Qoruumsi kutaa 12ffaa lammata hin hatamne
Qoruumsi kutaa 12ffaa lammata akka hin hatamne Ministeerichi mirkaneesse. Qoruumsi kutaa 12ffaa seensa baruumsa dhaabbilee baruumsa ol’aanaa akka hin hatamne ministeerri barnootaa beeksiseera. Qoruumsi guutuu biyyaa kutaa 12ffaa kan filmaata 2ffaa hatameera jechuun weebsaayitii hawaasummaa adda addaa irratti oduun afarfamaa ture soba akka ta’e ministeerri barnootaa beeksiseera. Ministirri ministeera barnootaa ob.Shifarraaw Shugguxee ibsa har’a kennaniin wayita qoruumsi haqametti qoruumsi walsimaan qophaa’uun eegumsaafi of eeggannoo ol’aanaadhaan buufatawwan poolisii buufatawwan qoruumsaatti argamanitti akka galfamu taasifameera jedhaniiru. Qorsiiftoonni,too’attoonni qoruumsaafi itti gaafatamtoonni buufatawwan qoruumsaa dursuudhaan buufatawwan qoruumsaa akka ga’anis ministirichi himaniiru. Kana malees qortoonni kuma 8fi 874 ga’an too’attoonni qoruumsaafi itti gaafatamtoonni bufatawwan qormaataa carraa koompiyuutaraan baafameen Naannoo isaaniitiin ala gara Naannoo ...