Adaamaan lolaadhaan miidhamte,haabirmannuuf!

Balaa lolaa wajjin wal qabatee durumaanuu teessumni lafa magaalaa Adaanmaa yaaddessaadha.

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti rooba cimaa kaleessa galgala sa'aatii lamaaf walitti aansuun roobeen miidhaan ol'aanaan mudateera.

Balaan kun gandoolee bulchiinsa Magaalaa Adaamaa 5 kan miidhe yammuu ta'u kanaanis qabeenyi ummataa miidhameera.

Bulchiinsi magaalaa Adaamaa miidhaa balaan kun geessise dandamachuuf hawaasa wajjin hojjechaa jira.Odeeffannoo hanga ammaatti jiruun balaan kun lubbuu Daa'ima tokkoo akka galaafate beekameera.

Gandoolee shan jechuun waan xiqqaa miti.Gandolee kana keessa ummanni hedduun akka jiraatu tilmaamuun rakkisaa miti.Qabeenyi jiraattotaa balaa kanaan miidhame jechuun ammoo maatiin tokkoon tokkoonsaa miidhameera,rakkoo hawaas-diinagdeetiif saaxilameera jechuudha.

Kanaaf jiraattoota magaalaa Adaamaa balaa kanaan miidhamaniif lammiin,dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa birmachuutu irraa eegama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

Nuu jiraadhu Oromiyaa!!

ቤተ መንግሥት ድረስ ገብተው ጉድ ሊሰሩን የነበሩ የሠራዊቱ አባላት መኖራቸውን ካሰብን......