Anatu siifbeekaan Nama raakaa jirti,Gaazexeessaas
Dhiyeenya kana
komishiiniin mirga Namoomaa Itiyoophiyaa jeeqamsa Naannoo Oromiyaafi Naannoo
Amaaraatti gartummaa irraa bilisa ta’uudhaan qoradheera jedhe mana maree bakka
bu’oota Ummataatiif dhiyeesseera.
Guyyaa gabaasi
komishiinichaa mana maree bakka bu’oota ummatatiif dhiyaate irraa eegalee
qaamoleen gara garaa hanga ammaatti dhimma kana irratti yoo walfaman dhag’amaa
jira.
Keessumattuu
humnoonni mormitootaa sirna mootummaa ammaa kana irraa jibba ol’aanaa qaban
Namoota Mootummaa toora ADWUI’n hoogganamaa jiru jibban barbaadanii jibbasaanii
akka diddigan taasisuun gaazeexeessitoonni beekaman jiu.
Raadiyoo
Ameerikaa sagantaa Afaan Amaaraa irratti kan beekaman Tizzitaa Balaachoofi
Addisuu Abbaba hojii kana adda durummaadhaan hojjechuudhaan beekamu.Namoonni
kun sirna hojiin Gaazeexeessummaa ittiin gaggeeffamuun wanti hojjetan bu’aan argamsiisu hin jiru jechuun
hin danda’amu.
Haa ta’uutii
Gaazexeessitoonni kun loogdummaan isaan paartiiwwan mormitootaaf qaban bal’aa
akka ta’e wantootuma isaan dhaggeeffattootaaf dhiyeessaa jiran irraa hubachuun
ni danda’ama.
Fakkeenyaaf
Tizzitaa Balaachoo tibbana waa’ee gabaasa
komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa mana maree bakka bu’oota
ummataatiif dhiyeesse irratti xiyyeeffachuudhaan namoota adda addaa dubbisuun dhageessiftee
jirti.Namni tun gaaffiin isheen dhiyeessituufi haalli Namoota ittiin
keessummeessitu jibbi sheen sirna Mootummaa Itiyoophiyaa irratti qabdu hangam
akka miidheen kan mul’isudha.
Tizzitaan
obboleettii ob.Kaffiyaalaw Balaachooti.Ob.Kaffiyaalaw Balaachoo ammoo yeroo
tokkotti tajaajilaa sirna kanaa turan.hoogganaa biiroo haqaa Oromiyaa ta’uudhaan
tajaajilaa akka turanis ni yaadatama.
Tizzitaan
maalumaaf sirna obboleessi ishee keessatti argamee tajaajilaa ture akkanatti
jibbuudhaan irratti hojjechaa jirti laata?kun anaaf gaaffiidha.Gaazexeessaa Addisuu
Abbaba miseensa Ihaappaa akka ture himama.Tizzitaanhoo miseensa paartii isa
kamii turte laata?Isheen ammoo miseensa ABO turte jechuun shakkuun ni danda’ama.
Hundumaafuu
Gaazexeessitoonni lameen kun Raadiyoo sagalee Ameerikaa kutaa Afaan Amaaraatti
da’eeffachuudhaan shirri mootummaa Itiyoophiyaa irratti hojjechaa tutaniifi
ammas hojjechaa jiran hammaataadha.Haa ta’uutii wixiffannaan Namoota kanaas ta’e
jibbi Namoonni dhuunfaan kanneen biroo mootummaa ummataa irratti qaban
jijjiiramni fidu hin jiru.Baddu baddi malee saree ija hindhiqan!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ