Hattoota admsuun seeratti dhiyeessuun itti fufuu qaba!
Hattoota adamsuudhaan balleessssuun itti fufu qaba!Namoonni gocha malaammaltummaa hin raawwatan, biyyaaf yaadu kutannoo cimaa qabu jedhaamuun amanaman gochoota malaammaltummaa qaanessaa ta'an keessa wayita seenan qabatamaan mul'achaa jira.Maaltu beeka kan kana caalutu jira ta'a.Hattoota akkanaa kana adamsuudhaan too'annoo seeraa jala oolchuun daran cimuudhaan itti fufuu qaba!Manneen kondominiyamii wajjin wal qabatee kan tibbana Magaalaa Finfinneetti dhaga'ame saamicha garee neetwoorkiin ijaarameen raawwatamedha.Kan obbo Mitikkuu Kaasaa raawwatanis waan hin eegamnedha,ajaa'ibsiisaadha.Rakkoolee saamichaa suukaneessaa kanneen fakkaatan kana qolachuun kan danda'amu seerotaafi hojmaata cimsuudhaan waan ta'eef seerota ittisa yakkoota malaammaltummaaf shoora gumaachan sakatta'uun fooyeessuun dirqama mootummaa jijjiiramaati.Silaa Mootummaa jijjiiramaa kanatti qormaanni baay'ateera.Ta'us rakkoolee itti fufiinsaan mudachaa jiran moo'achuudhaan bira darbuun ni danda'ama,danda'amaas jira.Hattoota neetwoorkiidhaan gurmaa'anii qabeenya biyyaafi ummataa hatan guutummaatti balleessuun yoo danda'amuu baatellee sadarkaa ol'aanaadhaan hir'isuun ni danda'ama waan ta'eef duulli hattoota adamsuu eegalaame finiinuudhaan itti haafufu!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ