Magaalaa Bishooftuutti geggeessitootaa fi hojjattoota rakkoo bulchiinsa gaarii uumaniiru jedhaman irratti tarkaanfiin fudhatame

Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu kenna tajaajilaa fi boodeetti harkifachuu fi qulqullummaa dhabuu bu’uuraalee misoomaa waliin wal-qabatee hoji-raawwachiiftotaa fi ogeeyyii akkasumas hojjattoota rakkoo uumaniiru jedhe irratti tarkaanfii fudhachuusaa beeksiseera.


Kantiibaan magaalattii Doktar Daadhii Wadaajoo Faanaa Biroodkaastiing Korporeetitti akka himanitti tarkaanfii fudhatameen ogeeyyiin 23 rakkoo naamusaa olaanaa kan qaban akka ta’an mirkanaa’ee adabamaniiru.

Ogeeyyii tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa hojjattoonni gandaa hanga bulchiinsa magaalaa jiran 11 guutumaan guutuutti hojii irraa ari’amanii seeraan akka gaafataman taasifamuusaati Doktar Daadhiin kan himan.

Sochiin bulchiinsa gaarii akka hin-milkoofne gufuu kan ta’anii fi kenniinsi tajaajilaa akka lafarra harkifatu kan taasisan miseensonni hoji-raawwachiiftonni 7s sadarkaa isaaniirra gadi bu’anii akka hojjatan murtaa’uusaas kantibichi ibsaniiru.

Tarkaanfichi kan fudhatame dameelee tajaajilaa gara-garaa irratti qorannoo geggeessuun hawaasaa fi qaamolee raawwachiiftota waliin mari’achuun waliigalteerra erga qaqqabamee booda ta’uus himan.

Magaalattiitti komiin cimaan kan ka’aa ture dhimma lafa waliin wal-qabatu irratti yoo ta’u, ogeeyyiin tajaajilamtoota deddeebisuuni fi sanadoota dhoksuun hojimaataa fi qajeelfamoota irra daddarbaa akka turan mirkanaa’uu eeraniiru.

Kantibichi akka himanitti lafa waliin wal-qabatee sanadoonni sababa tokko malee dhokatanii turan 550 tasa sakkata’amee saanduqa kuusaa namoota tarkaanfiin irratti fudhatame keessatti fi iddoo kaanitti argamaniiru.


Tarkaanfiin qorannoorratti hundaa’uun fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundumaa waliin mari’achuun fudhatame kun kenniinsi tajaajilaa bulchiinsi magaalattii kana booda saffisaa fi iftoomina akka qabaatu taasisa jedhamee akka itti amaname kantibichi himaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman