Muuxannoo Qonnaan bultoota Harargee!

Qonnaan bultoonni Harargee muuxannoon gama Sangaa furdisuufi eegumsa Naannootiin qaban baay’oota fayyadaa jira.


Muuxannoon qonnaan bultoota kanaa baay’oota gammachiisaa waan jiruuf qonnaan bultoonni Harargee sababa balaa hoongeetiin kanaan dura aanaalee gara garaa godina Qeellam Wallaggaafi Iluu  Abbaa Booraa keessa qubatan galateeffamuu qabu.

Qonnaan bultoonni kun waan jiraattoonni aanaalee isaan itti dhaqanii oolaniifis hin daganne,”Mana jireenyaa nuuf ijaaranii,waan nyaannu nuuf kennanii mana citaa irraa gara mana qorqorrootti akka ceenuuf isaantu bu’ura nuuf ta’e” jechuudhaan wayita galateeffatan dhagaa’amu.

Oromoonni Harargee kunoo akkanatti nama boonsu.Haala qabatamaa wayita ammaa jiruun ofirra darbuudhaan lammiiwwan keenya hoongeen miidheefis birmachaa akka jiran himaniiru.Ofirra darbuudhaan qaama biraatiif dhaqqabuu waan guddaadha!

Egaa humnoonni badii kan akka Jawaar Mahaammad jijjiirama qabatatamaa kana gufachiisuudhaan fedhii taayitaaf qaban guuttachuuf wixiffachaa jiru.

Fedhiin humnoota dhiphootaafi of tuultotaa akkuma fedhii ta'etti hafa malee Ummanni bal'aan Oromiyaa gabrummaa qaamolee fedhii taayitaa guuttachuuf kaachaa jiranii jala hin galu.Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan!


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman