Akka Andaaqqoo cirriftee iddoo jijjiiruu…..

Sanyii Allaatii keessaa tokko kan taate Andaaqqoon yoo cirriftu iddoo jijjiirrachuudhaan beekamti.
Malaammaltoonni iddoo tokkotti gocha badii raawwatan iddoo biraatti akka jijjiiraman taasifamuun ummataan komatamaa tureera.
Komiin qaamoleen hawaasaa gara garaa dhageessisan kun Nama iddoo tokkotti sababoota adda addaa da’oo taasifachuudhaan badii raawwate haala mijeessuudhaan gara iddoo biraatti akka jijjiiramu taasisuun sirrii akka hin taane kan mul’isudha.
Yaada ejjennoodhaan hawaasni kaasu kana xiinxaluudhaan ilaaluun barbaachisaadha.
Hoogganaan hojii tokko,fakkeenyaaf kantiibaan magaalaa tokkoo gara Magaalaa biraatti akka jijjiiramu taasifamuu danda’a.Kunis ta’aa turuu kan mirkaneessu gochuma raawwatamaa turedha.Kan Magaalaa Burraayyuutti malaammaltummaa raawwachaa ture fooyya’uumsa argamsiisuu danda’a jechuun gara Magaalaa Galaanitti akka jijjiiramu taasisuun fala ta’uu hin danda’u.kan raawwatamaa tures ka’uumsa kanaan akka hin taane beekamaadha.
Namtichi Burraayyuutti rakkoo bulchiinsa gaarii uumuudhaan hawaasa dararaa ture amalliifi ilaalchisaa waan hin jijjiiramneef Galaanittis waanuma iddoo biraatti raawwachaa ture sana cimsee itti fufuun isaa hin oolu.
Namoonni haala kana keessa turan of sirreessuu waan hin dandeenyeef har’a iddoo seeraan itti gaafataman akka jiran kan beekamudha.Malaammaltoonni ija hawaasaa jalaa miliquu waan hin dandeenyeef eeruu hawaasa irraa argameefi carraaqqii qaamni dhimmi ilaallatuun taasisaa jiruun himatamanii dhimmi isaanii mana murteetti ilaalamaa jira.
Ammaan booda haalli irra diddibaan deemuu jiraachuu akka hin dandeenye beekamaadha.Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa ob.Muktaar Kadir isuma kana mirkaneessaniiru.
Malaammaltoota caasaa dhaabaafi Mootummaa keessa jiran dhabamsiisuuf qabsoon eegalame daran finiinee akka itti fufuuf pirezidaantichi hubachiisaniiru.

Pireezidaantichi yaa’ii idilee 4ffaa waggaa 1ffaa Caffee 5ffaa irratti kallattii hojii gara fuulduraa kaa’aniin kiraa sassaabdoota irratti qabsoon eegalame kan cimee itti fufu akka ta’e mirkaneessuudhaan,ummanni akkuma kanaan duraa hirmaannaa eegale cimsee akka itti fufuuf waamicha dhiyeessaniiru.Egaa akka Andaaqqoo cirriftee iddoo jijjiirrachuun hin danda’amu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman