Itiyoophiyaatti tajaajilli feesbuukii cufamee ture baname

Tajaajilli Feesbuukii sababa qoruumsa barattoota kutaa 12ffaatiin guyyoota muraasaaf akka addaan citu taasifamee ture har'a waaree booda deebi'uun tajaajila kennuu eegaleera.

Barattoonni tibbana qoruumsa fudhachaa turan yaada kennaniin Mootummaan barattoonni oduu jette jettee irraa bilisa ta'uudhaan qoruumsa akka fudhataniif tarkaanficha fudhachuun isaa sirrii akka ta'e yaada kennaniin mirkaneessaniiru.

Haa ta'u malee qaamoleen tokko tokko tarkaanfii mootummaan aantummaa ummata bal'aadhaaf qabuun fudhate kana sirrii miti jechuun qeeqaa tutan.

Qoruumsi barattoota kutaa 12ffaa seensa dhaabbilee baruumsa ol'aanaa wixata darbe eegalame kamisa har'aa kana haala milkaa'aa ta'een xumurameera.

Humnoonni milkaa'ina kana hin feene kan biyya keessaafi biyya alaa jiran ijifannoo galmeeffame kanaan akka dallanan ni beekama

Egaa hunda gammachiisuun hin danda'aamu waan ta'eef humnoonni fedhiin isaanii utuu hin guutin jalaa fashalaa'ee hafe gaddarra waan jiraniif jajjabina kan hawwuufii barbaaddan jarreen gaddarra turaniniif jajjabina hawwaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman