‪Ramadaan Kariim! id Mubaarak!

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa marti baga ayyaana sooma hiikaa waggaa kuma 1fi 437ffaa Nagaan geessan.Ayyaanni waggaa kun kan Nagaafi gammachuu isiniif haata’u.Mee ayyaana sooma hiikaa(Ramadaana) hordoftoota Amantaa Isalaamaa baranaa kana sababeeffachuun waan tokko tokko kaasuudhaan haa mar’annu.

Biyya teenya bal’oofi guddittii tana Itiyoophiyaatti Amantaan hundumtuu wal qixa,inni tokko isa tokko haalli ittiin caalu hin jiru,kunis heera mootummaa biyya keenyaa irratti jala muramee taa’eera.
Namni kamiyyuu Amantaa barbaade hordofuufi babal’ifachuuf mirga guutuu eenyumaanuu sarbamuu hin dandeenye qaba.Inni kun guutummaatti hojiirra kan oolu mirga qaama biroo kan hin sarbine yoo ta’e qofa akka ta’e beekamaadha.Mirgi hinqunxuramne kun waaggoota 25 darban keessa shaakalamaa deemuun wayita ammaa sadarkaa maalirra akka ga’e hordoftoonni amantaa Islaamaafi kirsitaanaa akkasumas hordoftoonni amantaawwan kanneen biroo sirritti hubatu jechuun ni danda’ama.

Mirgi goonfatame kun dur akkam ture?

Mootummoota abbaa irree kanaan dura biyya keenya bulchaa turaniin dhimmi walqixxummaa Amantaa kan yaadamu hin turre.Iddoo ol’aanaa argachuun kan lalifamu Amantaa kirstaanaa qofa ture.Amantaa kirstaanaa keessaayis bakki guddaan kan kennamu Amantaa Ortodooks Tawaahidoo Itiyoophiyaatiif ture.Loogiin kun raawwatamaa kan ture hacuuccaan beekkamtii hooggantoota sirnichaa qabu hojiirra oolaa waan tureef akka ta’e beekamaadha.

Sirnoonni mootii Minilikiifi Hayilasillaasee akkasumas sirni abbaa irree Darguu waggoota turtiisaaniitti lammiin Amantaa barbaade akka hin hordofneefi akka hin babal’ifanneef dhorkaa turan.Dhorkaan kun seeraafi qajeelfamoota sirnoonni abbootii irree sun baasaniinis kan deeggarame ture.

Sababa dhiibbaa taasifamaa ture kanaan hordoftoonni Amantaa Tawaahidoo Ortodooksii Itiyoophiyaa morma ol’qabatanii yoo deeman hordotoonni Amantaa Islaamaa ammoo morma gadi qabachuun yaaddoofi sodaadhaan ture sirnoota Amantaa isaanii kan gaggeeffachaa turan.

Adeemsi yaaddoo kun kan jijjiirame waggoota 25 dura yammuu ta’u turtii waggoota 25’n darbanii keessatti lammiin biyyattii hundumtuu Amantaa hordofu bilisummaadhaan akka hordofu,babal’ifachuu yoo fedhes dhorkaan tokkollee akka hin jirre heera mootummaa irratti beekkamtii argatee waan labsameef hundumtuu haala kanaan Amantaasaa bilisa ta’ee hordofuun babal’ifachaas jira.

Haa ta’uutii waggoota dhiyoodhaa asitti mirgi guutuun qabsoo ilmaan Cunqurdamtootaatiin argame kun akka gufatuuf shirri baay’een raawwatamaa tureera.Gochoonni badii Amantaa da’oo taasifachuudhaan raawwatamaa turan maalfa’i akka ta’an hordoftoonni Amantaa Islaamaas ta’e Amataawwan kanneen biroo sirritti beeku waan ta’eef akka waan haarawaatti kaasuudhaan kana irratti yeroo balleessuun barbaachisaa ta’uu baatus waan tokko tokko wal yaadachiisuun barbaachisaadha.

Gareewwan Amantaa da’oo taasifatan maalif…?

Waggoota darban keessa gareewwan amantaa da’oo taasifachuun socho’aa turan Mootummaan Misoomawaa Demookratawaan Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n hoogganamuu taayitaa ummanni kenneef irraa humnaan akka bu’uuf ajandaawwan adda addaa uumuudhaan socho’aa turaniiru.Maqaa gareewwan kanaa isinuu beektu waan ta’ee asirratti kaasuun hin barbaachisu.

Gareewwan kun amantaa da’oo taasifachuudhaan maalif socho’uu barbaadan?gaaffii jedhu kaasuun dhimma murteessaadha.Akkuma beekamu namni kamiyyuu waa’ee Amantaa isaarratti duubatti hin jedhu.Qaama Amantaasaatti dhufus callisee hin ilaalu.Mira hordooftoota Amantaa kana kan hubatan gareenwwan qaxxaa muraan taayitaa mootummaa qabachuu barbaadan Itiyoophiyaatti Mootummaa Islaamummaa hundeessina jechuun socho’aa turaniiru.

Sababa sochii gareewwan Amantaa da’oo taasifachuun socho’an kanaan hordotoonni Amantaa akka walshakkan taasifamaa tureera.Amantaa tokkicha iddoo adda addaatti qooduudhaan yaaddoofi waltuffiin akka uumamu taasifameera.

Gareewwan kun tooftaa kanaan socho’aa kan turan walqoodumsi akka uumamu taasisuudhaan qaawwa argamuuniifi dhiibbaa mootummaa biyya bulchaa jiru irra ga’uun barcuma taayitaatti olba’uuf haala mijeeffachuuf ture.Garuu kan yaadameefi karoorfame galma ga’uu hin dandeenye.Hawaasni Musliimaas ta’e hordoftoonni Amntaawwan kanneen biroo mootummaa maddii hiriiruudhaan kabajamuu Amantaa isaaniitiif tokkummaafi gamtaadhaan waan socho’aniif mirgi guutuun bilisummaa Amantaa hundumtuu goonfate kabajamuudhaan har’a ga’eera,gara fuulduraattis kabajamee itti fufa.Qaamni kana dura dhaabbachuu danda’u tokkollee Itiyoophiyaa har’aa tana keessa jiraachuu hin danda’u.

Gareewwan adda addaa sirna Mootmmaa ammaa kana maqaa balleessuudhaaniifi busheessuudhaan akkasumas sababoota fakkeessuu tarreessuudhaan hordoftoota Amantaa dogongorsuuf socho’aa turan,gareewwan Amantaa da’eeffatan kun biyya keessas ta’e biyya alaa taa’uun fedhii isaanii guuttachuuf carraaqqii taasisan itti fufaniiru.

Amantaa ofii cimsachun hordofuun dhorkaa hin qabu.Dhimma Amantaa mankaraarsuun garuu qaama biroo irratti dhiibbaa geessisa,kiyyatu caala,kee gadi aanaadha jechuun waldhabee uuma malee bu’aan argamsiisu hin jiru.Waldhabdeen yoo uumame ammoo guddinniifi misoomni biyyaa gufachuun karaatti hafa.Ijaarsi sirna Demookraasiis dhaabbachuudhaan gochoonni farra Demookraasii nibabal’atu.Wayita kun ta’u ammoo fayyadamtoonni dhuunfoota malee Ummata bal’aa ta’uu hin danda’u.

Haqa kana sirritti kan beekan hordoftoonni Amantaa Islaamaafi Amantaawwan kanneen biroo fedhiin gareewwan badii akka galma hin geenyeef carraaqqii taasisaniin bu’aa ol’aanaa biyya boonseefi guddina biyyaa itti fufsiisuuf shoora ol’aanaa gumaachaa jiru argamsiisaniiru.Garafuulduraattis kan itti fufuu qabu kanumadha.Biyyi kan waliin wajjiniiti,kanaaf humnoota biyya teenya diiguudhaan gochoonni seeraan alaa akka babal’ataniif carraaqaa jiran Mootummaa maddii hiriiruudhaan haaqolannu.Ayyaana gaarii! Id Mubaarak! ‪

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman