Yaa’iin idilee 4ffaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa bajata birrii biliyoona 46 caalu ramade

Yaa’iin idilee 4ffaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa raawwii hojiiwwan gara garaa bara haarawwaf bajata birrii biliyoona 46fi miliyoona 400 caalu raggaasuudhaan har’a xumurameera.

Yaa’ichi muudama abbootii seeraa aanaalee 140fi hooggantoota gara garaas raggaasiseera.
Hoogganaa biiroo maallaqaafi walta’uumsa diinagdee obbo Eelamaa Qaamphee labsii bajataa mareef wayita dhiyeessan akka jedhanitti bajanni bara haarawaa kan bara darbee wajjin yoo wal bira qabamee ilaalamu birrii biliyoona 4’n caalmaa qaba.
Bajata bara 2009 keessaa biiliyoonni 8fi miliyoonni 400 hojii raawwachiisuuf,biliyoonni 12fi miliyoonni 900 baasii kaappitaalaaf, biliyoonni 24fi miliyoonni 800 ammoo bulchiinsawwan aanaaleefi magaalotaaf kan qabame yammuu ta’u birriin miliyoonni 40 bajata of eeggannaa ta’ee ramadameera.

Obbo Eelamaa Qaamphee akka jedhanitti bajata bara haarawaa keessaa dhibbentaan 60’n aanaaleefi bulchiinsawwan Magaalotaaf kan ramadamedha.
Yaa’iin idilee 4ffaa Caffee Oromiyaa har’a waaree booda kan xumurame muudama abbootii seeraa aanaalee 140 raggaasisuun yammuu ta’u hoogganaa biiroo bulchiinsa lafa baadiyaafi akkaataa itti fayyadamaa obbo Maashoo Ol’aanaa,obbo Abrahaam Aduulaa ammoo daayireektara muummee dhaabbata Raadiyoofi Televizyinii Oromiyaa taasisuun muudeera.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa ob.Muktaar Kadir haasawa dhageessisaniin bajanni bara haarawaa kaayyoo  yaadameefirra akka ooluuf hubachiisaniiru.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman