Qoruumsi kutaa 12ffaa lammata hin hatamne

Qoruumsi kutaa 12ffaa lammata akka hin hatamne Ministeerichi mirkaneesse.
Qoruumsi kutaa 12ffaa seensa baruumsa dhaabbilee baruumsa ol’aanaa akka hin hatamne ministeerri barnootaa beeksiseera.


Qoruumsi guutuu biyyaa kutaa 12ffaa kan filmaata 2ffaa hatameera jechuun weebsaayitii hawaasummaa adda addaa irratti oduun afarfamaa ture soba akka ta’e ministeerri barnootaa beeksiseera.

Ministirri ministeera barnootaa ob.Shifarraaw Shugguxee ibsa har’a kennaniin wayita qoruumsi haqametti qoruumsi walsimaan qophaa’uun eegumsaafi of eeggannoo ol’aanaadhaan buufatawwan poolisii buufatawwan qoruumsaatti argamanitti akka galfamu taasifameera jedhaniiru.

Qorsiiftoonni,too’attoonni qoruumsaafi itti gaafatamtoonni buufatawwan qoruumsaa dursuudhaan buufatawwan qoruumsaa akka ga’anis ministirichi himaniiru.

Kana malees qortoonni kuma 8fi 874 ga’an too’attoonni qoruumsaafi itti gaafatamtoonni bufatawwan qormaataa carraa koompiyuutaraan baafameen Naannoo isaaniitiin ala gara Naannoo biroo dhaquudhaan akka qoruumsa kennaniif qophiin gargaaru akka taasifame ob.Shifarraaw himaniiru.

Kanaan dura akaakuuwwan baruumsaa 2fi3 korojoo tokko keessa haalli ittiin kaa’aman akka ture yaadachiisuun kan ammaatiin garuu akaakuu baruumsaa tokkoon tokkoonsaatiif korojoon adda addaa akka qophaa’e beeksisan.

Furtuun korojoon ittiin banamu akka kanaan duraa waliin erguun akka hafu taasifamuus himan.

Kanaaf jecha furtuun piinsaadhaan muramee qaboo yaa’ii qabachuun akka banamu taasifamuus beeksisaniiru,sanadoonni qoruumsaa mallattoo addaa akka qabaatan taassifamus eeraniiru.

Kunis ta’ee weeb saayitii hawaasummaa gara garaatiin qoruumsi hatamee ba’eera jedhamaa kan jiru ta’us qoruumsi hatamee ba’e akka hin jirre ministeerichi qorannoo taasiseen mirkaneesseera jedhaniiru.

Fuula jalqabaa qoruumsaa irratti kan tamsaafamaa jiran hundi tilmaama malee qoruumsa keenya miti kan jedhan ministirichi,mallattoowwan addaa kaa’amanis qoruumsawwan ba’aniiru jedhaman irra akka hin jirre himaniiru.

Akka ministirichi jedhanitti gaaffiiwwan baafamaa jiran bara 2003 irraa eegalee yeroo adda addaatti kan kennamanidha jedhan.

Barattoonniifi maatiin qoruumsi ba’e akka hin jirre hubachuudhaan tasgabbaa’uun barattoonni wiixata dhufu kaardiisaanii qabachuun buufata qoruumsaatti akka argamaniif gaafataniiru


Guutuu biyyaatti Caamsaa 22 hanga 25 bara 2008’tti kennuuf karoorri qabame qoruumsi Afaan Ingliizii koodii 14ffaa hatamee weebsaaytitiiwwan hawaasummaa irratti waan tamsaafameef qoruumsi hundumtuu akka haqamuuf ministeerichaan akka murteeffame ni beekama.

Kun kanaan utuu jiruu tajaajilmatoonni biyya keessaa kaleessa galgala irraa eegalee weeb saayitiiwwan hawaasummaa kan akka Facebook fi Twwter nuuf banamuu didaniiru jechaa jiru.

Tajaajilamtoonni yaada kennaniin akka himanitti mootummaan hanga yeroon qoruumsaa darbutti weebsaayitiin hawaasummaa akka cufamuuf murteessuu hin oolu.

Anis shakkii kana mirkaneessuuf weebsaayitiiwwan adda addaa banuuf caarraaqqii  taasisus naaf hin mikoofne.

Qoruumsi kutaa 12ffaa Adooleessa 04 hanga 07 bara 2008'tti guyyoota afuriif sadarkaa guutuu biyyaatiin akka kennamu ni beekama

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman