Misoomaafi guddina biyyaatiif kan quuqamu hundi haa tumsu!

Qabeenyi lafaa qabnu kan dhuunfotaa miti.Lafti qabeenya Ummataafi Mootummaati jedhamuun heera mootummaa irratti wabiifi beekkamtii argatee kan taa’es kanumaafi.Akkuma biyyaattuu qabeenyi qabnu humna Namaafi lafadha.

Qabeenyi lafaa qabnu ammoo madda guddina diinagdee keenyaati.Lafa madda guddina diinagdee biyya keenyaa ta’e kana kunuunsuudhaan  seeraan ittii fayyadamuun murteessaadha.
Keessumattuu qabeenyi lafaa Magaaloota keessatti argamu madda rakkoo kiraa sassaabdummaa ta’uudhaan rakkooleen gara garaa akka uumaman taasisaa tureera.
Rakkoon qabeenya lafaa wajjin walqabatee magaaloota Oromiyaa gara garaa keessatti kanaan dura mudate lammata akka hin mudanneef qaamoleen dhimmi ilaallatu marti qindoominaan hojjechuutu irraa eegama.
Ejensiin Misooma fi bulchiinsa Lafa Magaalaa Oromiyaa dhimmoota magaalaa keessatti akka rakkootti adda bahanii ilaalaman furuudhaaf qaamoleen dhimmii ilaallatu hunduu qindaa'uudhaan akka hojjetaniif carraaqaa jira.
Ejenssichi tibbana Magaalaa Adaamaatti mata duree "Bulchinsa Lafa Magaalaa Ammayyaa'aa Diriirsuuf Riifoormiin lafa Magaalaa Murteessaadha" jedhuun Gaazexeessitoota dhaabbilee sab-quunnamtii gara garaa keessaa walitti baba’aniif waltajjii maree hubannoo uumuuf gargaaru qopheesseera.
Waltajjiin kun ejenssichaan kan qophaa’e gaazeexeessitoonni Riifoormii irratti hubannoo gahaa qabaatanii akka shoora gamasaanii gumaachaniifi jedhameera.

Egaa waa’een qabeenya lafaa yoo ka’a dhimmi malaammaltummaa gonkumaa dagatamuu hinqabu.Gocha malaammaltummaatiin kan fayyadamu dhuunfootadha. Malaammaltummaan qabeenya lafaa irratti raawwatamu Namoota dhuunfaa bira darbee bu’aan ummata bal’aadhaaf argamsiisu hin jiru.Kanaaf qabeenyi lafaa qabnu faayidaa waliin wajjniitiif akka ooluuf qaamni mootummaa dhimmi isa ilaallatu kutannoodhaan hojjechuunsaa akkuma jirutti ta’ee qaamoleen kanneen biroo itti fufiinsa misoomaafi guddina biyyaatiif quuqaman hundi tumsa barbaachisaa taasisuutu irraa eegama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa