Tisiisa irraa Dammi hin eegamu!

Addi bilisummaa Oromoo(ABO'n) diina saba Oromooti.kana kan haaluufi duuchumatti mormu wallaalaadha ykn.hubannoo gahaa hin qabu.


Haala suuraadhaan daawwachaa jirtan kanaan Daandii Asfaaltii maallaqni Ummata Oromoo itti dhangala'ee hojjetame irratti dhakaa tuuluun Ummata Oromoo fayyadaduudha jedhee kan yaadu aantummaan ummata Oromoo bal'aadhaaf qabu kan sobaati.

Gareen shoroorkeessaan ABO harca'ee tureefi amma awwaara urgufatee waan lubbuun jiru fakkaate kun jijjiiramaafi guddina Oromiyaatti galmeeffamaa jiru kan sadarkaa guutuu biyyaa faana barbadeessuudhaan ala kaayyoo gara biraa hin qabu.
Kaleessa Magaaloota godina Arsii lixaa keessatti iddoowwan adda addaatti dhakaan Daandii cufuudhaan wanti raawwatame sirrii miti,balaaleeffatamuu qaba.

Gochi kun kan raawwatamaa jiru garee diinaa bakka bakkaa wal waamee socho'uun akka ta'e beekamaadha.

Humni Jawaar Mahaammadiin akka horiitti oofamu kun miraan fiffiiguudhaan waan qabsaa'aa jiru fakkaatus Ummata keenya saamichaaf saaxiluun lubbuun akka darbu taasisuufi qabeenya gubuudhaan barbadeessuu bira darbee wanti fidu tokkollee hin jiru!

Kanaan duras badii Namoota dhuunfaa muraasaan raawwatameen lubbuun Namoota hedduu darbeera.Qabeenyi Oromoo barbadaa'eera.Qabeenyi bakka bu'a lubbuu Namaa bakka buusuun hin danda'amu!

Ammas kanumaaf deemamaa waan jiru fakkaachaa jira.Jawaar ammoo kana barbaada.Kan kaayyoo badiifi dhumiinsaa qabu kanaan ni gammada.Jidduutti kan miidhamu sochii misooma Oromiyaati.Nagaatu boora'a, Nagaan boorofnaan ammoo qaamni tokkollee fayyadamu hin jiru.

Siyaasa jibbiinsaa babal'isuudhaan qaamni fayyadamu garee biyya alaa taa'ee Doolaara walitti funaannachaa jiru qofa akka ta'e beekamuu qaba!

Karaa biraatiin caasaan dhaabaafi mootummaa keenyaa badii raawwatamaa jiru kana callisee ilaaluu hin qabu.Dargaggoon hojii dhabe carraa hojii akka argatu gochuudhaan jiraattoota wajjin maree iftoomina qabu taasisuutu irraa eegama.Diina irraa wanti gaariin yoomiyyuu hin eegamu waan ta'eef bu'aafi fayyadamtummaa waliin wajjiniitiif socho'uun barbaachisaafi murteessaa akka ta'e beekamuu qaba.


Kan caasaa dhaabaafi mootummaa keessa taa'ee kiraa sassabdummaadhaan tortoreefi jeeqamsi akka babal'achuun Nagaan akka boora'uuf barbaadus iddoo isaaf malu akka qabatu taasisuun dirqamadha.Yoo kun ta'e qofadha,faayyadamtummaa Ummata Oromoo mamii malee itti fufsiisuun kan danda'amu.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman