana. Shirrii dhibeewwan
jajjaboo siyaasaa Itoophiyaa keessaa angafa. Kanaaf hannaa fi finxaalessummaa
waliin gufuu Ida'amuu jedhame. Gariin garuu shiraa fi gidiraa wayyaanee irraa
dhaaleen dhaadata! "Siyaasaan qumaara ittiin ummata burjaajessani"
jechaa boona! Beekumsa jechuun fafakkeessuu fi burjaajessuu itti fakkaata.
Ajaa'ibuma! Waan silaa ittiin saalfatamuun dhaadatama! Mee namni akkamitti
"badhaadhina" ofiin jechaa baattoo amala wayyaanee ta'uun boona? Kan
tokkummaa fi nagaya keenya jeeqe namooti jaarii wayyaanee baatan aangoo
mootummaa dhuunfatuu dha! Shirri wayyaanenuu ittiin kufe hoo eessa nama geessa?
Xannacha Badhaadhina irraa cituu maletu badhaadhina irraa nu kutuu heda!
Maraafuu
nuti ilmaan Badhaadhinaati! Qajeeltoon keenya kabaja lammiilee, bilisummaa,
sab-daneessummaa fi obbolummaa dha! Gootummaa, fayyaalummaa fi jaalala biyyaa
malee shiraa fi gidiraa hin qabnu! Ilaalcha wayyaanee yoomillee hin hawwinu!
Silaa san taatee duraanuu sirna wayyaanee hin dinnu. Ammas baattoo amala
wayyaanee hin fudhannu! Wayyaaneen shiraan ganna hidhee nu darare. Barataan
ammoo barsiisaa caaluu waan maluuf warri wayyaanee jalaa shira barate nu
ajjeesuyyuu danda'u. Ilma namaaf duuti waan hin hafneef dhugaa ummataa dubbatuu
hin sodaannu! Warri koomishinar Salamoon Taaddasaa ajjeesee fi Komaandar
Tasfaayee Dinquu madeessuun yaala dhoowwate nuufis hin nahu. Ammoo hin
gaabbinu! Yoo duune ilmaan teenna sabi akka guddisu hin shakkinu!
Barana
hiikoon gamnummaa yaa jijjiirame. Shiruu fi hatuutu qaroomina jedhama. Ulaagaa
kanaan safaranii "Gowwaa" nuun jedhu! Ammatti Gowwaa ta'uun yakka
natti hin fakkaatu. Garuu gaaf tokko akkuma "hiyyeessi fi wallaalaan
Oromoo miti" jedhame san "Gowwummaan yakka" jedhamuu mala.
Guyyuu raajiin waan dubbatamuuf shakkuun hin badu! Wanti guddaan dhiigi fi haqi
namaa harka keenya irra jiraatuu dhabuu dha. Takkaa hin hanne; hin sobne! Otoo
beeknuu Dharaa fi cubbuu waliin hin dhaabanne. Dhugaa tanaaf jecha yoo
"Gowwaa" taane nulleen Gowwummaa tana yaa jaalanne!
Sirnaaf
Quuqamuu Irratti!
Sirni
kun taphaan hin dhufne! Gatii guddaatu itti bahe. Lubbuu fi jiruu gootota
danuutu wareegame. Dhiiraa-dhalaa keenyatu saniif jecha dararame! Qeerroo fi
qarree kumaatamatu diina didee kichuu cite! An sana keessaa gaheen qaba. Umrii
koo irraa ganna kudhan saniifin wareege! Kanaafuu sirnichi na marara. Kufaatii
biyyaa fi miidhama ummataa hin hayyamu! Kanaafin ofirraa bahee dhugaa dubbadha!
Akka warra teessoo irraa teessotti, hanna irraa hannatti cehee, injifannoo
ummataatti qoosuun naaf hin ta'u! Gariin gatii injifannoo ummataa hin beeku.
Dhugaa qabatamaa irra xarmusii wiskiitu itti muldhata! Gaafa cinqii Machaayee
rakkoo fi gadadoo ummataa dagata. Achii nagayaa fi misooma gabaafata! Gaafan
kana arguu fi dhagayu onneetu na-dhukkubsata! Deemsi eegalle kufaan waan biyyi
hafu hin sehu! Gaafa biyyi koo kufu ammoo ana qofa otoo hin taane firaa-fiixaan
kiyyatu kufa! An Dubaay ykn Atilaantaa irraa mana hin qabu! Baqatuus hin fedhu!
Mataa
jiru irratti qarree qoru. Aangoos biyya jiru irratti koru. Kanaafuu an biyyaa
fi ummata afaan bineessaa keessaa baasuu malee fedhii biraa hin qabu. Kanin
dubbadhuuf biyyaa fi ummata baraarudha. Rakkoo jabaatu nutti jira. Kan rakkanne
ammoo keessa! Xannacha hamaa biyyaa fi ummata badiitti hoofutu nu keessa jira.
Dubbannee fayyisuu barbaachisa!
Mana
ofirratti diiguun gowwummaa hamaa dha. Gorsi "Mana keessan ofirratti hin
diiginaa" jedhu sirruma! Mana qaban irratti dabalatuutu qaroomina. Ida'amuunis
tanuma hima. Garuu maaltu mana diiga? Tanaaf fagoo deemuun hin feesisu! Duudhaa
warra keenyaa hubatuun gahaa dha. Kan mana diigu shiraa fi gidiraa dha.
Tokkummaa keessoo keenyaa shiratu laaffise! Obbolummaa fi sab-daneessummaas
shiraa fi kijibatu burjaajesse! Ammoo aanan jige haguma hafe ol qabu. Amma mana
diigame suphuun dirqama. Sun garuu dhugaa fi fayyaalummaa gaafata. Haga fedhe
guddatus muuxannoon shiraa diiggaaf malee ijaarsaaf hin gargaaru!
Sirna
cimsanii ijaaruun biyyaaf utubaa dha. Garuu sirni qoosaan hin ijaaramu.
Qajeeltoo fi hojimaata hordofuu gaafata. Qajeeltoo Badhaadhinaa faallessaa fi
hojimaata Caffee cabsaa ijaarsa sirnaa hawwuun abjuu guyyaati!
Dubbiin
olaantummaa seeraas sirriidha. Mirgi daangaa qabaatuu qaba. Nama daangaa darbee
mirga namaa tuqe seeraan gaafatuu feesisa. Garuu yakki marti qixa miti. Haala
fi ulfinaan wal caala! Warri gaafa ajjeechaa abbootii Gadaa kolfe hardha
jechaan dallanuu hin danda'u! Madaala gaafata!
Tarii
lammii fayyaalessi "Maaliif keessootti hin dubbanne?" jechuu mala.
Gaafii sirrii dha. Silaa cufannee mari'annee yoona as hin jirru. Qaata
jabaannee biyya jabeessina. Akka malaa mariin jiraatuuf ammoo guddoo kadhanne!
Namoota guguddoonis danuu gorfamne. Garuu hin milkoofne. Marii keessoof karri
cufaa dha!
Nageenyi
Badhaadha. Oromiyaan nagaya! Itoophiyaan nagaya! Afrikaan nagaya! Addunyaan
nagaya! Horaa Bulaa!
Galagalcha
# Miidiyaaleef
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ