Gaaffiin Ummata Oromoo Nagaafi misooma malee fincila miti!

Gaaffiin Ummanni Oromoo qabu gaaffii Nagaan jiraachuufi misoomuun hiyyummaa keessaa ba’uuti malee garee ABO deeggaruu miti.Sabni Oromoo bu’aa Nagaan qabu sirritti beeka.Nagaan ba’ee Nagaan galuun hiika guddaa akka qabu kan beeku Sabni bal’aan saboota sabalammootaafi ummattoota wajjin jiraachuu sirritti beeku kun eenyumtuu akka miidhamuufi qabeenyisaas akka jalaa barbdaa’u hin fedhu.

Garuu dhimmoota adda addaa irratti gaaffiin inni qabu akka deebi’uuf kan barbaadu waan ta’eefi kiraa sassaabdoonni keessaa tajaajila Ummanni argachuu qabu irratti gufuu ta’uudhaan waan turaniif kana irratti mufannaafi mormii qaba.

Fakeenyaaf tajaajila ibsaa dhabuudhaan turuun,bishaan utuu jiruu sababa hanqina hojmaataattiin bishaan dhabuuniifi tajaajilawwan kanneen biroos jireenyasaatiif barbaachisaa ta’an dhabamuuniifi harcaatiin uumamuun Ummata keenya irratti dararama uumeera.

Rakkoon kun fala akka argatuuf kanaan dura kallattii kaa’uudhaan carraaqqii taasisuun eegalamus bal’ina rakkoo jiruu wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu saffisni gaaffii ummataatiif deebii kennuu gahaa miti.

Humni farra Nagaafi misoomaa biyya keessas ta’e biyyaalee alaa jiraatu ammoo qaawwa kanatti sirritti fayyadamaa jira.Fakkeessee Olola sobaa afarsuudhaanis ummanni fincilaaf akka kaka’uuf sadarkaa ol’aanaadhaan hojjechaa jira.Haalli kun yaaddessaa ta’uunsaa hubatamuu qaba.

Gaaffiin ummanni Oromoo misoomuuf qabu ilaafi ilaameedhaan mari’atamee deebii argatu malee haalli duubatti harkifannaafi sosochiin iddoo tokko tokkotti mul’achaa jiru xummurrisaa hin tolu.
Fakkeenyaaf dhimma tibbanaa miidiyaan Jawaar Mahaammad sirritti kaayyoosaa milkeessuuf itti fayyadamaa jiru waa’ee Sandaafaa haa ilaallu.

Ummanni Sandaafaafi naannawashee balfa Finfinnee irraa yaa’uun miidhamuu hin qabu,iddoon balfa gogaadhaaf jedhamee hojjetames balfi dhangala’aan dabalamee itti gatamee foolii badaa uumamuun jiraattoonni miidhamuu hin qaban.

Hanqinni kan jiru caasaa bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee bira yoo ta’e hanqinni jiru sirraa’uu qaba.Iddoon filmaataan balfa gatuuf fayyadus yoo jiraate ilaalamuu qaba.Caasaan bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaas dhimma kanaaf fala argamsiisuuf socho’uu qaba.Biyyi tun kan hunda keenyaati.Finfinneenis balfaan xurooftee ummanni dhukkubaaf saaxilamuu akka hin qabne ni amanama.

Jiraattoonni Sandaafaafi naannawashees ani fayyadamee Finfinneen haa miidhamtu jechuun hin yaadu.Fayyaasaa kan caalu garuu hin jiru.Dhimmi kun sirraa’uu qaba jechuun isaa garuu kan deeggaramudha.Mirgasaa kabajisiisuuf dhiibbaa taasisuun akkuma jirutti ta’ee ilaafi ilaameen maari’achuun bu’aa fayyadmtyummaa waliin wajjinii mirkaneessutu fala ta’a

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman